Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 32

Yesus Eegumsa kan Argate Akkamitti?

Yesus Eegumsa kan Argate Akkamitti?

YEROO tokko tokko Yihowaan daaʼimmaniifi namoota balaa ofirraa ittisuu hin dandeenye karaa dinqisiisaa taʼeen eega. Utuu gara baadiyyaa deemtee, karaa Yihowaan kana itti godhu keessaa isa tokko arguu dandeessa. Yeroo kanatti garuu maaltu raawwatamaa akka jiru hubachuu hin dandeessu taʼa.

Simbirroon tokko miillakee jala qubatti. Simbirroon kun kan miidhamte fakkaatti. Yeroo itti siqxu baalleeshee isa tokko lafarra harkisaa xinnoo si jalaa siqxi. Ammas yommuu itti siqxu, isheenis achi si jalaa siqxi. Sana booda garuu akkuma tasaa kaatee balaliʼuu jalqabdi. Baalleenshee hin miidhamne jechuudha. Simbirroon kun maal gochaa akka turte beektaa?—

Naannoo jalqaba simbirroo kana itti argite sana wucooleenshee manʼeesaanii keessa dhokatanii jiru turan. Simbirroon kun akkas kan gootu tarii wucooleeshee argattee akka jalaa hin miine waan sodaatteefidha. Kanaaf, kan miidhamte fakkaattee naannoo sanarraa si fageessiti. Akkuma simbirroon sun wucooleeshee eegdu, nuunoo eenyu akka nu eegu beektaa?— Macaafa Qulqulluu keessatti Yihowaan allaattii joobiraa wucooleeshee eegduu wajjin wal fakkeeffamee ibsameera.—Keessa Deebii 32:11, 12.

Simbirroon kun wucooleeshee balaarraa eegaa kan jirtu akkamitti?

Ilmi Yihowaa inni hundarra caalaa jaallatamaa taʼe Yesusidha. Yesus yommuu samiirra ture, akkuma Abbaasaa qaama hafuuraa humna guddaa qabu ture. Yeroo sanatti balaarraa of eeguuf humna qaba ture. Daaʼima taʼee yeroo lafarratti dhalate garuu, gargaarsiifi eegumsi isa barbaachisee ture.

Yesus wanta Waaqayyo akka inni raawwatu barbaadu hojjechuuf, guddatee gaʼeessa mudaa hin qabne taʼuu qaba ture. Seexanni garuu isa dura Yesusiin ajjeesisuu barbaade. Yesus yommuu daaʼima ture yaaliin Seexanni isa ajjeesisuuf godheefi karaa itti Yihowaan eegumsa isaaf godhe seenaan kun ajaaʼibsiisaa akka taʼu godheera. Atoo seenaa kana beekuu barbaaddaa?—

Yesus dhalatee yeroo muraasa booda, Seexanni wanti urjii fakkaatu gara Baha Biiftuutiin samiirratti akka mulʼatu godhe. Namoonni urjii lakkaaʼan, urjii sanaan geggeeffamanii kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu deemuudhaan Yerusaalemiin gaʼan. Erga achi gaʼanii booda, mucaan mootii Yihudootaa taʼuuf jiru eessatti akka dhalate gaafatan. Namoonni dhimma kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu beekan yommuu gaafataman, ‘Mandara Betlihem keessatti dhalata’ jedhanii deebisaniif.—Maatewos 2:1-6.

Namoonni urjii lakkaaʼan erga Yesus bira dhufanii booda, Waaqayyo Yesusiin eeguuf akeekkachiisa akkamii kenneef?

Herodis mootichi hamaan Yerusaalemiin bulchaa ture sun, mootiin haaraan kun magaalaa Betlihemitti akka dhalatu erga dhagaʼee booda, warra urjii lakkaaʼan sanaan, ‘Dhaqaatii waaʼee mucichaa hubadhaa qoraa! Sana booda deebiʼaa natti himaa’ jedhe. Herodis Yesus eessatti akka argamu beekuu kan barbaade maaliif akka taʼe beektaa?— Yesusitti waan hinaafeefi isa ajjeesisuu waan barbaadeefidha.

Waaqayyo Ilmasaatiif eegumsa kan godhu akkamittiree?— Namoonni urjii lakkaaʼan kun yommuu Yesusiin argatan kennaa kennaniif. Sana booda Waaqayyo abjuudhaan isaanitti mulʼatee, gara Herodisitti akka hin deebine isaan akeekkachiise. Kanaaf, gara Yerusaalemitti utuu hin deebiʼin karaa garabiraa gara biyyasaaniitti deebiʼan. Herodis namoonni urjii lakkaaʼan kun biyyasaaniitti akka galan yommuu dhagaʼe baayʼee aare. Inni Yesusiin ajjeesisuu waan barbaadeef, dhiirota umriinsaanii waggaa lamaa gad taʼeefi Betlihem keessa jiraatan hunda ajjeesise. Yesus garuu yeroo sanatti achi hin turre.

Haataʼu malee, Yesus akkamitti naannoo sanaa adeemuu akka dandaʼe beektaa?— Namoonni urjii lakkaaʼan sun gara biyyasaaniitti erga deebiʼanii booda, Yihowaan abbaa manaa Maariyaam kan ture Yoseef achii kaʼee gara Gibxiitti akka baqatu abjuudhaan itti hime. Herodis mootichi hamaan kun achitti Yesusiin argachuu hin dandaʼu. Waggoota muraasa boodammoo yeroo Maariyaamiifi Yoseef Yesusiin fudhatanii biyya Gibxii keessaa baʼan, Waaqayyo Yoseefiif akeekkachiisa garabiraa kenne. Yoseef, biyya Yesus nagaadhaan jiraachuu itti dandaʼu, jechuunis gara Naazireet akka dhaqu abjuudhaan itti hime.—Maatewos 2:7-23.

