Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kitaabni Qulqulluun dhugaatii yommuu dhuganitti waaʼee burcuqqoo ol kaasuu hin ibsu erga taʼee, Dhugaa Baatonni Yihowaa gocha akkasii irraa kan of qusatan maaliifi?

Burcuqqoo wayinii (ykn dhugaatii alkoolii kan biraa) ol kaasuun barsiifata yeroo dheeraaf turee fi balʼinaan beekamu dha, akkaataan barsiifanni kun itti raawwatamu garuu biyyaa biyyatti garaa gara dha. Namoonni gocha kana raawwatan yeroo tokko tokko burcuqqoo isaanii ol kaasanii walitti buusu. Namni akkas akka godhamu affeeru yeroo baayʼee burcuqqoo isaa dura ol kaasee namni tokko gammachuu, fayyaa, umurii dheeraa ykn wantoota kana fakkaatan akka argatu hawwii qabu ibsa. Namoonni irratti hirmaatan kaanis sagalee isaanii ol kaasanii akka irratti walii galan ibsu ykn isaanis burcuqqoo wayinii isaanii erga ol kaasanii booda wayinii sana irraa unatu. Namoonni baayʼeen barsiifanni kun miidhaa akka hin qabne ykn gocha gad of qabuu argisiisu akka taʼetti kan ilaalan taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa gocha kana irratti hirmaachuu dhiisuuf sababii quubsaa qabu.

Kiristiyaanonni akkas kan hin goone namni tokko gammachuu ykn fayyaa gaarii akka qabaatu waan hin hawwineef miti. Xalayaawwan qaamni ol aanaan jaarraa jalqabaa gumiiwwaniif ergaa ture ittiin xumuramuu fi “nagaa wajjin!” jedhu, “fayyaa isiniif haa kennu” ykn “nagaan taʼaa” jedhamees hiikamuu dandaʼa. (Hojii Ergamootaa 15:29) Kana malees, waaqeffattoonni dhugaa tokko tokko moototaan, “Gooftaan koo. . . bara baraaf haa jiraatu” ykn “Mootichi bara baraaf haa jiraatu” jedhanii turan.—1 Mootota 1:31; Nahimiyaa 2:3.

Maarree barsiifanni burcuqqoo ol kaasuu eessaa dhufe? Masaraan Eegumsaa Amajjii 1, 1968 (Ingiliffa) yaada kitaaba The Encyclopædia Britannica (1910), Jildii 13, fuula 121 irraa fudhatame akkana jechuudhaan ibseera: “Barsiifanni burcuqqoo wayinii ol kaasanii ‘fayyaa keenyaaf’ jedhanii dhuguun kan dhufe, sirna amantii amantaaleen bara durii waaqolii tolfamoo fi namoota duʼaniif dhibaafachuuf raawwatan irraa taʼuu hin oolu. Warri Giriikii fi warri Roomaa yeroo maaddiitti dhihaatan akka dhibaayyuutti waaqolii tolfamoo isaaniif dhangalaasu, akkasumas guyyoota ayyaanaa isaanii irratti waaqolii isaanii fi namoota duʼaan dhabaniif jedhanii burcuqqoo ol kaasuu turan.” Kitaabichi itti dabaluudhaan, “Namoonni lubbuudhaan jiran fayya akka qabaatan hawwii qaban ibsuuf dhugaatii unachuun, aarsaawwan dhugaatii kanaa wajjin haala wal qabateen itti hojjetamaa kan turan taaʼuu qaba” jedheera.

Yeroo ammaatti hoo barsiifanni kun kaayyoodhuma kanaaf oolaa? Kitaabni bara 1995 qophaaʼee fi International Handbook on Alcohol and Culture jedhamu akkana jedheera: “Burcuqqoo ol kaasuun gocha amantii wajjin walitti dhufeenya hin qabne taʼus, barsiifata dhugaatii waaqoliif aarsaa gochuu bara duriitti ture irraa kan dhufe taʼuu hin oolu: barsiifanni hawwii gaarii ibsuuf, ‘umurii dheeraa argadhu’ jedhanii kadhannaa xumuruuf ykn ‘fayyaa argadhu’ jechuuf itti hojjatama.”

Dhugaa dha, miini tokko ykn bocni tokko ykn barsiifanni tokko amantaa sobaa bara duriitti irraa dhufe jechuun, waaqeffattoonni dhugaa yeroo hunda miʼa sana hin fayyadaman ykn barsiifata sana hin raawwatan jechuu miti. Mee firii roomaanii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Insaayikilooppiidiyaan Kitaaba Qulqulluu beekamaa taʼe tokko akkas jedheera: “Firiin roomaaniis amantii sobaa biratti akka mallattoo qulqulluutti tajaajilaa kan ture fakkaata.” Haa taʼu malee, Waaqayyo fiixee uffata luba ol aanaa irratti fi utubaa sibiila diimaa mana qulqullummaa Solomoon irratti bocni roomaanii akka tolfamu ajajee ture. (Baʼuu 28:33; 2 Mootota 25:17) Kana malees, qubeelaan gaaʼelaa yeroo tokkotti hiika amantaa wajjin walitti dhufeenya qaba ture. Taʼus namoonni bara keenyatti jiran hedduun kana hin beekan; qubeelaan gaaʼelaa namni tokko gaaʼela qabaachuu isaa qofa akka argisiisutti ilaalu.

