Jaalala Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamittan Beeka?
BOQONNAA 29
Jaalala Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamittan Beeka?
Gaaffilee armaan gadii deebisi:
1. “Jaalala dhugaa” jechuun maal jechuudha? ․․․․․
2. “Jaalala sinsinnii” jechuun maal jechuudha? ․․․․․
3. Lamaan isaanii garaagarummaa akkamii qabu jettee yaadda? ․․․․․
GAAFFILEE armaan olii deebisuun sitti hin ulfaanne taʼa. Garaagarummaa jaalala dhugaa fi jaalala sinsinnii gidduu jiru hubachuun salphaa fakkaachuu dandaʼa.
Dargaggeessa ykn shamarree tokkorra ija yeroo buufattu garuu wanti hundi ni jijjiirama. Yeruma sana jaallatte, sana booda wanti kan biraan sitti hin mulʼatu. Jaalalli akka si qabe shakkii tokkollee hin qabdu. Garuu jaalala dhugaadha moo sinsinniidha? Kana beekuu kan dandeessu akkamitti? Deebii isaa
beekuuf jalqaba waggoota dhihoodhaa asitti ilaalchi saala faallaadhaaf qabdu akkamitti akka jijjiirame haa ilaallu. Fakkeenyaaf, gaaffilee armaan gadii ilaali:● Umurii kee waggaa shanitti saala faallaadhaaf ilaalcha akkamii qabda turte?
● Amma hoo ilaalcha akkamii qabda?
Deebiin kee yeroo umurii saal-lammeessoo keessa galtu ilaalchi saala faallaadhaaf qabdu jijjiiramuu akka jalqabe argisiisa. Biraayan inni umuriin isaa waggaa 12 taʼe, “Shamarran babbareedoo akka taʼan hubachuun jalqabe” jedheera. Shamarreen waggaa 16 Iileen jedhamtu jijjiirama waggoota dhihoodhaa asitti ishii mudate ilaalchisee akkana jetteetti: “Hiriyoonni koo hundi waaʼee dhiirotaa haasaʼuu jalqaban; anis dhiirri salphaatti na hawwachuu jalqabe.”
Amma namni saalli isaa kan keerraa adda taʼe si hawwachuu jalqabeera; maarree, miira baayʼee cimaa taʼe kana dandamachuu kan dandeessu akkamitti? Miira kana akka hin qabne fakkeessuun caalaatti akka hammaatu gochuu dandaʼa; kanaafuu, carraa kana waaʼee hawwatamuu, waaʼee jaalala sinsinnii fi waaʼee jaalala dhugaa barachuuf itti fayyadamuu dandeessa. Garaagarummaa wantoota sadan kanaa hubachuun kee utuu hin barbaachisin gadduurraa si eega, yeroo boodammoo jaalala dhugaa argachuuf si gargaara.
HAWWATAMUU → Wanta argitu
“Hiriyoota koo wajjin yeroo hunda waaʼee shamarranii haasofna. Waaʼee wanta kan biraa haasaʼuuf ni yaalla; haa taʼu malee, shamarree bareedduun takka yeroo nu bira darbitu wanta haasaʼaa turre ni irraanfanna.”—Aleeksi.
“Dargaggeessi ija keessa na laalaa seequu fi ofitti amanannaadhaan deemu na hawwata.”—Loorii.
Namni bifa bareedaa qabu si Fakkeenya 11:22) Yaanni kun dhiirotaafis ni hojjeta.
hawwachuun isaa waanuma jirudha. Rakkinni isaa garuu, bifa isaa ilaaltee waaʼee nama sanaa beekuu hin dandeessu. Maaliif? Wanti alaan mulʼatu nama dogoggorsuu waan dandaʼuufi. Kitaabni Qulqulluun, “Dubartii bareedduun hubannaa tuffattu, akkuma amartii warqii funyaan booyyee irra jiruu ti” jedha. (JAALALA SINSINNII → Miira sitti dhagaʼamu
“Yeroon waggaa 12 turetti gurbaa tokko jaalladheen ture; booda garuu maaliif akkan isa jaalladhe naa gale. Hiriyoonni koo hundi dhiironni isaan hawwatu; innis kan na hawwate dhiira waan taʼeef qofadha. Sababiin koo kanuma ture.”—Iileen.
“Yeroo baayʼee jaalalli na qabeera; taʼus, xiyyeeffachaa kanan ture bifa qofarratti ture. Eenyummaa ishii yeroon beeku garuu akkan yaade nama naaf taatu akka hin taanen hubadhe.”—Maarki.
