Warra Roomaatiif 9:1-33

  • Phaawulos saba Israaʼeliif gadde (1-5)

  • Sanyii Abrahaam isa dhugaa (6-13)

  • Filannaa Waaqaa irratti gaaffii kaasuun hin dandaʼamu (14-26)

    • Qodaawwan dheekkamsaa fi qodaawwan araaraa (22, 23)

  • Warra isaan irraa hafan qofatu oola (27-29)

  • Israaʼel ni gufate (30-33)

9  Ani duuka buutuu Kiristoos waanan taʼeef dhugaan dubbadha; qalbiin koo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee anaa wajjin ragaa waan baʼuuf ani hin sobu;  gaddi guddaanii fi dhiphinni wal irraa hin cinne garaa koo keessa jira.  Ani obboloota koo warra fira foonii koo taʼaniif jedhee, akka nama abaarameetti Kiristoos irraa utuun addaan baafamee illee nan gammadan ture;  isaan Israaʼelota dha. Waaqayyo akka ilmaan isaatti kan guddise,+ ulfina kan argatan, kakuun kan galame,+ Seerichi kan kenname,+ tajaajila qulqulluu dhiheessuuf mirga kan argatanii+ fi waadaan kan galame+ isaaniif ture.  Isaan sanyii abbootii keenyaa ti,+ Kiristoosis karaa foonii isaan irraa argame.+ Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru bara baraaf haa jajamu. Ameen.  Kana jechuun garuu dubbiin Waaqayyoo utuu hin raawwatamin hafeera jechuu miti. Sababiin isaas, Israaʼel irraa kan dhalate hundi dhuguma “Israaʼel” miti.+  Kana malees, sanyii Abrahaam waan taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa ti jechuu miti;+ kanaa mannaa, “Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa” jedhamee barreeffameera.+  Kanaafuu, warri akka fooniitti ijoollee taʼan dhuguma ijoollee Waaqayyoo miti;+ kanaa mannaa, akka sanyii isaatti kan lakkaaʼaman warra akka waadaa sanaatti+ ijoollee isaa taʼani dha.  Waadaan sun, “Yeroo kanatti nan dhufa, Saaraanis ilma ni deessi” kan jedhu ture.+ 10  Taʼus yeroo sanatti qofa utuu hin taʼin, yeroo Ribqaan abbaa keenya Yisihaaqiif ijoollee lakkuu ulfooftettis waadaan kun galamee ture;+ 11  Waaqayyo kan filatu hojii irratti hundaaʼee utuu hin taʼin kaayyoo isaa irratti hundaaʼee waan taʼeef, utuu isaan dhalatanii wanta gaarii yookiin wanta hamaa tokko illee hin hojjetin dura waaʼee ijoollee sanaa, 12  “Inni angafaa isa quxisuudhaaf garbicha taʼa” jedhamee ishiitti himame.+ 13  Kunis akkuma, “Ani Yaaqoobiin nan jaalladhe, Esaawuun immoo nan jibbe” jedhamee barreeffametti dha.+ 14  Egaa maal jechuu dandeenya ree? Waaqayyo haqa ni jalʼisa jechuu dhaa? Matumaa!+ 15  Sababiin isaas, inni Museedhaan, “Ani naman gaarummaa itti argisiisutti gaarummaa nan argisiisa; naman gara laafina itti argisiisuttis gara laafina nan argisiisa” jedheera.+ 16  Kanaafuu, kun fedhii namichaa yookiin carraaqqii inni godhu* irratti utuu hin taʼin, Waaqayyo isa gara laafessa taʼe irratti kan hundaaʼe dha.+ 17  Kitaabni Qulqulluun waaʼee Faraʼoon, “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi” jedha.+ 18  Kanaafuu, inni nama gara laafina itti argisiisuu barbaadutti gara laafina ni argisiisa; nama mata jabeessa akka taʼu barbaaduuf immoo ni heyyamaaf.+ 19  Kanaan kan kaʼes ati, “Erga akkas taʼee maaliif dogoggora nama irratti barbaada ree? Fedhii isaa eenyutu mormuu dandaʼa?” naan jetta taʼa. 20  Garuu yaa namaa, Waaqayyoof deebii kan deebistu ati eenyu?+ Wanti bocame tokko isa isa boceen, “Maaliif akkanatti na tolchite?” ni jedhaa?+ 21  Namni suphee dhaʼu tokko, dhoqqee suphee tokko irraa qodaa tokko hojii ulfinaatiif, qodaa isa tokko immoo hojii ulfina hin qabneef tolchuuf suphee sana irratti aangoo hin qabuu?+ 22  Waaqayyo dheekkamsa isaa mulʼisuu fi humna isaa beeksisuu kan barbaadu taʼus, qodaawwan dheekkamsaa badiisni isaaniif malutti obsa guddaa kan argisiise yoo taʼe hoo? 23  Akkasumas, kana kan godhe qodaawwan gara laafinaa+ warra dursee ulfina isaatiif qopheesse irratti, 24  jechuunis, nu warra Yihudoota gidduudhaa qofa utuu hin taʼin, saboota kaan gidduudhaa waame irrattis ulfina isaa isa guddaa mulʼisuuf+ yoo taʼe hoo? 25  Kun immoo akkuma inni kitaaba Hoseʼaa keessattis akkana jedhee dubbatetti dha: “Ani warra saba koo hin taane+ ‘saba koo’ jedhee nan waama; ishii hin jaallatamnes, ‘jaallatamtuu’+ jedhee nan waama; 26  akkasumas bakkuma, ‘Isin saba koo miti’ itti jedhamanitti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii waamamu.”+ 27  Kana malees, Isaayyaas sagalee guddaadhaan waaʼee Israaʼel akkana jedheera: “Lakkoofsi ilmaan Israaʼel akka cirracha galaanaa yoo taʼe iyyuu, warra isaan irraa hafan qofatu oola.+ 28  Sababiin isaas, Yihowaan* lafa irratti ni murteessa, kanas yeroo gabaabaa keessatti* ni raawwata.”+ 29  Kana malees, akkuma Isaayyaas dursee dubbate, “Yihowaan* Gooftaan Raayyaa utuu sanyii nuuf hin hambisne taʼee, silaa akkuma Sodoom taana, Gomoraas ni fakkaanna turre.”+ 30  Egaa, maal jechuu dandeenya ree? Saboonni kaan, qajeelummaa kan hin hordofne taʼanis, qajeelummaa isa karaa amantii argamu argataniiru;+ 31  Israaʼel garuu seera qajeelummaa kan hordofe taʼus, seera sana hin raawwanne. 32  Maaliif? Sababiin isaas, isaan kana gochuuf kan yaalan amantiidhaan utuu hin taʼin hojiidhaan ture. Kanaafuu, “dhagaa gufachiisuun” ni gufatan;+ 33  kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa gufachiisuu fi kattaa kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa;+ haa taʼu malee, namni isatti amanu hin qaanaʼu” jedhamee barreeffametti dha.+

Miiljaleewwan

Kal., “isa hawwu yookiin isa fiigu.”
Ykn., “ariitiidhaan.”