Sodoomummaa Ilaalchisee Wanta Kitaabni Qulqulluun Dubbatu Ibsuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
BOQONNAA 23
Sodoomummaa Ilaalchisee Wanta Kitaabni Qulqulluun Dubbatu Ibsuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Sirna badhaasaa tokkorratti dubartoonni taatota beekamoo taʼan lama hidhii wal dhungatanii yeroo nagaa wal gaafatan namoonni achi turan ni iyyan. Tokko tokko baayʼee rifatan, booda garuu isaanis deggarsaaf harka walitti rukutan. Namoonni geeyii taʼan akka injifannoo guddaatti ilaalan. Namoonni tokko tokkommoo ‘Gochi kun xiyyeeffannaa harkisuuf raawwatame’ jedhanii qeeqan. Guyyoota sana booda jiranitti sagantaaleen televizyinii viidiyoo yeroo wal dhungatan argisiisu irra deddeebiʼanii argisiisu; Intarneetii irrattis waan gadhiifamuuf namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ilaaluun isaanii hin oolu.
HAALLI olitti ibsame akka argisiisutti namoonni beekamoon geeyii fi leezbiyaanii akka taʼan ykn saala lamaaniifuu miira jaalalaa akka qaban yeroo argisiisan dhimmi kun miidiyaarratti baayʼee odeeffama. Namoonni tokko tokko qaanii tokko malee akkas
gochuu isaaniitiif isaan leellisu; kaanimmoo naamusa dhabuu isaaniitiif isaan qeequ. Namoonni hedduunimmoo sodoomummaa [saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu] akkaataa jireenyaa tokko akka taʼetti waan ilaalaniif homaa isaanitti hin fakkaatu. Dargaggeessi waggaa 21 Daaniʼel jedhamu, “Mana barumsaa yeroon turetti ijoolleen sodoomota hin taanellee sodoomummaa kan qeeqxu yoo taʼe jibba halaalaa akka qabdutti si ilaalu” jedheera.Ilaalchi namoonni sodoomummaadhaaf qaban dhalootaa dhalootatti ykn biyyaa biyyatti garaagara. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni ‘qilleensa barumsaa hundumaatiin asii fi achi daddarbatamuu hin qaban.’ (Efesoon 4:14) Kanaa mannaa, ilaalcha Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe qabaatu.
Kitaabni Qulqulluun sodoomummaa ilaalchisee maal jedha? Ulaagaa naamusaa Kitaaba Qulqulluu kan hordoftu yoo taʼe namoota sodoomotaaf jibba halaalaa akka qabduu fi akka isaan sodaattutti si ilaalaniif deebii kennuu kan dandeessu akkamitti? Gaaffilee ykn yaadawwan armaan gadii fi deebii kennuufii dandeessu ilaali.
“Kitaabni Qulqulluun waaʼee sodoomummaa maal jedha?”
“Kitaabni Qulqulluun ifatti akka dubbatutti Waaqayyo saalqunnamtiin dhiiraa fi dubartii gaaʼela dhaabbatan gidduutti qofa akka raawwatamu barbaada. (Uumama 1:27, 28; Leewwota 18:22; Fakkeenya 5:18, 19) Kitaabni Qulqulluun halalummaa ni balaaleffata; kunis sodoomummaa fi saalqunnamtii seeraan alaa dhiiraa fi dubartii gidduutti raawwatamu dabalata.” *—Galaatiyaa 5:19-21.
“Sodoomummaadhaaf ilaalcha akkamii qabda?”
“Sodoomota hin jibbu, garuu gocha isaanii hin deggaru.”
Iyyaasuu 24:15) Ilaalcha kee kanatti qaanaʼuu hin qabdu.—Faarfannaa 119:46.
Ulaagaa naamusaa Kitaaba Qulqulluutiin kan geggeeffamtu yoo taʼe kun akkaataa jireenyaa ati filatte akka taʼee fi filachuuf mirga akka qabdu yaadadhu. (“Ilaalchi namoonni saalqunnamtiidhaaf qaban maaliyyuu yoo taʼe Kiristiyaanonni namoota hunda kabajuu qabu mitii?”
“Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun, ‘Namoota akaakuu hundumaa kabajaa’ jedha. (1 Pheexiros 2:17) Kanaafuu, Kiristiyaanonni sodoomotaaf jibba halaalaa hin qaban. Namoota geeyii taʼan dabalatee namoota hundumaatti gaarummaa ni argisiisu.”—Maatewos 7:12.
“Ilaalchi sodoomummaadhaaf qabdu warri kaan namoota geeyii taʼaniif jibba halaalaa akka qabaatan kan godhu mitii?”
“Matumaa. Ani kanan jibbu gocha sodoomummaati malee namoota miti.”
Itti dabaluudhaan akkana jechuu dandeessa: “Fakkeenyaaf, ani sijaaraa hin xuuxu. Yaanni sijaaraa xuuxuu jedhuyyuu baayʼee na jibbisiisa. Garuu ati sijaaraa kan xuuxxu yoo taʼe miira kanarraa adda taʼe qabaatta. Ilaalcha akkasii qabaachuu keetti halaalatti si hin jibbu; atis ilaalcha kootiin kan kaʼe halaalatti akka na hin jibbine ifadha. Ilaalcha sodoomummaadhaaf qabnu wajjin haala wal qabateenis akkasuma.”