Yesus yeroo lammataatiif eegumsa kan argate akkamitti?

Yihowaan Ilmasaatiif akkamitti eegumsa akka godhe amma hubattee?— Haala wucoolee simbiraa haatisaanii manʼeeshee keessatti dhoksitu ykn yeroo Yesus ijoollee turetti qabuu wajjin wal fakkaatu keessatti kan argaman eenyu faʼi jettee yaadda? Ati akkasaanii mitii?— Qaamonni siinis miidhuu barbaadan jiru. Qaamonni kun eenyufaa akka taʼan beektaa?—

Macaafni Qulqulluun Seexanni akkuma leenca aaduufi nu nyaachuu barbaaduu akka taʼe dubbata. Akkuma leenci yeroo baayʼee bineensota xixinnoorratti xiyyeeffatu, Seexanniifi hafuuronni hamoonis ijoollee xixinnoorratti xiyyeeffatu. (1 Phexros 5:8) Haataʼu malee, Yihowaan Seexana caalaa humna guddaa qaba. Yihowaan ijoolleesaa eeguu ykn wanta gadhee Seexanni isaanitti fidu hunda irraa ittisuu dandaʼa.

Wanta Seexanniifi hafuuronni hamoon akka goonu barbaadan ilaalchisee kitaaba kana Boqonnaa 10ffaarratti barumsa baranne ni yaadattaa?— Eeyyee, wanta Waaqayyo dhowwe, jechuunis saalqunnamtii dogoggora taʼe akka raawwannu barbaadu. Saalqunnamtii raawwachuu kan qaban garuu namoota akkamii qofadha?— Eeyyee, gaʼeessota saala faallaa qabaniifi wal fuudhan qofadha.

Haataʼu malee, gaʼeessonni tokko tokko ijoollee xixinnoo wajjin saalqunnamtii raawwachuun kan isaan gammachiisu taʼuunsaa nama gaddisiisa. Sana booda ijoolleen sunis wanta gadhee namoota kanarraa argan raawwachuu jalqabu. Kana malees, qaama saalaasaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu jalqabu. Bara duriitti wanti magaalaa Sodoom keessatti raawwatames kanaa wajjin wal fakkaata. Macaafni Qulqulluun namoonni biyya sanaa, “dargaggoonni, jaarsoliinis hundinuu tokko illee utuu hin hafin” keessummoota dhiiraa gara Loox dhufanii wajjin saalqunnamtii raawwachuu akka barbaadan dubbata.—Uumama 19:4, 5.

Akkuma Yesus eegumsa argachuun isa barbaachisee ture, atis gaʼeessotas taʼan ijoollee sii wajjin saalqunnamtii raawwachuu barbaadan kaanirraa eegumsa argachuun si barbaachisa. Yeroo baayʼee namoonni akkasii sobanii michootakee fakkaachuu barbaadu. Wanta sii wajjin raawwachuuf jedhan yoo isaaniif dhoksite, wanta tokko akka sii godhan waadaa sii galuu dandaʼu. Haataʼu malee, namoonni kun akkuma Seexanaafi akkuma hafuurota hamoo ofittoo taʼuusaanirrayyuu, ofumasaaniitiif qofa gammachuu argachuu barbaadu. Daaʼimmanii wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaanis gammachuu argachuuf yaalu. Gochi akkasiimmoo dogoggora guddaadha.

Namoonni kun gammachuu argachuuf wanta akkamii akka raawwatan beektaa?— Tarii qaama saalaakee tuttuquuf yaalu taʼa. Yookiin qaama saalaakee qaama saalaasaanii wajjin walitti rigu taʼa. Ati garuu eenyuyyuu qaama saalaakee akka tuqu matumaa heyyamuu hin qabdu. Obboleessikee, obboleettiinkee, haatikee ykn abbaankeellee kana akka godhan heyyamuu hin qabdu. Qaamni kun kan dhuunfaakeeti!

Namni tokko karaa sirrii hin taaneen si tuttuquu yoo barbaade maal jechuu fi maal gochuu qabda?

Qaamakee namoota gocha gadhee akkasii raawwatanirraa eeguu kan dandeessu akkamitti?— Tarkaanfiin inni jalqabaa, eenyuyyuu qaama saalaakee akka hin tuttuqne dhowwuudha. Namni tokko akkas gochuu yoo barbaade sagaleekee guddisiitii, “Hin dhiistuu! Abaluttan sii hima!” jedhiin. Abbaan sun balleessaansaa kan keeti yoo siin jedhe isa hin amanin. Kun balleessaakee miti. Akkas kan godhe eenyuyyuu yoo taʼe, dhaqiitii nama baayʼee itti dhihaattu tokkotti himiif! Wanti kun iccitii lamaan keessan gidduutti hafuu qabu akka taʼe yoo sitti himellee, dhimma kana nama garabiraatti himuurraa duubatti hin jedhin. Kennaa gaarii akka sii kennu yoo waadaa sii gale ykn yoo si sossodaachisellee nama kan biraatti himiif.

Eenyuuniyyuu sodaachuu hin qabdu; taʼus of eeggannoo gochuu qabda. Warrikee namoota ykn naannoowwan gadhee taʼuu dandaʼanirraa akka fagaattu yommuu si akeekkachiisan isaan dhaggeeffachuu qabda. Akkas yoo goote, namni gadheen akka si hin miine ofirraa dhowwita jechuudha.

Saalqunnamtii sirrii hin taane ofirraa ittisuu ilaalchisee, gorsa Uumama 39:7-12; Fakkeenya 4:14-16; 14:15, 16; 1 Qorontos 6:18 fi 2 Phexros 2:14⁠rratti argamu dubbisi.