Wangeela Yohaannis 3:1-36

  • Yesuusii fi Niqoodimos (1-21)

    • Lammata dhalachuu (3-8)

    • Waaqayyo addunyaa jaallate (16)

  • Yohaannis yeroo dhumaatiif waaʼee Yesuus dhugaa baʼe (22-30)

  • Isa gubbaadhaa dhufe (31-36)

3  Fariisota keessaa geggeessaan Yihudootaa Niqoodimos+ jedhamu tokko jira ture.  Inni halkan keessa gara Yesuus dhufee,+ “Rabbii,+ ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana+ hojjechuu dandaʼu hin jiru”+ isaan jedhe.  Yesuusis deebisee, “Dhuguma dhuguman siin jedha, eenyu iyyuu lammata yoo dhalate*+ malee, Mootummaa Waaqayyoo arguu hin dandaʼu”+ isaan jedhe.  Niqoodimosis, “Namni tokko erga guddatee booda akkamitti dhalachuu dandaʼa? Gadameessa haadha isaatti deebiʼee lammata dhalachuu dandaʼaa?” isaan jedhe.  Yesuusis akkana jedhee isaaf deebise: “Dhuguma dhuguman siin jedha, namni kam iyyuu bishaanii+ fi hafuura+ irraa yoo dhalate malee, Mootummaa Waaqayyootti galuu hin dandaʼu.  Wanti foon irraa dhalate fooni; wanti hafuura irraa dhalate immoo hafuura.  ‘Isin lammata dhalachuu qabdu’ waanan siin jedheef hin dinqisiifatin.  Qilleensi gara barbaadetti qilleensaʼa, atis sagalee isaa ni dhageessa; garuu eessaa akka dhufuu fi eessa akka dhaqu hin beektu. Namni hafuura irraa dhalate+ hundi akkuma kana.”  Niqoodimosis deebisee, “Wantoonni kun akkamitti taʼuu dandaʼu?” isaan jedhe. 10  Yesuusis akkana isaan jedhe: “Ati barsiisaa Israaʼel taatee utuu jirtuu wantoota kana hin beektuu? 11  Dhuguma dhuguman siin jedha, nuti wanta beeknu dubbanna, wanta argines dhugaa baana; isin garuu wanta nuti dhugaa baane hin fudhattan. 12  Wantoota lafa irraa yommuun isinitti himu erga hin amantan taʼee, wantoota samii irraa yoon isinitti hime akkamitti amantu? 13  Kana malees, Ilma namaa isa samii irraa gad buʼe+ malee, namni gara samiitti ol baʼe tokko illee hin jiru.+ 14  Akkuma Museen lafa onaa keessatti bofa fannise,+ Ilmi namaas fannifamuu qaba;+ 15  kunis, isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi.+ 16  “Isatti kan amanu* hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf+ malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.+ 17  Sababiin isaas, Waaqayyo Ilma isaa gara addunyaatti kan erge, addunyaan karaa isaa akka fayyuuf+ malee akka inni addunyaatti murteessuuf miti. 18  Isatti kan amanu kamitti iyyuu hin murteeffamu.+ Isatti kan hin amanne hundi, maqaa Ilma Waaqayyoo isa tokkichaatti waan hin amanneef, ammuma iyyuu itti murteeffameera.+ 19  Wanti murtiidhaaf buʼuura taʼu kana dha: ifni gara addunyaa dhufeera;+ namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan taʼeef, ifa utuu hin taʼin dukkana jaallatan. 20  Wanta hamaa hojjechuu kan amaleeffate hundi ifa ni jibba; hojiin isaa akka hin saaxilamneef inni gara ifaatti hin dhufu. 21  Wanta dhugaa kan hojjetu hundi garuu hojiin isaa fedhii Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼuun isaa akka mulʼatuuf gara ifaatti+ dhufa.” 22  Kana booda Yesuusii fi barattoonni isaa gara baadiyyaa Yihudaa dhaqan; achittis isaanii wajjin yeroo muraasa dabarse, ni cuuphas ture.+ 23  Haa taʼu malee, Yohaannisis bishaan hedduun achi waan jiruuf,+ Enoon ishii Saalim biratti argamtutti cuupha ture; namoonnis dhufanii ni cuuphamu turan;+ 24  Yohaannis yeroo sanatti mana hidhaa hin galle ture.+ 25  Barattoonni Yohaannis sirna qulqulleeffamuu ilaalchisee Yihudii tokkoo wajjin wal falman. 26  Achiis isaan gara Yohaannis dhufanii, “Rabbii, namichi sii wajjin Yordaanos gama ture inni ati waaʼee isaa dhugaa baate+ sun cuuphaa jira; namni hundis gara isaa dhaqaa jira” isaan jedhan. 27  Yohaannisis deebisee akkana jedhe: “Namni tokko samii irraa yoo isaaf kenname malee, waan tokko iyyuu argachuu hin dandaʼu. 28  ‘Ani isa isa dura ergame sana dha+ malee Kiristoos miti’+ jechuu koo isinumti iyyuu dhugaa anaaf baatu. 29  Inni misirroo qabu hundi misirricha+ dha. Michuun misirrichaa garuu yommuu dhaabbatee sagalee isaa dhagaʼu, sagalee misirrichaatiin kan kaʼe guddaa gammada. Kanaafuu, amma gammachuun koo guutuu taʼeera. 30  Inni dabalaa adeemuu qaba; ani immoo hirʼachaa adeemuun qaba.” 31  Inni gubbaadhaa dhufe+ warra kaan hundumaatii oli dha. Inni lafaa immoo kan lafaa ti, wantoota lafaas ni dubbata. Inni samii irraa dhufe warra kaan hundumaatii oli dha.+ 32  Inni wanta argee fi dhagaʼe dhugaa baʼeera;+ garuu namni tokko iyyuu wanta inni dhugaa baʼe hin fudhanne.+ 33  Namni wanta inni dhugaa baʼe fudhate, Waaqayyo dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera.*+ 34  Waaqayyo hafuura isaa qusatee* waan hin kennineef, namni Waaqayyo erge dubbii isaa dubbata.+ 35  Abbaan Ilma ni jaallata,+ wanta hundumaas harka isaatti dabarsee kenneera.+ 36  Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba;+ Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata+ malee jireenya hin argu.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “olii yoo dhalate.”
Ykn., “Isatti akka amanu hojiidhaan kan argisiisu.”
Kal., “chaappaa isaa kaaʼeera.”
Ykn., “safaree.”