Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hamma Kana Gadduun Koo Sirriidhaa?

Hamma Kana Gadduun Koo Sirriidhaa?

BOQONNAA 16

Hamma Kana Gadduun Koo Sirriidhaa?

Boqonnaan kun adda durummaadhaan waaʼee duʼa abbaa ykn haadhaa dandamachuu kan ibsu taʼus, gorsi isaa miseensi maatii ykn hiriyaan baayʼee nutti dhihaatu yeroo duʼuttis nu gargaara.

“Yeroo haati koo duute waanan godhun wallaale, jireenyi koos kaayyoo akka hin qabne natti dhagaʼame. Maatiin keenya tokkummaa akka qabaatu kan godhu ishii ture.”—Kaariyan.

HAADHA ykn abbaa kee duʼaan dhabuun rakkina jireenya kee keessatti si mudatu keessaa isa hundarra caaludha. Haalli akkasii yeroo si mudatu miira garaagaraa kanaan dura sitti dhagaʼamee hin beekne wajjin qabsaaʼuun si barbaachisuu dandaʼa. Biraayan yeroo abbaan isaa dhibee onneetiin duʼetti umuriin isaa waggaa 13 ture; akkana jedheera: “Galgala akka inni duʼe dhageenyetti wal hammannee booʼuu irraa kan hafe wanti gochuu dandeenyu hin jiru ture.” Naataaliin immoo yeroo abbaan ishii dhibee kaansariitiin duʼetti umurii ishii waggaa kudhan ture; akkana jetteetti: “Miirri akkamii natti dhagaʼamuu akka qabu hin beekun ture. Kanaafuu, homtuu natti hin dhagaʼamne. Hadoodeen ture.”

Duuti namootarratti dhiibbaa kan godhu karaa garaagaraatiini. Kitaabni Qulqulluun, “namni hundi madaa ofii isaa fi dhiphina ofii isaa” akka qabu dubbata. (2 Seenaa Baraa 6:29) Kana sammuutti qabachuudhaan abbaa ykn haadha kee duʼaan dhabuun dhiibbaa akkamii akka sirraan geessise yeroo muraasaaf yaadi. (1) Abbaan ykn haati kee akka duʼan yeroo jalqaba dhageessetti miirri akkamii akka sitti dhagaʼame, akkasumas (2) miira amma sitti dhagaʼamu gaditti barreessi. *

1 ․․․․․

2 ․․․․․

Deebiin kee gaddi sitti dhagaʼamu yoo xinnaate hamma tokko akka hirʼate kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Kun waanuma jirudha. Kana jechuun nama duʼaan dhabde sana irraanfatteetta jechuu miti. Gama biraatiinimmoo, gaddi sitti dhagaʼamu ammayyuu hin hirʼanne ykn itti caaleera taʼa. Tarii gaddi sitti dhagaʼamu dambalii galaanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa; akkuma tasaa miirri gaddaa cimaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu abbaan ykn haati kee erga duʼanii waggoota hedduu booda yoo taʼellee kun waanuma jirudha. Maarree gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

Booʼuurraa duubatti hin jedhin! Booʼuun kee gaddi sitti dhagaʼamu akka siif hirʼatu godha. Haa taʼu malee, akkuma Aliisiyaa sitti dhagaʼama taʼa. Aliisiyaan yeroo haati ishii duutetti umuriin ishii waggaa 19 ture. “Baayʼee gadduu koo yoon argisiise warri kaan amantii akkan hin qabnetti yaadu jedhee sodaadheen ture” jetteetti. Garuu mee yaadi: Yesuus Kiristoos nama mudaa hin qabnee fi Waaqayyorratti amantii cimaa qabu ture. Taʼus, yeroo namoota duʼa michuu isaa Alaazaaritti gaddan argetti “imimmaan isaa dhangalaase.” (Yohaannis 11:35) Kanaafuu, booʼuun si qaanessuu hin qabu. Booʼuun amantii akka dhabde kan argisiisu miti. Aliisiyaan, “Yeroo booda garuu garmaleen booʼe. Guyyaa hundumaan booʼa ture” jetteetti. *

