Ofitti Amanannaa Koo Guddifachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
BOQONNAA 12
Ofitti Amanannaa Koo Guddifachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Eeyyee Lakki
Yeroo daawwitiidhaan of ilaaltu bifa kee ni jaallataa? □ □
Dandeettii leellifamu akka qabdu sitti dhagaʼamaa? □ □
Dhiibbaa hiriyaa dandamachuu ni dandeessaa? □ □
Gorsa siif kennamu ni fudhattaa? □ □
Yeroo namoonni si ceephaʼan dandeessee bira ni darbitaa? □ □
Namoonni akka si jaallatan sitti dhagaʼamaa? □ □
Fayyaa kee ni kunuunsitaa? □ □
Namoonni kaan milkaaʼina yeroo argatan ni gammaddaa? □ □
Nama milkaaʼina qabu akka taate sitti dhagaʼamaa? □ □
Gaaffilee olitti ibsaman hedduu ‘Lakki’ jettee yoo deebiste, tarii ofitti amanannaa dhabuun kee ciminni qabdu akka sitti hin mulʼanne godhee taʼuu dandaʼa. Boqonnaan kun cimina qabdu hubachuu akka dandeessu si gargaaruuf kan qophaaʼedha.
DARGAGGOONNI hedduun bifa isaanii fi dandeettii isaanii ilaalchisee gad aantummaatu isaanitti dhagaʼama; akkasumas hiriyoota isaanii wajjin yeroo wal bira of qaban isaanii gad akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Taanaan, miirri akkasii wajjin waldhaansoo kan godhu si qofa miti.
“Dogoggorri koo gatii akkan hin qabne akka natti dhagaʼamu godheera. Yeroo baayʼee garmaleen of ceephaʼa.”—Leetisiyaa.
“Hammam miidhagduu ykn miidhagaa yoo taatellee namoota si caalaa miidhagan arguun kee hin oolu.”—Heelii.
“Yeroon namoota wajjin taʼu ‘Waaʼee koo maaltu isaanitti dhagaʼama laata?’ jedheen garmalee dhiphadha. Namoonni gatii akkan hin qabnetti na ilaalu jedheen yaaddaʼa.”—Reechal.
Atis miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe abdii hin kutatin. Gargaarsa argachuu ni dandeessa. Wantoota ofitti amanannaa siif dabalanii fi ofiif ilaalcha gaarii akka qabaattu si gargaaran sadii ilaali.
Wanta Namoota Fayyadu Raawwadhu
Caqasa ijoo. “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—Hojii Ergamootaa 20:35.
Maal jechuudha? Namoota kaan yeroo gargaartu ofii kees ni fayyadda. Akkamitti? Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Namni arjaan ni badhaadha, namni warra kaan dheebuu baasu hundis ofii isaatiif dheebuu ni baʼa” jedha. (Fakkeenya 11:25) Namoota yeroo gargaartu ofiif ilaalcha gaarii akka qabaattu homaa hin shakkisiisu. *
“Warra kaaniif maal gochuu akkan dandaʼu yaaduudhaan, wanta obboloota gumii koo keessa jiran barbaachisu guutuufan carraaqa. Namoota kaan jaallachuunii fi xiyyeeffannaa isaaniif kennuun koo miirri gaariin akka natti dhagaʼamu godha.”—Biriyaanaa.
“Tajaajila Kiristiyaanaarratti hirmaachuun ofii keessaniif utuu hin taʼin namoota kaaniif akka yaaddan waan isin taasisuuf nama kiisa.”—Jeevan.
Maatewos 6:2-4) Kaayyoon itti kakaate sirrii miti taanaan namoota gargaaruun kee faayidaa siif hin argamsiisu. Yeroo baayʼeemmoo namoonni kaayyoo gargaaruuf itti kakaate hubachuun isaanii hin oolu.—1 Tasalonqee 2:5, 6.
Of eeggannoo: Namoota gargaaruuf kan kakaatu deebisanii akka waa siif godhan yaaduudhaan taʼuu hin qabu. (Wanta gochuu dandeessu. Waaʼee nama kanaan dura gargaarte tokkoo yaadi. Maqaan isaa eenyu? Maal isaaf goote?
․․․․․
Akkas gochuu keetiin maaltu sitti dhagaʼame?
․․․․․
Ammammoo waaʼee nama gargaaruu dandeessu kan biraa yaadi; achiis maal isaaf gochuu akka dandeessu barreessi.
․․․․․
Hiriyoota Gaarii Qabaadhu
Caqasa ijoo. “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.
Maal jechuudha? Michuu gaariin yeroo rakkinni sirra gaʼu gargaarsa guddaa siif godha. (1 Saamuʼel 18:1; 19:2) Namni siif yaadu akka jiru beekuun kee qoftillee ofiif ilaalcha gaarii akka qabaattu si gargaara. (1 Qorontos 16:17, 18) Kanaafuu, namoota dhiibbaa gaarii sirratti godhanitti dhihaadhu.
“Hiriyoonni dhugaan yeroo abdii kutattu si jajjabeessu.”—Daanal.
“Yeroo tokko tokko hunda caalaa kan si barbaachisu namni garaadhaa siif yaadu akka jiru beekuudha. Kana beekuun keemmoo gatii akka qabdu akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.”—Heezar.