Jaalalli sinsinnii yeroo si qabu jaalala dhugaa akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Jaalalli dhugaan miira saala faallaadhaaf qabdu akka dabalatu ifadha. Buʼuurri isaanii garuu guutummaatti garaagara. Jaalalli sinsinnii wanta alaan mulʼaturratti hundaaʼa. Kana malees, dadhabinni nama sanaa itti hin mulʼatu, cimina isaammoo arbeessee ilaala. Jaalalli sinsinnii akkuma masaraa cirracharraa ijaarameeti. Shamarreen Fiyoonaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo dheeraadhaaf hin turu. Gaaf tokko nama
tokkotu si hawwata, jiʼa tokko boodammoo nama kan biraatu si hawwata.”JAALALA DHUGAA → Wanta beektu
“Jaalalli dhugaan yoo si qabe sababa namni sun itti si hawwate beekta; sababni sunis ofittummaarratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin sababa gaariidha.”—Deevid.
“Jaalalli dhugaan yeroon darbaa yommuu deemu guddachuu qaba jedheen yaada. Jalqabarratti namni sun hiriyaa gaarii siif taʼa. Achiis suutuma suuta wanta isarratti argitu jaallachaa deemta, boodas miirri sana dura sitti dhagaʼamee hin beekne sitti dhagaʼamuu jalqaba.”—Juudiit.
Jaalalli dhugaan ciminaa fi dadhabina nama tokkoo ilaalchisee beekumsa qabdurratti hundaaʼa. Kitaabni Qulqulluun jaalalli dhugaan miira caalaa wanta dabalatu akka qabu ibsuun isaa nama dinqisiisa. Akkana jedha: “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa. . . . Waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaa dandamata. Jaalalli matumaa hin badu.” (1 Qorontos 13:4, 7, 8) Jaalalli akkasii gowwummaa ykn doofummaarratti utuu hin taʼin beekumsarratti hundaaʼa.
Fakkeenya Jaalala Dhugaa
Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Yaaqoobii fi Raahel dubbatu jaalala dhugaa akka gaariitti ibsa. Yaaqoob Raahel wajjin kan wal bare yeroo ishiin hoolota abbaa ishii bishaan obaasuuf Uumama 29:17.
gara boolla bishaanii tokkoo dhaqxetti ture. Akkuma ishii argeen isa hawwatte. Maaliif? Sababiin isaas, “Raahel baayʼee kan nama hawwattuu fi bareedduu turte.”—Haa taʼu malee, jaalalli dhugaan kan hundaaʼe bifa qofarratti akka hin taane yaadadhu. Yaaqoob Raahel bareedduu qofa akka hin taane hubateera. Kitaabni Qulqulluun Yaaqoob kanarra darbee “jaalala Raaheliin qabamee” akka ture dubbata.—Uumama 29:18.
Maarree, seenaan isaanii kanumarratti dhaabbatee? Lakki, seenaan isaanii reefu jalqabuu isaati. Abbaan Raahel Yaaqoob Raaheliin fuudhuuf waggaa torba akka eegu itti hime. Yeroo kanatti jaalalli Yaaqoob ni qorame. Jaalalli Yaaqoob qabe sinsinniidha utuu taʼee ishii hin eegu ture. Yeroo qorumsaa kana darbuu kan dandaʼu jaalala dhugaa qofadha. Sana booda maaltu taʼeree? Kitaabni Qulqulluun, “Yaaqoobis Raaheliif jedhee waggaa torba ni tajaajile; haa taʼu malee, jaalala ishiidhaaf qabuun kan kaʼe waggoonni sun ija isaa duratti guyyoota muraasa qofa turan” jedha.—Uumama 29:20.
Fakkeenya Yaaqoobii fi Raahelirraa maal baratte? Jaalalli dhugaan qorumsa keessa akka darbu baratteetta. Wanta alaan mulʼatu qofarratti akka hin hundoofnes baratteetta. Namni gara fuulduraatti hiriyaa gaaʼelaa kee taʼu nama jalqabarratti baayʼee si hawwate taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Baarbaaraan dargaggeessi wajjin wal barte tokko jalqabarratti baayʼee akka ishii hin hawwanne ifatti dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Caalaatti yeroon isa beekaa deemu garuu miirrin isaaf qabu ni jijjiirame. Istiivan namootaaf akka yaaduu fi yeroo hundumaa fedhii isaa caalaa fedhii warra kaaniitiif dursa akka kennu hubachuun jalqabe. Amaloonni kun abbaa manaa gaarii taʼuuf baayʼee barbaachisoo akka taʼan beeka. Kanaafuu, waan na hawwateef isa jaallachuun jalqabe.” Amma gaaʼela gaarii qabu.