Miira balleessaa sitti dhagaʼamu hin ukkaamsin. Kaariyan yeroo haati ishii duutetti umuriin ishii waggaa 13 ture; akkana jetteetti: “Yeroo hunda rafuu keenya dura haadha koo dhungadheen ‘Nagaan buli’ jedhaan. Gaafa tokko garuu akkas hin goone. Guyyaa ittaanutti haati koo ni duute. Akkas natti dhagaʼamuun isaa sirrii taʼuu baatus, gaafa sana galgala ishii arguu dhiisuu kootti, akkasumas wanta ganama sana uumameen kan kaʼe miirri balleessaa natti dhagaʼame. Abbaan koo hojiidhaaf bakka biraa yeroo deemu anii fi obboleettiin koo Harmee akka kunuunsinu nutti himee ture. Gaafa sana garuu dafnee hirribaa hin kaane. Gara siree ishii yeroon dhaqu Harmeen hafuura hin baafattu. Abbaan keenya yeroo deemu fayyaa waan turteef baayʼeen nahe.”

Tarii atis akkuma Kaariyan wantoota utuu hin godhin hafte ilaalchisee hamma tokko miirri balleessaa sitti dhagaʼamuu dandaʼa. “Utuun akkas godheera taʼee” jettee baayʼee of ceephaata taʼa. Fakkeenyaaf, ‘Abbaan koo mana yaalaa akka deemu utuun jajjabeesseera taʼee’ ykn ‘Haadha koo dursee utuun ilaaleera taʼee’ jettee yaadda taʼa. Yaanni akkasii si jeeqaa jira yoo taʼe kana yaadadhu: ‘Utuun akkas godheera taʼee’ jedhanii gaabbuun waanuma jirudha. Wanta gara fuulduraatti taʼu utuu beektee dursitee tarkaanfii akka fudhattu beekamaadha. Garuu wanta gara fuulduraatti taʼu hin beektu. Kanaafuu, balleessaa akka raawwatte sitti dhagaʼamuu hin qabu. Duʼa abbaa ykn haadha keetiif kan itti gaafatamu si miti. *

Miira kee namatti himadhu. Fakkeenyi 12:25, ‘Dubbii gaariin nama gammachiisa’ jedha. Miira kee keessa keetti ukkaamsitee kan qabattu yoo taʼe gadda kee dandamachuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Karaa biraatiinimmoo, wanta sitti dhagaʼamu nama amantu tokkotti yoo himte, “dubbii gaarii” yeroo gadditutti jajjabaachuuf si gargaaru argatta.

Waaqayyotti himadhu. Kadhannaadhaan garaa kee Yihowaadhaaf kan bantu yoo taʼe miirri gaariin sitti dhagaʼamuun isaa hin oolu. (Faarfannaa 62:8) Kadhannaan mala miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu godhu qofa miti. Kanaa mannaa, ‘Waaqa jajjabina hundaa isa rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessutti’ dhihaachuuf si gargaara. (2 Qorontos 1:3, 4) Karaan Waaqayyo itti nu jajjabeessu inni tokko Dubbii isaatti fayyadamuudhaani. (Roomaa 15:4) Caqasoota si jajjabeessan barreeffattee maaliif hin kaaʼattu? *

Gaddi wanta halkan tokkotti badu miti. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun jajjabina nuuf kenna; Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti abdii, “[Duuti] kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedhu nuuf kenneera. (Mulʼata 21:3, 4) Atis abdii kanarratti xiinxaluun kee gadda kee dandamachuuf si gargaara.

[Miiljaleewwan]

^ Gaaffilee kanaaf amma deebii kennuun yoo sitti ulfaate yeroo biraa deebisuuf yaaluu dandeessa.

