Dhiphina Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
BOQONNAA 13
Dhiphina Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
“Hiriyoonni koo yeroo rakkinni isaan mudatu dafeen isaaniif dhaqqaba. Gara manaatti ergan deebiʼee booda garuu kutaa koo seeneen hirqinfadhee booʼa; kana kan beekan namoota muraasa qofadha.”—Keelii.
“Yeroon dhiphadhu kophaa taʼuun barbaada. Bakkin itti affeerame yoo jiraates deemuu dhiisuuf sababiin dhiheessa. Warri koo dhiphachaa akkan jiru akka narratti hin beekneef baayʼeen of eeggadha. Kanaafuu haala gaariirra akkan jiru godhanii yaadu.”—Riik.
MIIRRI Keelii ykn Riikitti dhagaʼame sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, rakkinan qaba jettee yaaduuf hin ariifatin. Dhugaa dubbachuuf, namni hundi darbee darbee dhiphachuun isaa hin oolu. Namoonni amanamoon Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanillee miirri akkasii isaanitti dhagaʼamee ture.—1 Saamuʼel 1:6-8; Faarfannaa 35:14.
Yeroo tokko tokko, sababii itti dhiphatte beekta; yeroo kan biraatti garuu beekuu dhiisuu dandeessa. Shamarreen waggaa 19 Aanaa jedhamtu akkana jetteetti: “Haalli isaa baayʼee ulfaataa taʼuu baatullee dhiphinni sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Rakkinni si mudate jiraachuu baatus yeroo kamittiyyuu miirri akkasii sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haala isaa kana jedhanii ibsuun rakkisaadha, taʼus wanta nama mudatudha.”
Sababiin itti dhiphatte maaliyyuu yoo taʼe ykn sababii isaa beekuu baattus, yeroo dhiphattu maal gochuu dandeessa? Mee yaadawwan armaan gadii hojiirra oolchuuf yaali:
1. Miira kee baasii dubbadhu. Iyyoob yeroo baayʼee jeeqamee turetti, “Dhiphina koo isa hadhaaʼaa irraa kan [kaʼe] nan dubbadha!” jedheera.—Iyyoob 10:1.
Keelii: “Miira koo baasee yeroon dubbadhu boqonnaa guddaan argadha. Namni haalan keessa jiru beeku jiraachuun isaa na fayyadeera. Akkuma waan boolla keessaa harkisanii na baasaniitti natti dhagaʼama!”
Yaada: Maqaa nama yeroo dhiphattu miira kee itti himachuu dandeessu tokkoo armaan gaditti barreessi.
․․․․․
2. Wanta sitti dhagaʼamu barreessi. Dhiphina sitti dhagaʼamuun kan kaʼe yeroo jireenyi sitti hadhaaʼu miira kee barreessuun si gargaaruu dandaʼa. Daawit faarfannaawwan isaa keessatti dhiphina cimaa isatti dhagaʼame ibseera. (Faarfannaa 6:6) Miira sitti dhagaʼamu barreessuun ‘ogummaa fi dandeettii yaaduu kee eeggachuuf’ si gargaara.—Fakkeenya 3:21.
Heezar: “Yeroon dhiphinaan liqimfamu yaada hedduutu gara sammuu kootti dhufa; miira koo barreeffamaan ibsuun koo garuu yaada koo sassaabbachuuf na gargaara. Miira sitti dhagaʼamu ibsuunii fi sababii itti dhiphatte hubachuun kee dhiphinni kee akka hirʼatu godha.”
Yaada: Yeroo haalli rakkisaan si mudatu karaawwan gaggaarii dandamachuu itti dandeessu hubachuuf fuula 93 irra jirutti fayyadami. Akkas gochuun kee dhiphinni sitti dhagaʼamu akka hirʼatu godha.
chaartii3. Waaʼee dhimmichaa kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun wanta si yaaddessu ilaalchisee kadhannaa kan dhiheessitu yoo taʼe, ‘nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu garaa kee fi yaada kee akka eegu’ ibsa.—Filiphisiyus 4:6, 7.
Eestar: “Wanti na dhiphise maal akka taʼe yaaduuf carraaqqii godhus matumaa naaf dhufuu hin dandeenye. Gammachuu argachuuf akka na gargaaru Yihowaan kadhadhe. Sababii tokko malee dhiphachuun koo baayʼee na aarsa ture. Dhumarratti garuu dhiphinarraa bilisa taʼuu dandaʼeera. Humna kadhannaan qabu matumaa akka laayyootti hin ilaalinaa.”
Yaada: Yeroo gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessitu yaada Faarfannaa 139:23, 24 irra jiru akka fakkeenyaatti fayyadamuu dandeessa. Wanta sitti dhagaʼamu hundumaa isatti himi, wanta akka dhiphattu si taasise beekuuf akka si gargaarus kadhadhu.
Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaanis faayidaa guddaa argachuu dandeessa. Sammuu kee yaadawwan Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessaniin guutuun kee tasgabbiin akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. (Faarfannaa 1:1-3) Kitaaba kana Jildii 1ffaa fi 2ffaarraa mata duree “Nama Fakkeenya Taʼu” jedhu jalatti seenaawwan Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan argachuu ni dandeessa. Phaawulos ergamaan miira dogoggoraa cubbuu dhaaleen kan kaʼe yeroo tokko tokko isatti dhagaʼamu karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti dandamachuu akka dandaʼe Jildii 2ffaa, fuula 227 irraa dubbisuu dandeessa.