Wayinii gochawwan amantiitiif fayyadamuu ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Fakkeenyaaf, yeroo tokko namoonni Sheekem warri Baʼaal waaqa tolfamaa waaqeffatan, ‘mana waaqa isaaniitti seenanii akka nyaatan, akka dhuganii fi Abimelek [ilma Giidewon] akka abaaran’ ibsameera. (Abbootii Murtii 9:22-28) Namni Yihowaaf amanamaa taʼe tokko, affeerraa dhugaatii waaqoliin sobaa Abimelek irra miidhaa akka geessisan gochuuf dhugamu irratti kan hirmaatu sitti fakkaataa? Amoos namoonni Israaʼel hedduun Yihowaa irratti yeroo fincilanitti haala ture akka itti aanutti ibseera: “Iddoo aarsaa hundumaa biratti afatanii ciisu; maallaqa adabaan fudhataniin daadhii wayinii bitatanii mana waaqolii isaaniitti dhugu.” (Amoos 2:8) Wayinichi waaqeffannaaf kan itti hojjetame waaqolii tolfamoof aarsaa taʼuudhaan ykn kabaja waaqolii sanaatiif dhuganii macaaʼuudhaan, waaqeffattoonni dhugaan akka irratti hin hirmaanne beekamaa dha. (Ermiyaas 7:18) Yookiin namni waaqa dhugaa waaqeffatu tokko burcuqqoo wayinii ol kaasuudhaan humni Waaqayyo nama tokkoo irratti dhiibbaa akka geessisu ykn eebba akka isaaf kennu kan gaafatu sitti fakkaataa?

Dhugaa dha, namoonni Yihowaa waaqeffatan yeroon harka isaanii ol kaasanii wanta gaarii argachuuf itti gaafatan jira. Taʼus, harka isaanii kan ol kaasan gara Waaqa dhugaatti dha. Seenaan isaa akkas jedha: “Solomoon iddoo aarsaa Yihowaa dura . . . dhaabbatee harka isaa gara samiitti ol kaasee . . . akkana jedhe: ‘Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, . . . Waaqni akka keetii hin jiru . . . Samii isa bakka jireenyaa kee taʼe keessaa dhagaʼi; eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.’” (1 Mootota 8:22, 23, 30) Haaluma wal fakkaatuun, “Izraan Yihowaa . . . ni jajate; yeroo kanatti namoonni hundi, “Ameen! Ameen!” jedhanii deebisan; achiis harka isaanii ol kaasan. Sana booda gad jedhanii adda isaaniitiin gombifamanii Yihowaadhaaf ni sagadan.” (Nahimiyaa 8:6; 1 Ximotewos 2:8) Ifatti hubachuun akka dandaʼamu, namoonni amanamoon kun harka isaanii gara samiitti kan ol kaasan, waaqa milkii gaarii jedhamu irraa eebba argachuuf hin turre.—Isaayyaas 65:11.

Yeroo harʼaatti, namoonni burcuqqoo isaanii ol kaasan hedduun waaqni taʼe tokko deebii akka isaaniif kennu ykn akka isaan eebbisu gaafataa akka jiran hin yaadan taʼa, taʼus sababii itti burcuqqoo ol kaasan ibsuu hin dandaʼan. Namoonni kun kana kan godhan sirriitti utuu itti hin yaadin taʼuun isaa, Kiristiyaanonni dhugaan barsiifata kana hordofuuf sababa akka taʼu isaanitti dhagaʼamuu hin qabu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimmawwan kan biroo irrattis ibsawwan qaamaa namoonni hedduun itti fayyadaman irraa akka of qusatan beekamaa dha. Fakkeenyaaf, ibsawwan qaamaa asxaa biyyoolessaatiif ykn alaabaadhaaf kabaja akka qaban argisiisan adda addaa fayyadamu; kunis gocha waaqeffannaa wajjin kan walqabatu akka taʼetti hin ilaalan. Kiristiyaanonni dhugaan mirga namoota kaanii kan kabajan taʼus, ofii isaaniitii gochawwan akkasii irratti hin hirmaatan. Dhugaa Baatonni hedduun yeroo itti sirnoonni akkasii itti raawwataman beekuun isaanii, namoota kaan akka hin mufachiisneef hubannaadhaan tarkaanfii akka fudhatan isaan dandeessiseera. Haala akkamii keessatti iyyuu, ibsawwan qaamaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simnee fi miira sabboonummaa calaqqisiisan kam iyyuu argisiisuu dhiisuuf murtoo cimaa godhaniiru. (Baʼuu 20:4, 5; 1 Yohaannis 5:21) Yeroo harʼaattis namoonni barsiifata burcuqqoo ol kaasuu amantaa wajjin kan wal qabate akka taʼetti hin ilaalan taʼa. Taʼus, Kiristiyaanonni barsiifata amantaa irraa maddee fi yeroo ammaatti akka waan humna namoota irraa ol taʼe irraa gargaarsa argachuuf jecha “samii” irraa eebba gaafachuutti ilaalamu kana irratti hirmaachuu dhiisuuf sababii quubsaa qabu.—Baʼuu 23:2.