Gaaʼelaaf wal qorachuuf umuriin kee yeroo gaʼu jaalalli dhugaan akka si qabe akkamitti beekta? Garaan kee si dogoggorsuu dandaʼa; kanaafuu, sammuu kee isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadami. Eenyummaa dhugaa nama sanaa beekuuf carraaqqii godhi. Hariiroon keessan akka cimuuf yeroon akka darbu godhi. Jaalalli sinsinnii yeroo gabaabaa keessatti akka badu yaadadhu. Jaalalli dhugaan garuu yeroon darbaa yommuu deemu cimaa deemee “tokkummaadhaan namoota walitti hidha.”—Qolosaayis 3:14.
Wanta si hawwatuu (wanta argituu) fi jaalala sinsinnii (miira sitti dhagaʼamu) irra darbitee ilaaluu yoo baratte jaalala dhugaa akka argattu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Fuulawwan sadan kanatti aananii jiran kana gochuuf si gargaaru.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 1 FI 3 DUBBISI
Jaalalli dhugaan si qabeera haa jennu. Maarree gaaʼelaaf qophaaʼaa taʼuu kee beekuu kan dandeessu akkamitti?
CAQASA IJOO
“Dambaliiwwan bishaanii jaalala dhaamsuu hin dandaʼan, lageenis haxaaʼanii isa balleessuu hin dandaʼan.”—Weedduu Weedduu Caalu 8:7.
GORSA GAARII
Nama si hawwate tokko hammam akka beektu of qoruuf gaaffilee gilgaala Jildii 2ffaa fuula 39 (shamarraniif) fi fuula 40 (dhiirotaaf) irratti argamaniif deebii kenni.
KANA BEEKTAA?
Dargaggoonni kaayyoo malee walitti dhufeenya jaalalaa jalqabanii dhiisan gaaʼela booda wal hiikuudhaaf of qopheessaa jiru.
WANTAN GOCHUU YAADE
Miirrin nama tokkoof qabu jaalala sinsinnii ykn jaalala dhugaa taʼuu isaa adda baafachuuf akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Waaqayyo namoonni saala faallaadhaaf miira jaalalaa cimaa akka qabaatan godhee kan uume maaliifi?
● Hariiroon jaalalaa ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessatti argaman uuman kan hin milkoofne maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 207rra jiru]
“Jaalalli dhugaan gufuuwwan moʼuu ni dandaʼa, jaalalli sinsinnii garuu haalli yeroo jijjiiramuu fi rakkinni yeroo uumamu yeruma sana bada. Jaalala dhugaa horachuun yeroo gaafata.”—Daaniyeelaa
[Saanduqa fuula 209rra jiru]
Gilgaala
Utuu Si Taʼee Maal Goota?
Maayikilii fi Juudiin erga wal baranii jiʼa sadi taʼeera; Juudiin jaalalli akka ishii qabe dubbatti. Maayikilis baayʼee ishiidhaaf yaada; uffata akkamii uffachuu akka qabdu, akkasumas eenyufaa wajjin taʼuu akka qabduu fi taʼuu akka hin qabnellee ishiitti hima. Hamma torbee darbeetti akka giiftiitti ishii qaba ture. Maayikil Juudiin gurbaa tokko wajjin utuu haasoftuu waan ishii argeef kaballaadhaan ishii rukute.
Inni akkana jedha: “Juudiin ishii dhabuun akka na sodaachisu beekuu qabdi. Namni kan biraan jaalallee koo na jalaa akka fudhatu yaaduunillee na maraacha. Juudii kabaluu kootti baayʼee gaddeera. Akkana kanan godhe garuu nama kan biraa akka ilaaltullee waanan hin barbaanneefi. Dhiifamammoo gaafadheera.”
Ishiin akkana jetti: “Warri koo ‘Maayik si toʼachuuf yaalaa jira’ naan jedhu; garuu inni akkas kan godhu ulaagaa olaanaa waan qabuufi. Jechuun koo, wanta sirrii hin taane akkan godhu na dirqisiisuuf yaalee hin beeku. Kan na rukutemmoo gurbaa tokko wajjin haasaʼaa waanan tureefi; akka na rukute garuu warra kootti hin himne. Maayik hinaafeeti, kunimmoo yeroo tokko tokko natti tola. Hundaafuu dhiifama na gaafateera, lammata akka itti hin deebines waadaa naa galeera.”