Yeroo Dhiphina Dandamachuun Sitti Ulfaatu
Dargaggeessi Raayaan jedhamu, “Yeroo tokko tokko ganama hirribaa kaʼee sireerraa buʼuun na jibbisiisa” jedheera. Raayaan dhiphina sammuu cimaa qaba; dhukkuba kana wajjin waldhaansoo kan godhu garuu isa qofa miti. Qorannoowwan akka argisiisanitti dargaggoota 4 keessaa 1 umurii gaʼeessummaarra gaʼuu isaa dura dhiphina sammuutiin ni qabama.
Atoo dhiphinni sammuu si qabeera yoo taʼe akkamitti beekuu dandeessa? Namni dhiphina sammuutiin qabame akkuma tasaa miirrii fi amallisaa jijijjiiramuu, namootarraa of fageessuu, wanta kamiyyuu gochuuf fedhii dhabuu, barsiifanni nyaataa fi hirribaa isaa garmalee jijijjiiramuu, akkasumas
gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamuu ykn miirri balleessaa sirrii hin taane isatti dhagaʼamuu dandaʼa.Mallattoowwan olitti ibsaman keessaa tokko ykn isaa ol darbee darbee namoota hundarratti mulʼachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, mallattoowwan kun torban lamaa ol yoo sirra turan warri kee gara mana yaalaa akka si geessan gaafadhu. Ogeessi fayyaa miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu sababii dhiphina sammuutiin taʼuu fi dhiisuu isaa akka hubattu si gargaaruu dandaʼa. *
Dhiphina sammuu yoo qabaatte kun si qaanessuu hin qabu. Namoonni dhiphina sammuutiin dararamaa turan hedduun yaalii fayyaa argachuu isaaniitiin isaanitti fooyyaʼeera; kanaan kan kaʼes, miira gaarii yeroo dheeraadhaaf isaanitti dhagaʼamee hin beekne qabaachuu dandaʼaniiru. Dhiphinni kan sitti dhagaʼamu sababii dhiphina sammuutiin taʼus taʼuu baatus, yaada nama jajjabeessuu fi Faarfannaa 34:18 irratti argamu kana yaadadhu: “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha.”
Dhiphina guddaadhaan liqimfamuu keetiin kan kaʼe waaʼee of ajjeesuu yaadaa jirtaa? Taanaan gargaarsa argachuu ni dandeessaa?
[Miiljalee]
^ Dargaggoonni tokko tokko yeroo dheeraadhaaf dhiphinaan yeroo liqimfaman waaʼee of ajjeesuu yaadu. Atis waaʼee kanaa yoo yaadde, miira sitti dhagaʼamu nama guddaa amantu tokkotti dafii himi.—Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 14ffaa kitaaba kanaa ilaali.
CAQASA IJOO
“Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha.”—Faarfannaa 34:18.
GORSA GAARII
Miira yeroo dhiphinaan liqimfamtu sitti dhagaʼamuu fi wanta kanaaf sababa akka taʼe yaaddu barreessi. Jiʼa tokko booda wanta barreessite sana dubbisi. Amma dhimma sana ilaalchisee miirri kee jijjiirameeraa? Taanaan, wanta si gargaare barreessi.
KANA BEEKTAA?
Dhiirallee yoo taate booʼuun si qaanessuu hin qabu. Daawit Mootichi yeroo tokko, “Halkan guutuu siree koo imimmaaniin nan jiisa. Iddoo ciisichaa koos booʼichaan nan dhiqa” jechuudhaan ifatti dubbateera.—Faarfannaa 6:6.
WANTAN GOCHUU YAADE
Miirri gaariin akka natti dhagaʼamuuf sochiiwwan armaan gadiirrattin hirmaadha ․․․․․
Namootan dhiphina koo irraanfachuuf wajjin taʼuu dandaʼu ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Booʼuun faayidaa qabaa?
● Namoota wajjin yeroo dabarsuun kee dhiphina dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 96rra jiru]
“Yeroon dhiphinaan liqimfamu namootarraa akkan of hin fageessine carraaquun qaba. Miira koo hubachuu fi booʼuuf kophaa taʼuun filadha. Sana booda garuu dhiphina koo irraanfachuuf namoota kaan wajjin taʼuu akkan qabu beeka.”—Kiristiin
[Chaartii/Fakkii fuula 93rra jiru]
Gilgaala
Dhiphina Sitti Dhagaʼamu Hirʼisuuf
Chaarticha guuti
Haala na mudate
Barsiisaan koo gatii akkan hin qabne akka natti dhagaʼamu godhe
Tarkaanfii dogoggoraa
Barumsa inni barsiisu qoʼachuu dhiisuu
Tarkaanfii sirrii
Yaada: Boqonnaa 20ffaa kitaaba kanaa ilaali
Haala na mudate
Hiriyaan koo na cufe
Tarkaanfii dogoggoraa
Maqaa isaa balleessuu
Tarkaanfii sirrii
Yaada: Jildii 2ffaarraa Boqonnaa 10 ilaali
Haala na mudate
Warri koo wal hiikan
Tarkaanfii dogoggoraa
Isaanitti haaloo qabachuu
Tarkaanfii sirrii
Yaada: Boqonnaa 4ffaa kitaaba kanaa ilaali
Haala na mudate
․․․․․
Tarkaanfii dogoggoraa
․․․․․
Tarkaanfii sirrii
․․․․․
Haala na mudate
․․․․․
Tarkaanfii dogoggoraa
․․․․․
Tarkaanfii sirrii
․․․․․
[Fakkii fuula 95rra jiru]
Gargaarsa yoo argattee fi carraaqqii yoo goote dhiphina guddaa sitti dhagaʼamu keessaa baʼuu ni dandeessa