Zakkaariyaas 4:1-14

  • Mulʼata 5: Baattuu ibsaa fi mukeetii ejersaa lama (1-14)

    • “Jabina namaatiin utuu hin taʼin, hafuura kootiin” (6)

    • Guyyaa hojicha keessaa xinnoon itti jalqabame hin tuffatinaa (10)

4  Maleekaan inni naa wajjin dubbachaa ture sunis deebiʼee dhufee akkuma nama tokko hirribaa dammaqsanitti na dammaqse.  Achiis, “Maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe. Anis akkana nan jedhe: “Kunoo, baattuu ibsaa guutummaatti warqii irraa hojjetamee+ fi fiixee isaa irra saanii golboon jiru tokkotu natti mulʼata. Ibsaawwan torba, eeyyee, ibsaawwan torba isa irra jiru;+ ibsaawwan fiixee isaa irra jiran kunis ujummoowwan torba qabu.  Isa biras mukeetiin ejersaa* lama jiru;+ isaanis inni tokko karaa mirgaa saanii golboo sanaa, inni tokko immoo karaa bitaa isaa jira.”  Achiis maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Yaa gooftaa koo, wantoonni kun maal argisiisu?” jedheen gaafadhe.  Kanaafuu, maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun, “Wantoonni kun maal akka argisiisan hin beektuu?” jedhee na gaafate. Anis, “Lakki, gooftaa koo” jedheen deebise.  Innis akkana naan jedhe: “Dubbiin Yihowaa Zarubaabeliif ergame isa kana: ‘“Wantoonni kun hundi humna waraanaatiin yookiin jabina namaatiin utuu hin taʼin,+ hafuura kootiin raawwatamu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  Yaa gaara guddaa nana, ati eenyu? Zarubaabel+ duratti lafa diriiraa* ni taata.+ Iyyi, “Akkam bareeda! Akkam bareeda!” jedhu utuma dhagaʼamuu inni dhagaa fiixee fidee ni kaaʼa.’”  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Harki Zarubaabel buʼuura mana kanaa kaaʼeera,+ kan ijaaree xumurus harkuma isaa ti.+ Isinis gara keessanitti kan na erge Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼuu isaa dhugumaan ni hubattu. 10  Guyyaa hojicha keessaa xinnoon qofti hojjetamuu itti jalqabe* kan tuffate eenyu?+ Isaan harka Zarubaabel keessatti tumbii* yommuu argan ni gammadu. Isaan kun torban ijawwan Yihowaa guutummaa lafaa irra naannaʼani dha.”+ 11  Achiis, “Mukeetiin ejersaa lamaan baattuu ibsaa sana irraa gara mirgaa fi gara bitaatiin jiran maal argisiisu?”+ jedheen isa gaafadhe. 12  Ammas siʼa lammaffaadhaaf, “Dameewwan* mukeetii ejersaa ujummoowwan warqii lamaan sana keessaan dhangalaʼaa warqii fakkaatu yaasan lamaan maal argisiisu?” jedheen isa gaafadhe. 13  Kanaafuu inni, “Wantoonni kun maal akka argisiisan hin beektuu?” jedhee na gaafate. Anis, “Lakki, gooftaa koo” jedheen deebise. 14  Innis, “Kanneen kun dibamtoota lamaan Gooftaa guutummaa lafaa bira dhaabbatani dha”+ naan jedhe.

Miiljaleewwan

Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “dirree.”
Ykn., “Guyyaa wantoota xixinnoo.”
Kal., “dhagaa, qorqorroo.”
Jechuunis, dameewwan firii hedduu baatan.