“Yesuus wal dandaʼuu akka qabnu barsiiseera mitii? Maarree, Kiristiyaanonni ilaalcha sodoomotaa deggaruu hin qabanii?”
Yohaannis 3:16) Yesuusitti amanuun ulaagaa naamusaa Waaqayyoo isa sodoomummaa dabalatee naamusa tokko tokko dhorku hordofuu gaafata.”—Roomaa 1:26, 27.
“Yesuus duuka buutonni isaa akkaataa jireenyaa hundumaa akka fudhatan hin jajjabeessine. Kanaa mannaa, daandiin fayyinaa nama ‘isatti amanu hundaaf’ banaa akka taʼe barsiise. (“Sodoomonni akkasitti waan dhalataniif amala isaanii jijjiiruu hin dandaʼan.”
“Kitaabni Qulqulluun amaloota tokko tokko dhiisuun baayʼee ulfaataa akka taʼe kan dubbatu taʼus, waaʼee sodoomota taʼanii dhalachuu hin ibsu. (2 Qorontos 10:4, 5) Namoonni tokko tokko nama saala akka isaanii qabuuf miira jaalalaa kan qaban taʼus, Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni gocha sodoomummaa irraa akka fagaatan ajaja.”
Yaada: Kaʼumsi fedhii sodoomummaa maal akka taʼe namoota wajjin wal falmuu mannaa, Kitaabni Qulqulluun gocha sodoomummaa akka dhorku ibsi. Tarii fakkeenyaan ibsuuf akkana jechuu dandeessa: “Akkuma beektu namoonni baayʼeen amalli hamaan warrarraa dhaalamuu akka dandaʼuu fi kanaan kan kaʼes namoonni tokko tokko amala akkasii akka qabaatan dubbatu. (Fakkeenya 29:22) Kun dhugaadhaa? Tarii Kitaabni Qulqulluun aarii akka balaaleffatu beekta taʼa. (Faarfannaa 37:8; Efesoon 4:31) Maarree, namoonni tokko tokko hammina waan jaallataniif qofa qajeelfamni kun sirrii miti jechuu dandeenyaa?”
“Waaqayyo namni tokko nama saala akka isaa qabuuf miira jaalalaa akka qabu utuma beekuu sodoomummaarraa akka fagaatu akkamitti dhoowwa? Kun gara jabina.”
“Ilaalchi akkasii yaada dogoggoraa namoonni fedhii saalaa isaanii toʼachuun isaan hin barbaachisu jedhurratti kan hundaaʼedha. Kitaabni Qulqulluun namoonni yoo barbaadan fedhii saalaa isaanii toʼachuu akka dandaʼan dubbachuudhaan ulfina isaaniif kenna.”—“Geeyii yoo taʼuu baattellee ilaalcha sodoomummaadhaaf qabdu jijjiiruu qabda.”
“Ani qumaara taphachuu hin deggaru, ati garuu ni deggarta
haa jennu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman qumaara taphachuu waan filataniif qofa ilaalcha koo akkan jijjiiru dhiibbaa narratti gochuun kee sirriidhaa?”Sodoomota dabalatee namoonni baayʼeen ulaagaa naamusaa ittiin geggeeffaman akka qaban yaadadhu; ulaagaan kunis gochawwan akka gowwoomsaa, jalʼina haqaa fi waraanaa jiran akka balaaleffatan isaan kakaasa. Kitaabni Qulqulluun gochawwan akkasii ni dhorka; sodoomummaa dabalatee gocha saalqunnamtii tokko tokkos ni balaaleffata.—1 Qorontos 6:9, 10.
Kitaabni Qulqulluun wanta sirrii hin taane ykn jibba halaalaa hin jajjabeessu. Kanaa mannaa, namoonni sodoomota taʼan akkuma namoota kaanii ‘halalummaa irraa akka baqatan’ ajaja.—1 Qorontos 6:18.
Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi sodoomota hin taane ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simanii jiraachuu waan barbaadaniif qorumsi akkamiiyyuu yoo isaan mudate of toʼachuuf carraaqqii godhu. Isaan keessaa namoonni utuma gaaʼela dhaabbachuu barbaadanii qeenxee taʼanii jiraatan hedduun jiru; tokko tokkommoo hiriyaa gaaʼelaa sababa hirʼina qaamaatiin saalqunnamtii raawwachuu hin dandeenye qabu. Namoonni kun fedhii saalaa isaanii utuu hin guuttatin gammachuudhaan jiraachuu dandaʼaniiru. Namoonni sodoomota taʼanis garaadhaa Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadan miira isaanii toʼachuu ni dandaʼu.—Keessa Deebii 30:19.