^ Gadduu kee argisiisuuf dirqama booʼuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu. Namoonni gadda isaanii karaa adda addaatiin ibsu. Imimmaan akka si hudhe yoo sitti dhagaʼame yeroon kun ‘yeroo itti boossu’ taʼuu akka dandaʼu hubadhu.—Lallaba 3:4.

^ Miirri akkasii sitti dhagaʼamuu isaa yoo itti fufe, miira kee warra kee keessaa isa lubbuudhaan jirutti ykn nama gaʼeessa taʼe kan biraatti himi. Akkas yoo goote yeroo booda ilaalcha madaalamaa qabaachuu dandeessa.

^ Namoonni tokko tokko caqasoota kanarraa jajjabina argataniiru: Faarfannaa 34:18; 102:17; 147:3; Isaayyaas 25:8; Yohaannis 5:28, 29.

CAQASA IJOO

“[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4.

GORSA GAARII

Yaadannoo dhuunfaa qabaadhu. Abbaa ykn haadha duʼaan dhabde ilaalchisee miira sitti dhagaʼamu barreessuun kee gadda kee dandamachuuf si gargaaruu dandaʼa.

KANA BEEKTAA?

Booʼuun mallattoo dadhabinaa miti. Namoonni ciccimoon akka Abrahaam, Yoseefii fi Daawit jiranillee yeroo gaddanitti imimmaan isaanii dhangalaasaniiru.—Uumama 23:2; 50:1; 2 Saamuʼel 1:11, 12; 18:33.

WANTAN GOCHUU YAADE

Yeroon gaddaan liqimfamu akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan abbaa ykn haadha koo lubbuudhaan jiru gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Yaadannoowwan abbaa ykn haadha duʼaan dhabde wajjin dabarsiterratti yaaduun gaariidha kan jennu maaliifi?

● Wanta sitti dhagaʼamu barreessuun gadda kee dandamachuuf si gargaaruu dandaʼa kan jennu maaliifi?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 112rra jiru]

“Miira natti dhagaʼamu hunda ukkaamseen qabadhe. Utuun baasee dubbadheera taʼee gaarii ture. Gadda koo caalaatti akkan dandamadhu na gargaaruu dandaʼa ture.”—Deevid

[Saanduqa/Fakkii fuula 113rra jiru]

CHAANTEEL

“Abbaan koo waggaa shaniif dhukkubsachaa erga turee booda dhukkubni isaa itti hammaachaa deeme. Yeroo inni of ajjeesetti umuriin koo waggaa 16 ture. Sana booda haati koo wanta taʼe hunda anaa fi obboleessa koo angafaatti himte. Sirna awwaalchaa isaa ilaalchisee murtoo gochuurratti gargaarsa akka goonullee nuuf heyyamtee turte. Kunis gadda keenya dandamachuun akka nuuf salphatu godheera. Ijoolleen keessumaa dhimmoonni guguddaan akkasii utuu isaanitti hin himamin akka hafu hin barbaadan. Yeroon darbaa yommuu deemu waaʼee duʼa abbaa kootii ifatti dubbachuu dandaʼeera. Yeroon booʼuu barbaadu hundatti bakka taʼe tokko deemeen ykn hiriyaa koo tokko bira dhaqeen booʼa. Namoota haalli akkasii isaan mudateen akkana jechuun barbaada: Waaʼee isaa dubbachuu yoo barbaaddan maatii ykn hiriyoota keessanitti dhihaadhaa. Gadda keessan dandamachuuf wanta gochuun isin barbaachisu kamiyyuu gochuurraa duubatti hin jedhinaa.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 113, 114rra jiru]