Of eeggannoo: Hiriyoota kee fakkaachuuf jettee wanta hin taane taatee mulʼachuuf yaaluu hin qabdu. (Fakkeenya 13:20; 18:24; 1 Qorontos 15:33) Namoonni akka si dinqisiifatan gochuuf jettee wanta sirrii hin taane raawwachuun ofitti akka qaanoftuu fi namoonni akka sitti fayyadaman akka sitti dhagaʼamu taasisa.—Roomaa 6:21.
Wanta gochuu dandeessu. Maqaa nama ofitti amanannaan kee akka guddatu si gargaaruu dandaʼu tokkoo gaditti barreessi.
․․․․․
Nama olitti caqaste wajjin yeroo dabarsuuf maaliif beellama hin qabattu?—Hubachiisa: Dirqama nama umurii keerratti argamu taʼuu hin qabu.
Dogoggora Yommuu Raawwattu Abdii hin Kutatin
Caqasa ijoo. “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoo calaqqisiisuus hin dandaʼan.”—Roomaa 3:23.
Maal jechuudha? Mudaa akka qabdu beekamaadha. Kanaafuu, dubbii keetiin ykn gocha keetiin dogoggora raawwachuun kee hin oolu. (Roomaa 7:21-23; Yaaqoob 3:2) Dogoggora raawwachuun kee kan hin oolle taʼus, miira yeroo dogoggora raawwattu sitti dhagaʼamu toʼachuu ni dandeessa.
“Yeroo tokko tokko miirri gad aantummaa kan nutti dhagaʼamu dadhabina keenya cimina nama kan biraa wajjin waan wal bira qabnuufi.”—Keevan.
“Namni hundi amala gaariis taʼe amala gadhee qaba. Amala gaarii qabnutti boonuu, amala gadhee qabnummoo fooyyessuuf carraaquu qabna.”—Looran.
Of eeggannoo: Mudaa qabaachuun kee cubbuu hojjechuuf sababa taʼuu hin qabu. (Galaatiyaa 5:13) Taʼe jettee wanta hamaa hojjechuun michummaa hundarra caalu, jechuunis hariiroo Yihowaa wajjin qabdu si dhabsiisa.—Ibroota 10:26, 27.
Wanta gochuu dandeessu. Amala fooyyessuu barbaaddu tokko gaditti barreessi.
․․․․․
Amala barreessite sana biratti guyyaa harʼaa barreessi. Amala kana akkamitti fooyyessuu akka dandeessu qorannoo godhi, achiis jiʼa tokko booda fooyyaʼiinsa akkamii akka goote beekuuf of gamaaggami.
Iddoo Waaqayyo Duratti Qabdu
Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo garaa keenya irra ni caala” jedha. (1 Yohaannis 3:20) Kana jechuun inni amala kee isa gaarii ati hin hubanne ni arga jechuudha. Taʼus, mudaa kan qabdu taʼuun kee ilaalcha Waaqayyo siif qaburratti jijjiirama ni fidaa? Qarshii abbaa 100 xinnoo tarsaʼe qabda haa jennu. Qarshichi waan tarsaʼeef ni gattaa ykn gatii akka hin qabnetti ni ilaaltaa? Lakki. Qarshiin sun tarsaʼus tarsaʼuu baatus gatiin isaa qarshii 100 dha.
Ilaalchi Waaqayyoo siif qabus akkasuma. Dadhabina kan qabdu taʼuun kee gatii isa duratti qabdurratti jijjiirama hin fidu. Carraaqqiin isa gammachiisuuf gootu iddoo guddaa akka hin qabne kan sitti dhagaʼamu taʼus, inni carraaqqii kee ni hubata, bakka guddaas ni kennaaf. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jedha.—Ibroota 6:10.
Yeroo tokko tokko baayʼee dhiphattaa? Taanaan maal gochuu dandeessa?
[Miiljalee]
^ Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo taate, ergaa Mootummichaa namootatti himuun gammachuu siif argamsiisa.—Isaayyaas 52:7.
CAQASA IJOO
“Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—Galaatiyaa 6:4.
GORSA GAARII
‘Yeroo hunda naaf hin milkaaʼu’ ykn ‘Wanta tokkollee sirriitti hojjechuu hin dandaʼu’ ofiin hin jedhin. Yaanni arbeeffame akkasii ofiif ilaalcha gad aanaa akka qabaattu godha. Dadhabina kees taʼe cimina kee hubachuuf carraaqqii godhi.
KANA BEEKTAA?
Ilaalchi ofiif qabdu ilaalcha namoonni siif qabanii fi akkaataa itti si qaban irratti jijjiirama fida.
WANTAN GOCHUU YAADE
Hiriyoonni koo yeroo na ceephaʼan akkanan godha ․․․․․
Yeroo hunda kan natti mulʼatu dadhabina koo qofa yoo taʼe akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Dargaggoonni hedduun ofitti amanannaa qabaachuun kan isaanitti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa?
● Kabaja ofiif qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 88rra jiru]
“Namni baayʼee miidhagullee fokkisaa akka taʼe isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Namni hamma kana miidhagaa hin taanemmoo baayʼee bareedaa akka taʼe yaaduu dandaʼa. Garaagarummaa kan fidu ilaalchadha.”—Aliisaa
[Fakkii fuula 90rra jiru]
Qarshiin tokko waan tarsaʼeef qofa gatiin isaa akkuma hin hirʼanne, mudaa qabaachuun kee ilaalchi Waaqayyo siif qabu akka hirʼatu hin godhu