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 28 DUBBISI
Shamarran tokko tokko jaalallee isaanii wajjin saalqunnamtii raawwachuun walitti dhufeenya isaanii akka cimsu amanu. Wanti taʼu garuu faallaa kanaati. Maaliif akka taʼe dubbisi.
[Miiljaleewwan]
^ Jechi Kitaaba Qulqulluu “halalummaa” jedhu, qaama saalaa nama kan biraa tuttuquu ykn saalqunnamtii karaa afaanii ykn munnee raawwatamu dabalatee gocha saalqunnamtii garaagaraa argisiisa.
CAQASA IJOO
“Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha.”—Qolosaayis 3:5.
GORSA GAARII
Amalli warra kaanii si dhiphisuu kan dandaʼu taʼus qajeelaa of gochuurraa of qusadhu. Namoonni kaanis akkuma kee wanta barbaadanitti amanuuf mirga qabu.
KANA BEEKTAA?
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa gocha sodoomummaa raawwachaa turan gocha isaanii isa xuraaʼaa taʼe dhiisanii akka ilaalcha Waaqayyootti ‘dhiqamanii qulqullaaʼuu’ dandaʼaniiru.—1 Qorontos 6:9-11.
WANTAN GOCHUU YAADE
Namni tokko wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee sodoomummaa dubbatu yeroon kan itti darbedha yoo jedhe akkanan jedhaan ․․․․․
Kanan jibbu gocha sodoomummaa malee namoota akka hin taane ibsuuf akkanan jedha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Waaqayyo namootaaf ulaagaa naamusaa baasuuf mirga qaba kan jennu maaliifi?
● Ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu hordofuun kee kan si fayyade akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 170rra jiru]
“Gurbaan mana barumsaa keenya jiru tokko akkaataa jireenyaa isaa waanan balaaleffadheef nama hamtuu akkan taʼe yaada ture. Taʼus, kanan balaaleffadhe isa akka hin taane yeroon isaaf ibsuu fi kanan hin deggarre sodoomummaa qofa utuu hin taʼin gocha halalummaa hundumaa akka taʼe yeroo hubatu, na kabajuu fi warri kaan yeroo na morman naaf falmuu jalqabe.”—Oobrii
[Saanduqa fuula 168rra jiru]
Saala Lamaaniifuu Miira Jaalalaa Qabaachuun Rakkina Qabaa?
Dhiironnis taʼan dubartoonni saala lamaaniifuu miira jaalalaa qabaachuu kan dandaʼan taʼus miirri akkasii caalaatti dubartootarratti mulʼata. Tokko tokko miirri akkasii isaanitti dhagaʼamuu kan jalqabu waa baruuf hawwii guddaa waan qabaniifi. Shamarreen waggaa 26 Liisaa jedhamtu akkana jetteetti: “Dargaggoonni fiilmiirratti, televizyiniirratti ykn muuziqaarratti shamarran yeroo wal dhungatan yommuu argan, keessumaa wanti sun dogoggora akka taʼe hin beekan taanaan yaaluuf qoramu.”
Tokko tokkommoo namoota saala akka isaanii qabaniif miira jaalalaa cimaa taʼe akka qaban isaanitti dhagaʼama. Shamarreen waggaa 13 Viikii jedhamtu akkana jetteetti: “Affeerraa tokkorratti shamarran saala lamaaniifuu miira jaalalaa qaban lama wajjin wal barre; achiis hiriyaan koo takka shamarran kun akka na jaallatan natti himte. Yeroo boodas ishii tokko wajjin walii barreessuu waan jalqabneef ishii jaallachuun jalqabe.”
Atoo akka Viikii sitti dhagaʼamee beekaa? Namoonni hedduun miira qabdu kana amantee fudhachuudhaan saala lamaaniifuu miira jaalalaa qabaachuu kee ifatti akka dubbattu si jajjabeessu taʼa. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee miirri akkasii yeroo dheeraadhaaf akka hin turre hubachuu qabda. Viikiin kana hubatteetti. Shamarree waggaa 16 Liizeet jedhamtus kana hubatteetti. Akkana jetteetti: “Miira koo warra kootiif ibsuun koo baayʼee na tasgabbeesseera. Kana malees, mana barumsaatti baayooloojii yeroo barannu umurii dargaggummaarratti sadarkaan hormoonii baayʼee akka jijijjiiramu baradheera. Dargaggoonni akkaataa qaamni isaanii itti hojjetu caalaatti yoo beekan, saala lamaaniifuu miira jaalalaa qabaachuun yeroodhaaf qofa akka turuu fi geeyii akka taʼan isaanitti dhagaʼamuu akka hin qabne ni hubatu jedheen yaada.”
Miirri sitti dhagaʼamu yeroo gabaabaadhaaf qofa kan turu utuu hin taʼin hidda kan gadi fageeffate akka taʼe yoo sitti dhagaʼamellee, Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti fedhii dogoggoraa kamiifiyyuu mooʼamuu dhiisuuf filachuu ni dandeessa.
[Fakkii fuula 170rra jiru]
Kiristiyaanonni ilaalcha namoota hedduu biratti fudhatama qabu deggaruu dhiisuuf ija jabina qabu