LIYAA

“Haati koo yeroon waggaa 19 turetti sammuu ishii keessatti dhiigni waan dhangalaʼeef baayʼee dhukkubsatte; waggaa sadi boodas ni duute. Erga ishiin duutee booda jabaachuu akkan qabu natti dhagaʼame. Ani utuun jabaachuu baadhee haallisaa abbaa kootti baayʼee ulfaata ture. Ijoollummaa kootti yeroo na dhukkubu ykn yeroo miirri gaariin natti hin dhagaʼamne hundatti haati koo na cinaa turte. Dhagna gubaa akkan qabu beekuuf harka ishii yeroo narra keessu miira natti dhagaʼamu nan yaadadha. Yeroo baayʼee wanti akka ishiin na bira hin jirre na yaadachiisu na mudata. Yeroo akkasiitti miira koo ukkaamsuufan qorama; akkas gochuun garuu gaarii miti. Kanaafuu, yeroo tokko tokko suuraa ishii ilaaleen booʼa. Hiriyoota koo haasofsiisuun koos na gargaareera. Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼan duʼaa kaʼanii lafa jannata taaturra akka jiraatan abdii kenna. (Yohaannis 5:28, 29) Abdii haadha koo deebiʼee akkan argadhu ibsu kanarrattii fi anis achitti argamuuf wanta gochuun na barbaachisurratti yeroon xiyyeeffadhu gaddi koo ni hirʼata.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 114rra jiru]

BITAANII

“Yeroon itti Abbaa kootiin ‘Sin jaalladha’ jedhe utuun yaadadhee natti tola. Akkas akkan jedheen mirkanaaʼaadha, garuu hin yaadadhu; yaadannoo akkasii utuun qabaadhee natti tola. Yeroo inni duʼu umuriin koo waggaa shan ture. Abbaan koo utuu rafee jiruu sammuu isaa keessatti dhiigni waan dhangalaʼeef ariitiidhaan gara hospitaalaatti geeffame. Ganama sana yeroon hirribaa dammaqu akka inni duʼen dhagaʼe. Sana booda waaʼee abbaa koo haasaʼuun na jeeqa ture; yeroo booda garuu caalaatti akkan isa beeku waan na gargaaruuf waaʼee isaa dhagaʼuun na gammachiisuu jalqabe. Namoota haadha ykn abbaa duʼaan dhabaniin akkana jechuun barbaada: Yeroo waliin dabarsitan hunda yaadachuu fi yaadannoo keessan akka hin irraanfannemmoo barreessuuf yaalaa. Akkasumas addunyaa haaraa keessatti yeroo duʼaa kaʼan achitti argamuuf amantii isin barbaachisu horachuuf carraaqqii godhaa.”

[Saanduqa fuula 116rra jiru]

Gilgaala

Wanta Sitti Dhagaʼamu Barreessi

Yaadannoowwan nama gammachiisanii fi abbaa kee ykn haadha kee wajjin dabarsite muraasa tarreessi. ․․․․․

Yeroo inni ykn ishiin lubbuudhaan jiranitti utuun akkana isaaniin jedheera taʼee jettee wanta yaaddu barreessi. ․․․․․

Obboleessa ykn obboleettii quxusuu duʼa abbaa ykn haadha keessaniin kan kaʼe of ceephaʼu yoo qabaatte isaan jajjabeessuuf maal akka jettu barreessi. (Kun miira balleessaa sitti dhagaʼamu dandamachuufis si gargaaruu dandaʼa.) ․․․․․

Abbaa ykn haadha kee duʼaan dhabde ilaalchisee wanta beekuu barbaaddu lama ykn sadi barreessi; achiis warra kee keessaa inni lubbuudhaan jiru isa tokko akka sitti himu gaafadhu. ․․․․․

Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi. Abdiin caqasa kanarratti ibsame duʼa abbaa ykn haadha keetii dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti? ․․․․․

[Fakkii fuula 115rra jiru]

Gaddi sitti dhagaʼamu dambalii galaanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa; akkuma tasaa miirri gaddaa cimaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa