Yeroo Hunda kan Wal Falminu Maaliifi?
BOQONNAA 2
Yeroo Hunda kan Wal Falminu Maaliifi?
Fakkeenya armaan gadiirratti akkuma ilaallu, Reechal karaa sadiin falmii sanaaf gumaacha gooteetti. Maalfaa akka taʼan adda baasuu dandeessaa? Bakka duwwaa armaan gadiirratti deebii kee barreessi; achiis “ Deebii” saanduqa fuula 20 irra jiru wajjin wal bira qabii ilaali.
․․․․․
Guyyaan isaa Roobii galgaladha. Reechal ishiin umuriin ishii waggaa 17 taʼe hojii ishii hunda waan fixxeef bashannanuuf qophoofteetti. Kanaafuu, televizyinii banattee barcuma jaallatturra teesse.
Utuma baayʼee hin turin garuu haati ishii ni dhufte; taʼus wanta argitetti hin gammanne. “Reechal! Obboleettiin kee hojii manaa akka hojjettu gargaaruu dhiistee televizyinii ilaaluudhaan yeroo kee kan gubdu maaliifi? Silaa wanta siin jedhan hin dhageessu” jetteen.
Reechalis, “Jalqabdemmoo” jette.
Achiis haati ishii ishiitti gadi jettee, “Maal jette intalaa?” jetteen.
Reechalis aariidhaan ija ishii nanaannessaa, “Homaa” jette.
Yeroo kanatti haati ishii baayʼee aartee, “Akkasitti natti hin dubbatin!” jetteen.
Reechalis, “Atoo akkamitti natti dubbachaa jirta?” jette.
Bashannanuun hafee falmii biraatu kaʼe.
HAALLI olitti ibsame si mudatee beekaa? Atii fi warri kee yeroo hunda wal falmituu? Taanaan takka dhaabbadhuutii dhimmicharratti yaadi. Wanti yeroo baayʼee falmii kaasu maalidha? Isa filatte biratti mallattoo ✔ godhi ykn iddoo “Kan biraa” jedhu biratti kan kee barreessi.
□ Ilaalcha
□ Hojii mana keessaa
□ Uffannaa
□ Saʼaatii dabarsuu
□ Bashannana
□ Hiriyoota
□ Saala faallaa
□ Kan biraa
Wanti irratti wal falmitan maaliyyuu yoo taʼe wal falmuun keessan siinis taʼe warra kee ni dhiphisa. Dubbachuu dhiisuu fi wanta warri kee jedhan hundarratti akka walii galte fakkeessuu dandeessa. Garuu Waaqayyo akkas akka gootu barbaadaa? Lakki. Kitaabni Qulqulluun, “Abbaa kee fi haadha tee kabaji” akka jedhu beekta. (Efesoon 6:2, 3) Haa taʼu malee, “dandeettii yaaduu” keetti akka fayyadamtus si jajjabeessa. (Fakkeenya 1: 1-4; Roomaa 12:1) Yeroo akkas gootutti, wantoonni cimsitee itti amantu tokko tokko kan warra keetiirraa adda taʼuu dandaʼu. Taʼus, maatii qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchu keessatti warrii fi ijoolleen wanti irratti walii hin galle yeroo jiraatuttillee nagaadhaan waliin haasaʼuu ni dandaʼu.—Qolosaayis 3:13.
Haasaa keessan gara falmiitti utuu hin jijjiirin miira kee ibsuu kan dandeessu akkamitti? “Kun rakkina isaaniiti. Yeroo hunda wantan gochuu qabu natti himuu kan barbaadan isaani!” jechuun salphaadha. Garuu mee yaadi: Warra kee dabalatee namoota kaan jijjiiruu ni dandeessaa? Jijjiiruu kan dandeessu ofii kee qofadha. Kan nama gammachiisu, ati haala isaa tasgabbeessuuf wanta sirraa eegamu yoo goote, warri kees caalaatti tasgabbaaʼuu dandaʼu, yeroo dubbattutti si dhaggeeffachuun isaaniis hin oolu.
Kanaafuu, mee falmii dhaabuuf maal gochuu akka dandeessu haa ilaallu. Yaadawwan armaan gadii hojiirra oolchuudhaan sirriitti walii galuu dandaʼuun keessan siinis taʼe warra kee dinqisiisuu dandaʼa.
● Deebisuu kee dura itti yaadi. Yeroo himatamtutti wanta jalqaba gara sammuu keetti dhufe hin dubbatin. Fakkeenyaaf haati tee, “Miʼa kana maaliif hin dhiqne? Silaa yeroo hunda wanta namni siin jedhu hin dhageessu” siin jette haa jennu. Wanti dafee gara sammuu keetti dhufu, “Maaliif na hin dhiistu?” kan jedhu taʼuu dandaʼa. Taʼus dandeettii yaaduu keetti fayyadami. Miirri akkasii haadha keetti kan dhagaʼame maaliif akka taʼe hubachuuf yaali. Yeroo baayʼee jechoonni “yeroo hundaa” fi “matumaa” jedhan kallattiidhaan akkasuma jechuu miti. Kanaa mannaa, miira yeroo sanatti nama sanatti dhagaʼame kan argisiisanidha. Maarree miirri sun maal taʼuu dandaʼa?
Tarii haati kee hojiin mana keessaa humna ishiitii ol akka taʼe waan ishiitti dhagaʼameef aartee taʼuu dandaʼa. Ishii gargaaruuf fedhii qabaachuu kee beekuu barbaaddee taʼuu dandaʼa. Sababiin isaa kana yoo taʼe, “Maaliif na hin dhiistu?” jechuun kee dhimmichi caalaatti akka hammaatu godha malee wanta fayyadu hin qabu. Kanaafuu, akkas gochuu mannaa maaliif harmee kee hin tasgabbeessitu? Fakkeenyaaf, “Harmee, waanan si aarseef dhiifama. Miʼicha ammuman dhiqa” jechuu dandeessa. Of eeggannoo: Dubbiin kee ciigoo of keessaa qabaachuu hin qabu. Jaalalaan deebii kenni; akkas yoo goote haati kee tasgabbaaʼuudhaan rakkinni isaa maal akka taʼe sitti himuu dandeessi.Bakka duwwaa armaan gadiirratti, wanta abbaan kee ykn haati kee raawwatanii fi si aarsuu dandaʼu barreessi.
․․․․․
Jechoota miira isaanii akka hubatte argisiisan akkamiitti fayyadamuu dandeessa?
․․․․․
● Kabajaan dubbadhu. Miisheel harmee ishii wajjin yeroo haasoftu akkaataa itti dubbattuuf xiyyeeffannaa kennuu akka qabdu muuxannoo ishiirraa baratteetti. Akkana jetteetti: “Rakkinichi maaliyyuu yoo taʼe, wanti harmeen koo hin jaallanne akkaataa ani ishiitti dubbadhudha.” Haalli akkasii yeroo baayʼee kan si mudatu yoo taʼe, suuta jettee tasgabbiidhaan dubbachuu fi Fakkeenya 30:17) Aarii kee toʼachuun yoo sitti ulfaate garaa keetti kadhannaa gabaabaa dhiheessi. (Nahimiyaa 2:4) Kan kadhattu garuu warri kee si aarsuu isaanii akka dhiisan utuu hin taʼin, dhimmichi caalaatti akka hin hammaanneef miira kee toʼachuuf akka si gargaaru taʼuu qaba.—Yaaqoob 1:26.
akka aarte sochii qaamaa keetiin argisiisuu dhiisuu barachuu qabda. (Bakka duwwaa armaan gadiirratti jechootaa fi sochii qaamaa yeroo tokko tokko itti fayyadamtu, garuummoo dhiisuu qabdu barreessi.
Jechoota itti fayyadamtu (wanta jettu):
․․․․․
Sochii qaamaa itti fayyadamtu (wanta fuula keerraa mulʼatuu fi sochii argisiistu):
․․․․․
● Dhaggeeffadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Dubbiin yoo baayʼate, dogoggora hambisuun hin dandaʼamu” jedha. (Fakkeenya 10:19) Kanaafuu, abbaan ykn haati kee akka dubbatan carraa isaaniif kenni; yeroo dubbatanittis xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffadhu. Wanti goote sirrii akka taʼe ibsuuf jettee yeroo dubbatan addaan isaan hin kutin. Wanti gochuu qabdu dhaggeeffachuu qofa taʼuu qaba. Erga dubbatanii fixanii booda garuu, gaaffii isaan gaafachuu ykn miira kee isaaniif ibsuu dandeessa. Diddee yaada kee yeruma sana dubbachuuf yoo yaalte garuu dhimmichi caalaatti akka hammaatu goota. Wanti dubbachuu barbaaddu baayʼee taʼus, yeroon sun yeroo itti “calluma jechuu” qabdudha.—Lallaba 3:7.
● Dhiifama gaafachuuf fedhii qabaadhu. Wanta falmii kaasu raawwatteetta yoo taʼe yeroo hunda “Dhiifama” jechuun kee gaariidha. (Roomaa 14:19) Falmiin kaʼuu isaatiifillee dhiifama gaafachuu dandeessa. Qaamaan akkas gochuun yoo sitti ulfaate, miira kee barreeffamaan isaaniif ibsi. Amala falmii keessa akka galtan isin godhe jijjiiruuf carraaqqii dabalataa godhi. (Maatewos 5:41) Fakkeenyaaf, falmii kan kaase hojii mana keessaa hojjechuu dhiisuu kee yoo taʼe, maaliif hojii sana hojjechuudhaan warra kee hin gammachiistu? Hojii sana hin jaallattu yoo taʼellee, warra kee gaddisiisuurra hojicha hojjechuu hin wayyuu? (Maatewos 21:28-31) Falmii sii fi warra kee gidduutti uumamu hirʼisuuf wanta sirraa eegamu gochuun kee faayidaa akkamii akka argamsiisu yaadi.
Maatii nagaa qabu keessallee falmiin jira; garuu nagaa buusuu akkamitti akka dandaʼan beeku. Yaadawwan boqonnaa kana keessatti ibsaman yoo hojiirra oolchite, utuu wal hin falmin wantoota ulfaatoo taʼan irrattillee warra kee wajjin mariʼachuu akka dandeessan ni hubatta.
Warri kee bilisummaa dabalataa siif kennuu akka qaban sitti dhagaʼamaa? Taanaan, maal gochuu dandeessa?
[Miiljalee]
^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2ffaarraa Boqonnaa 21 ilaali.
CAQASA IJOO
“Garaan nama qajeelaa deebii kennuu isaa dura ni xiinxala.”—Fakkeenya 15:28.
GORSA GAARII
Warri kee yeroo si haasofsiisan muuziqaa dhaggeeffattu cufi, kitaaba ykn barruu dubbistu lafa kaaʼii isaan ilaalaa isaan haasofsiisi.
KANA BEEKTAA?
Falmii kaʼe furuun ykn akka hin uumamne gochuun jireenyi akka siif salphatu godha. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu “namni garraamiin ofii isaa ni fayyada.”—Fakkeenya 11:17.
WANTAN GOCHUU YAADE
Gorsa boqonnaa kana keessatti kenname keessaa caalaatti irratti hojjechuu kanan barbaadu ․․․․․
Gorsa kana guyyaa kanarraa eegaleen hojiirra oolcha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Hiriyoonni kee tokko tokko yeroo falmiirratti mooʼan kan gammadan maaliifi?
● Yihowaan nama falmii jaallatu akka nama gowwaatti kan ilaalu maaliifi?—Fakkeenya 20:3.
● Sii fi warra kee gidduutti falmiin akka hin kaane gochuun faayidaa akkamii siif argamsiisa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 18rra jiru]
“Haati koo yeroo tokko tokko na hammattee, ‘Dhiifama’ naan jetti; kunimmoo natti tola. Achiis wanta uumame ni irraanfanna. Anis akkasuma gochuufan yaala. Gad of qabuudhaan garaadhaa dhiifama gaafachuun faayidaa guddaa qaba; akkas gochuun garuu salphaa miti.”—Laawuraan
[Saanduqa fuula 20rra jiru]
Deebii
1. Ciigoo (“Jalqabdemmoo”) fayyadamuun ishii haati ishii caalaatti akka aartu godheera.
2. Wanta fuula ishiirraa mulʼatuun (ija ishii nanaannessuu) aarii kakaasteetti.
3. Deebii ishiitiin (“Atoo akkamitti natti dubbachaa jirta?”) haalichi caalaatti akka hammaatu gooteetti.
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Warra kee wajjin wal falmuun maashiniirra fiiguu wajjin tokkodha; humna hedduu baasta, garuu achii hin sochootu