Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

A4

Maqaa Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Keessatti

Maqaa Waaqayyoo qubee Ibrootaa duriitiin barreeffamee fi boojuu Baabilon dura hojii irra oolaa ture

Maqaa Waaqayyoo qubee Ibrootaatiin barreeffamee fi boojuu Baabilon booda hojii irra oolaa ture

Maqaan Waaqayyoo inni dubbifamaa Afaan Ibrootaa afuriin (יהוה) barreeffamu, Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti gara siʼa 7,000 argama. Kitaabni kun qubeewwan arfan Tetiraagiraamaatanii jedhaman kana “Yihowaa” jechuudhaan hiikeera. Maqaan kun maqaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman hunda caalaa baayʼinaan argama. Namoonni geggeessaa hafuuraatiin Kitaaba Qulqulluu barreessan Waaqayyoon ibsuuf maqaa ulfinaa fi ibsawwan hedduu kan akka “Isa Hundumaa Dandaʼu,” “Isa Hundaa Olii,” fi “Gooftaa” jedhanitti kan fayyadaman taʼus, maqaan dhuunfaa Waaqayyoon adda baasuuf itti fayyadaman Tetiraagiraamaatanii qofa dha.

Yihowaan namoota Kitaaba Qulqulluu barreessan hafuura isaatiin geggeessuudhaan maqaa isaatti akka fayyadaman godheera. Fakkeenyaaf, Yooʼel, “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya” jedhee akka barreessu godheera. (Yooʼel 2:​​32) Faarfataan tokkos, “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan” jechuudhaan akka barreessu godheera. (Faarfannaa 83:18) Maqaan Waaqayyoo Kitaaba Faarfannaa keessatti qofa al 700 ol argama; kitaabni walaloo kun kan qophaaʼe sabni Waaqayyoo yeroo sana turan walaloo kana akka faarfatanii fi irra deddeebiʼanii akka dubbisaniif ture. Erga akkas taʼee, maqaan Waaqayyoo hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu keessatti kan hin argamne maaliifi? Hiikkaan kun maqaa kana “Yihowaa” jedhee barreessuu kan filate maaliifi? Maqaan Waaqayyoo inni “Yihowaa” jedhamu hiikni isaa maali dha?

Kutaa Kitaaba Faarfannaa Dh.K.B. walakkeessa jaarraa tokkoffaatti barreeffamee fi Maraa Kitaabaa Galaana Duʼaa keessaa argame. Barreeffamni kun kan qophaaʼe akkaataa barreeffamaa Afaan Ibrootaa boojuu Baabilon booda balʼinaan faayidaa irra oolaa tureen taʼus, Teetiraagiraamaataniin barreeffamicha irratti argamu qubeewwan Afaan Ibrootaa duriitiin kan barreeffame dha

Maqaan Waaqayyoo hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu keessatti kan hin argamne maaliifi? Kana ilaalchisee sababa garaagaraatu jira. Namoonni tokko tokko Waaqa Hundumaa Dandaʼuuf maqaan adda taʼe akka hin barbaachisne isaanitti dhagaʼama. Warra kaan irratti immoo Yihudoonni sodaa maqaa Waaqayyoo xureessina jedhuun, maqaa kanatti fayyadamuu dhiisuun isaanii dhiibbaa kan isaan irratti godhe fakkaata. Namoonni kaan immoo namni akkaataa maqaan Waaqayyoo itti waamamu sirriitti beeku waan hin jirreef, maqaa ulfinaa kan akka “Gooftaa” ykn “Waaqa” jedhanitti fayyadamuu wayya jedhanii amanu. Haa taʼu malee, mormiin akkasii sababa kanaa gaditti ibsameen kan kaʼe quubsaa miti:

  • Namoonni Waaqni Hundumaa Dandaʼu maqaan addaa isa hin barbaachisu jedhan ragaalee Kitaabota Qulqulluu bara Kiristoos dura turanii fi hanga yoonaatti jiran dabalatee, koppiiwwan Kitaabota Qulqulluu bara durii maqaa dhuunfaa Waaqayyoo akka qabatan argisiisan hin fudhatan. Akkuma olitti ibsame Waaqayyo geggeessaa hafuura isaatiin maqaan isaa Dubbii isaa keessatti gara siʼa 7,000 akka barreeffamu godheera. Kanaafuu, maqaa isaa akka beeknuu fi akka itti fayyadamnu akka barbaadu ifa dha.