Atoo maal jetta? Hariiroon isaanii rakkina akkamii akka qabu sitti mulʼataa? Taanaan, rakkoowwan kun maalfaʼi? ․․․․․
Juudiin maal gochuu qabdi? ․․․․․
Utuu si taʼee maal goota? ․․․․․
[Saanduqa fuula 210rra jiru]
Gilgaala
Utuu Si Taʼee Maal Goota?
Iitanii fi Aliisaan wal qorachuu erga jalqabanii jiʼa lama taʼeera; Iitan, Aliisaan keessumaa warra ishii wajjin akka wal loltu hubateera. Aliisaan yeroo hundumaa warra ishii wajjin wal falmiti, yeroo baayʼees ishiitu injifata. Wanta barbaaddu argachuuf falmuurratti dandeettii waan qabduuf warri ishii ishii wajjin wal falmuu dadhabanii dhiisu. Aliisaan warra ishii akka toʼattu of jajuudhaan Iitanitti himti.
Inni akkana jedha: “Aliisaan yeroo hunda wanta ishiitti dhagaʼamu dubbatti. Warra ishii dabalatee nama kamiyyuu hin dhageessu. Abbaan ishii nama aarsa, isatti aaruun ishii nama hin dinqisiisu. Wanti ishiin gootu garuu namatti iyyuu qofa miti. Abbaa ishii fi haadha ishiirraa wanta barbaaddu argachuuf booʼuu, dallanuu ykn sossobuullee itti beekti.”
Ishiin akkana jetti: “Eenyummaan kee ykn aangoon kee maaliyyuu yoo taʼe wanta natti dhagaʼamu kallattiidhaan sitti dubbachuurraa duubatti hin jedhu; falmii sodaadhee akkaataan itti dubbadhu jijjiiruuf hin yaalu. Jaalalleen koo Iitan kana beeka. Yeroon warra koo wajjin dubbadhu na argeera.”
Atoo maal jetta? Hariiroon isaanii rakkina akkamii akka qabu sitti mulʼataa? Taanaan, rakkoowwan kun maalfaʼi?
Iitan maal gochuu qaba? ․․․․․
Utuu si taʼee maal goota? ․․․․․
[Saanduqa fuula 211rra jiru]
Gilgaala
Jaalala Dhugaadha Moo Sinsinniidha?
Bakka duwwaa himoota armaan gadii guutuuf yaali. Jaalala dhugaa ykn jaalala sinsinnii jedhii guuti.
1. “․․․․․ hirʼina nama sanaa hin argu, arguus hin barbaadu. Dhugaa jiru laaluu hin barbaadu.”—Kaalvin.
2. “Shamarree na hawwatte wajjin yeroon taʼu eenyummaa koo jijjiiruun yoo na barbaachise kan na qabe․․․․․ .”—Toomaas.
3. “Nama sanarraa wanti hin jaallanne tokko jira. Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe garuu, nama sana wajjin taʼuudhaan rakkina sana akka fooyyessu isa gargaaruu barbaadda.”—Raayaan.
4. “Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe wanta wal isin fakkeessurratti qofa xiyyeeffatta.”—Kilaawudiyaa.
5. “Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe eenyummaa kee dhoksuuf hin yaaltu.”—Iiv.
6. “Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe wanta barbaaddu argachuurratti, tarii jaalallee qabaachuu qofarratti xiyyeeffatta.”—Aliisan.
7. “Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe dadhabinaa fi amala adda taʼe akka qabu ni hubatta, taʼus nama sana wajjin taʼuun sitti hin ulfaatu.”—Eppiriil.
8. “Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe namni sun maaliif akka si hawwate ibsuu hin dandeessu.”—Deevid.
9. “Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe namni sun dogoggora akka raawwatu sitti hin dhagaʼamu.”—Cheelsii.
10. “Kan si qabe ․․․․․ yoo taʼe amanamaa taʼuu akka qabdu waan sitti dhagaʼamuuf, akka kanaan duraa nama saala faallaa taʼeef xiyyeeffannaa hin kennitu.”—Daaniʼel.
Deebii: Jaalala sinsinnii: 1, 2, 4, 6, 8, 9. Jaalala dhugaa: 3, 5, 7, 10.
[Fakkii fuula 206, 207rra jiru]
Jaalalli sinsinnii akkuma masaraa cirracharraa ijaarameeti; yeroo gabaabaa keessatti dhiqamee bada