Seensa Kutaa 9
Kutaan kun waaʼee dargaggootaa, raajotaa fi mootota Yihowaa irratti amantii guddaa akka qaban argisiisanii nu barsiisa. Sooriyaa keessatti intalli xinnoon lammii Israaʼel taate tokko, raajiin Yihowaa Naʼamaaniin akka fayyisu amantii qabdi turte. Elsaaʼi raajichi Yihowaan loltoota diinaa irraa akka isa eegu amanannaa guutuu qaba ture. Yoyaadaa inni Luba Ol Aanaa ture lubbuu isaa balaadhaaf saaxilee, Yoʼaas isa mucaa xinnoo ture sana akkoo isaa ishii hamtuu taate, Ataaliyaa irraa isa oolcheera. Hisqiyaas Mootichi Yihowaan Yerusaalemiin akka oolchu amanameera, akkasumas warri Asor isaan sossodaachisuuf yaalanis isaan hin sodaanne. Yosiyaas Mootichi biyyicha keessaa waaqolii tolfamoo balleesseera, mana qulqullummaa haaresseera, akkasumas sabichi gara waaqeffannaa dhugaatti akka deebiʼu godheera.
KUTAA KANA KEESSATTI
BARUMSA 51
Loltuu Tokkoo fi Intala Xinnoo Tokko
Intalli durbaa Israaʼel tokko waaʼee humna Yihowaa isa guddaa giiftii ishiitti yommuu himtu, buʼaan isaa dinqisiisaa ture.
BARUMSA 52
Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa
Hojjetaan Elsaaʼi, ‘warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra in caaluu’ isa jedhame arguu kan dandaʼe akkamitti?
BARUMSA 54
Yihowaan Yoonaasiif Obseera
Raajiin Waaqayyoo tokko qurxummiidhaan kan liqimfame akkamitti? Achi keessaa kan baʼe hoo akkamitti? Yihowaan barumsa akkamii isaaf kenne?
BARUMSA 55
Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe
Diinonni Yihudaa Yihowaan saba isaa hin eegu jedhanii turan, garuu dogoggoranii turan!
BARUMSA 56
Yosiyaas Seera Waaqayyoo ni Jaallata Ture
Yosiyaas umurii isaa waggaa saddeetitti mootii taʼe, sabni isaa Yihowaa akka waaqeffatu gargaareera.