  • Hiiktonni sodaa aadaa Yihudootaatiin kan kaʼe maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessaa baasan, wanta barbaachisaa taʼe tokko hin hubanne. Barreessitoonni Yihudii taʼan tokko tokko maqaa Waaqayyoo waamuu kan hin barbaanne taʼus, Kitaaba Qulqulluu yeroo garagalchanitti maqaa kana keessaa hin baasne. Maqaan Waaqayyoo, maraawwan kitaabaa Kumraan ishii naannoo Galaana Duʼaatti argamtu keessaa argaman keessatti iddoo hedduutti argama. Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko maqaa Waaqayyoo isa barreeffama jalqabaa keessatti argamu, maqaa ulfinaa “GOOFTAA” jedhu qubee guguddaadhaan barreessanii akka bakka buusan dubbatu. Haa taʼu malee, ammas gaaffiin kaʼu jira: Namoonni kun maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa kuma hedduu caqasamee akka jiru utuu beekanii, maqaa biraatiin bakka buusuuf ykn Kitaaba Qulqulluu keessaa baasuuf mirga akka qaban kan itti dhagaʼame maaliifi? Jijjiirama akkasii gochuuf aangoo kan isaaniif kenne eenyu? Kana isaantu beeka.

  • Namoonni maqaan Waaqayyoo akkamitti akka dubbifamu sirriitti waan hin beekamneef itti fayyadamuu hin qabnu jedhan, maqaa Yesuusitti garuu ni fayyadamu. Haa taʼu malee, akkaataan duuka buutonni Yesuus jaarraa tokkoffaatti turan Yesuusiin itti waaman, akkaataa Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hedduun itti waaman irraa adda dha. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan Yesuusiin waamaa kan turan Yesh​u​ʼaa jedhanii taʼuu hin oolu. Maqaa ulfinaa isa “Kiristoos” jedhu immoo Mash​i​ʼak ykn “Masiihii” jedhanii waamu turan. Kiristiyaanonni Afaan Giriikii dubbatan Iyeesoowus Kihiristos, warri Afaan Laatiinii dubbatan immoo Iyesuus Kiristas jedhanii isa waamu turan. Maqaan isaa inni gara Afaan Giriikiitti hiikame geggeessaa hafuura qulqulluutiin Kitaaba Qulqulluu keessatti galmaaʼeera; kunis Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akkaataa afaan isaaniitiin baramaa taʼeen maqaa isaatti fayyadamaa akka turan kan argisiisu dha. Haaluma walfakkaatuun, maqaan “Yihowaa” jedhu akkaataa Ibroonni durii itti dubbisanii wajjin tokko taʼuu baatus, Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa akkaataa barreeffamaa kanatti fayyadamuun sirrii akka taʼe itti dhagaʼama.

Kitaabni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maqaa kana “Yihowaa” jedhee barreessuu kan filate maaliifi? Qubeewwan Tetiraagiraamaatanii arfan (יהוה) Afaan Oromootiin dubbifamoota YHWH jedhamaniin bakka buufamu. Akkuma jechoonni Afaan Ibrootaa duriitiin barreeffaman kaan dubbachiiftuu hin qabne, Tetiraagiraamaataniinis dubbachiiftuu hin qabu. Yeroo Afaan Ibrootaa durii hojii irra oolaa turetti, namoonni barreeffama dubbisan salphaadhumatti dubbachiiftuu bakka sanaaf taʼu keessa galchanii dubbisu turan.

Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa barreeffamanii erga xumuramanii gara waggaa kuma tokkoo booda, hayyoonni Yihudootaa tuqaalee ykn mallattoowwan barreeffamoota gidduu galchuudhaan, mala yeroo barreeffama Ibrootaa dubbisanitti dubbachiiftuu kamitti fayyadamuu akka qaban adda baasuuf gargaaru qopheessaniiru. Haa taʼu malee, Yihudoonni yeroo sana turan hedduun maqaa Waaqayyoo sagalee ol fuudhanii waamuun dogoggora akka taʼetti waan amananiif, ibsa maqaa Waaqayyoo bakka buʼuu dandaʼa jedhanii yaadanitti fayyadamuu jalqaban. Kanaafuu, Tetiraagiraamaatanii kana yeroo garagalchanitti, dubbachiiftuuwwan ibsa bakka buusanii fayyadaman sana keessa turan dubbifamoota arfan maqaa Waaqayyoo bakka buʼan keessa galchuudhaan barreessuu hin oolan. Kana irraa kan kaʼes, barreeffamoonni tuqaalee dubbachiiftuu bakka buʼan fayyadamuudhaan barreeffaman, maqaan Waaqayyoo jalqaba Afaan Ibrootaatiin akkamitti dubbifamaa akka ture adda baafachuuf nu gargaaruu hin dandaʼan. Namoonni tokko tokko maqaan kun “Yaahwee” jedhamee dubbifamaa akka ture kan dubbatan yeroo taʼu, warri kaan immoo filannoowwan garaa garaa caqasu. Maraan Kitaabaa Galaana Duʼaa kutaa Kitaaba Leewwotaa Afaan Giriikiitiin barreeffame of keessatti qabate, maqaa Waaqayyoo qubee Afaan Giriikiitiin Iao jechuudhaan barreesseera. Kana malees, barreessitoonni Giriikii dur turan maqaan Waaqayyoo Iae, I·a·beʹ, akkasumas I·a·ou·eʹ jedhamee dubbifamuu akka qabu dubbatu. Haa taʼu malee, yaada tokkotti cichuun sirrii miti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii turan maqaa kana akkamitti waamaa akka turan hin beeknu. (Uumama 13:​4; Baʼuu 3:​​15) Waaqayyo yeroo saba isaatti dubbatetti yeroo baayʼee maqaa isaatti akka fayyadame, sabni isaas maqaa isaatiin isa waamaa akka turanii fi namoota kaanii wajjin yeroo haasaʼanis maqaa isaatti fayyadamaa akka turan garuu beekna.​​​—​Baʼuu 6:​2; 1 Mootota 8:​​23; Faarfannaa 99:​9.

Erga akkas taʼee, hiikkaan kun maqaa kana “Yihowaa” jedhee barreessuu kan filate maaliifi? Akkaataan maqaan Waaqayyoo itti barreeffamu kun afaanota hedduu keessatti seenaa dheeraa waan qabuufi; Kitaabni Qulqulluu Afaan Oromoo bara 1877tti hiikames Baʼuu 6:3 irratti maqaa kanatti fayyadameera.

Maqaa Waaqayyoo Pentaatuukii Wiiliyaam Tiindal bara 1530tti hiike keessatti Uumama 15:2 irratti argamu

Maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa keessatti yeroo jalqabaatiif kan ibsame bara 1530tti, hiika Pentaatuukii Wiiliyaam Tiindal qopheesse keessatti dha. Wiiliyaam Tiindal “Iehouah” jedhee barreesseera. Yeroo booda Afaan Ingiliffaa jijjiiramaa kan dhufe yeroo taʼu, qubeen maqaa Waaqayyoos fooyyaʼaa dhufe. Fakkeenyaaf, bara 1612tti Henarii Eyiinisworzi Kitaaba Faarfannaa yeroo hiiketti, akkaataa barreeffamaa “Iehovah” jedhutti fayyadameera. Bara 1639tti yeroo barreeffamni kun fooyyeffamee hiika Pentaatuukii wajjin maxxanfametti maqaan kun “Jehovah” jedhamee barreeffameera. Bara 1901tti namoonni hiika Kitaaba Qulqulluu Ameerikaan Istaandaardi Varshin jedhamu hiikan, bakka maqaan Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti argamu hundatti “Jehovah” isa jedhutti fayyadamaniiru.

Hayyuu Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Joosef Biryaanti Roozarhaam, barreeffama isaa Istadiis in za Saalmis jedhamuu fi bara 1911tti qopheesse irratti, maqaa “Yaahwee” jedhutti fayyadamuu mannaa maaliif isa “Jehovah” jedhutti akka fayyadame yeroo ibsu, “akkaataa barreeffamaa namoota Kitaaba Qulqulluu dubbisan hunda biratti baramaa taʼe (akkasumas, fudhatama qabu)” fayyadamuu waan barbaadeef akka taʼe dubbateera. Bara 1930ttis hayyuun Aleeksaandar Firaansis Kiirikpaatriik jedhamu, maqaa “Jehovah” jedhutti fayyadamuu ilaalchisee yaada wal fakkaatu dubbateera. Akkas jedheera: “Hayyoonni seerlugaa tokko tokko, maqaan Waaqayyoo Yahveh ykn Yahaveh jedhamee dubbifamuu qaba jedhu; haa taʼu malee, ‘JEHOVAH’ inni jedhu Afaan Ingiliffaa keessatti baayʼee baramaa waan taʼe fakkaata. Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe akkaataa dubbisa isaa miti; kanaa mannaa, maqaan kun maqaa ulfinaa kan akka ‘Gooftaa’ jedhuu fi namoonni isaaf baasan utuu hin taʼin, Maqaa Dhuunfaa akka taʼetti beekkamtii argachuu isaa ti.”

Teetiraagiraamaatan, YHWH: “Akka Taʼu Godha”

HWH: “taʼuu”

Maqaan Yihowaa jedhu hiikni isaa maali dha? Afaan Ibrootaa keessatti maqaan “Yihowaa” jedhu hiika “taʼuu” jedhu qaba; hayyoonni hedduun jechi kun gochima Afaan Ibrootaa raawwachiisuu argisiisu akka taʼetti yaadu. Kanaafuu, Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maqaan Waaqayyoo hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabutti hubata. Hayyoonni ilaalcha garaa garaa qabu; kanaafuu, hiikni maqaa kanaa kana taʼuu qaba jennee cichuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee hiikni kun, gaʼee Yihowaan Uumaa waan hundumaa taʼuudhaan qabuu fi kaayyoo isaa kan galmaan gaʼu taʼuu isaa wajjin kan wal simu dha. Inni akka taʼan kan godhe hawaa fi qaamota yaaduu dandaʼan qofa miti; yeroodhaa gara yeroottis fedhiin isaa fi kaayyoon isaa akka taʼu gochuu isaa itti fufa.

Kanaafuu, hiikni maqaa Yihowaa yaada Baʼuu 3:​14 irratti argamu qofa miti; yaanni caqasichaa akkas jedha: “Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa” ykn “Wantan Taʼu Nan Taʼa.” Jechoonni kun maqaa Waaqayyoo guutummaa guutuutti hin ibsan. Kanaa mannaa, wantoota hunda irratti kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaachisu hunda akka taʼu ibsu; kunis eenyummaa isaa keessaa tokko dha. Kanaafuu, maqaan Yihowaa jedhu yaada kana kan dabalatu taʼus, Yihowaan wanta ofii isaatii taʼuu filatu akka taʼu qofa kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, uumama isaa fi raawwatamuu kaayyoo isaa wajjin haala wal qabateen wantoota inni akka taʼan godhus ni dabalata.