Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

NAMNI Iskootilaandi tokko wanti hojii isaa isa milkaaʼina qabu irra caalaa gaarii taʼee argate maali dha? Namni Biraaziil jiraatu tokko jireenya gadhiisii jiraachaa turee fi kookeeyinii isa sammuu namaa hadoochu xuuxuu akka dhiisu kan isa gargaare maali dha? Namni Islooveeniyaa jiraatu tokko araada dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuu kan dandaʼe akkamitti? Mee wanta namoonni kun jedhan haa dubbisnu.

“Jireenya Milkaaʼina Qabu Kanan Jiraadhu Fakkaata Ture.”—JOON RIIKEETIS

BARA DHALOOTAA: 1958

BIYYA DHALOOTAA: ISKOOTILAANDI

SEENAA: NAMA HOJII MILKAAʼINA QABU HOJJECHAA TURE

JIREENYA KOO DURAA: Akkaataa guddinaa gaarii taʼen qaba ture. Abbaan koo raayyaa waraanaa Biritaaniyaa keessatti ajajaa waraanaa waan tureef, maatiin keenya bakkawwan adda addaatti imala ture. Iskootilaandi malees, Ingilizii, Jarmanii, Keeniyaa, Maaleezyiyaa, Aayerlaandii fi Qophiros jiraanneerra. Umurii koo waggaa saddeetii eegalee, Iskootilaandi keessatti manneen barumsaa achuma jiraatanii baratan (boarding school) keessattin baradhe. Yeroo boodas Yunivarsiitii Kaambiriij irraan eebbifame.

Yeroo umuriin koo waggaa 20 taʼu, daldala bobaʼaa wajjin wal qabate keessatti waggaa saddeetiif hojjedheera. Hojii kana kanan jalqabe Ameerikaa Kibbaatti dha; achiis Afriikaa, dhuma irrattis Dhiha Awustiraaliyaatti hojjedheera. Gara Awustiraaliyaa ergan dhufee booda, dhaabbata aksiyoona daldalun hundeesse; yeroo boodas dhaabbata kana nan gurgure.

Maallaqni ani dhaabbaticha gurguruudhaan argadhe jireenya koo hafeef gaʼaa waan tureef umurii koo 40⁠tti sooraman baʼe. Yeroon argadhe kanatti fayyadameen biyyoota adda addaatti imaluu jalqabe. Doqdoqqeedhaan Awustiraaliyaa siʼa lama naannaʼeera; akkasumas addunyaa irra naannaʼeera. Jireenyi koo gaarii fakkaata ture.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Soorama baʼuu koo dura iyyuu, jireenyan argadheef karaan itti Waaqayyoon galateeffadhun barbaada ture. Kanaafuu, gara waldaa amantaa Aanjeelikaanii isan ijoollummaa kootti dhaqaa ture deemuun jalqabe. Waldaan kun garuu barumsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe hin kennu ture. Achiis Moormonotaa wajjin qoʼachuun jalqabe, taʼus Kitaaba Qulqulluu irratti amantii waan hin qabneef hariiroon isaanii wajjin qabu addaanin kute.

Gaaf tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa balbala koo rurrukutan. Wanti isaan barsiisan Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hubachuuf yeroo natti hin fudhanne. Caqasoota isaan natti argisiisan keessaa tokko 1 Ximotewos 2:3, 4 ture. Caqasichi fedhiin Waaqayyoo, “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” taʼuu isaa kan ibsu ture. Dhugaa Baatonni beekumsa irratti qofa utuu hin taʼin, beekumsa Kitaaba Qulqulluu dhugaa isa sirrii argachuu irratti kan xiyyeeffatan taʼuun isaa baayʼee na dinqisiiseera.

Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun koo, beekumsa dhugaa isa sirrii akkasii akkan argadhu na gargaareera. Fakkeenyaaf, Waaqayyoo fi Yesuus qaamota eenyummaa garaa garaa qaban malee kutaa Sillaasee isa iccitii taʼee akka hin taane baradheera. (Yohaannis 14:28; 1 Qorontos 11:3) Dhugaa salphaa kana hubachuun koo baayʼee na gammachiise. Karaa biraatiin garuu barumsa Sillaasee isa hubachuun ulfaataa taʼe hubachuuf baayʼee dhamaʼuun koo baayʼee na aarse!

Utuma baayʼee hin turin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walgaʼii irratti argamuun jalqabe. Kan wal jaallatanii fi amala naamusaa baayʼee gaarii taʼe kan qaban taʼuun isaanii baayʼee na dinqisiise; waanuman qulqulloota gidduu jiru natti fakkaatee ture. Jaalala dhugaa gidduu isaanii ture arguun koo amantii dhugaa akkan argadhe naaf mirkaneesseera.—Yohaannis 13:35.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Ergan cuuphamee booda dubartii bareedduu Daayaan jedhamtuu wajjin wal barre. Daayaan maatii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti kan guddatte dha, amalawwan gaggaariin ishiin qabdu waan na hawwataniif yeroo booda ishii wajjin gaaʼela godhanne. Michummaan Daayaanii fi deggersi ishiin naaf gootu eebba guddaa Yihowaa biraa argadhe akka taʼe natti dhagaʼama.

Anii fi Daayaan misiraachoo Kitaaba Qulqulluu bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemnee lallabuuf fedhii guddaa qabna turre. Kanaafuu bara 2010⁠tti gara Beeliiz ishii Giddu Galeessa Ameerikaatti argamtu deemne. Bakka kanatti namoota Waaqayyoof jaalala qabanii fi beekumsa Kitaaba Qulqulluu dheebotaniif lallabaa jirra.

Dhuma irrattis waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼee dhugaa isaa beekuun koo nagaa sammuu naaf argamsiiseera. Tajaajilaa yeroo guutuu waanan taʼeef, namoota hedduu Kitaaba Qulqulluu barsiisuu dandaʼuun koo na gammachiisa. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jireenyi koo akka fooyyaʼu na gargaare, jireenyi namoota kaaniis yommuu fooyyaʼu arguu caalaa wanti nama gammachiisu tokko illee hin jiru. Dhuma irratti, karaa hunduma irra caaluu fi Waaqayyoon galateeffachuu itti dandaʼu argadheera.

“Gaarummaa Guddaa Natti Argisiisaniiru.”—MOORIISIYUU OOROOWZYUU

BARA DHALOOTAA: 1967

BIYYA DHALOOTAA: BIRAAZIIL

SEENAA: JIREENYA GADHIISII KAN JIRAATU

JIREENYA KOO DURAA: Magaalaa xinnoo Oovooree jedhamtuu fi Saaʼoo Paawulootti argamtu keessattin guddadhe. Jiraattonni magaalattii harki caalaan isaanii galii gad aanaa kan qabani dha.

Abbaan koo kan duʼe yeroo haati koo anaan ulfa turtetti dha. Yeroon ijoollee ture, yeroo haati koo mana hin jirretti uffata haadha koon uffadha ture. Dubartii fakkaachuuf yaalii gochaa waanan tureef namoonni nama gadhee akkan taʼetti na ilaaluu jalqaban. Yeroo boodas dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwachuun jalqabe.

Dhuma umurii waggoota kurnanii irra yommuun gaʼu, manneen bunaa, manneen daansii galgalaa fi waldaa keessaa illee dhiira dubartii utuu hin jedhin namoota anaa wajjin saalqunnamtii raawwatan adamsuun jalqabe. Guyyoota ayyaanaatti akka dubartiitti uffadhee daansii saambaa jedhamu waanan shubbisuuf baayʼee beekamaa taʼeen ture.

Michoonni koo namoota saala wal fakkaataa gidduutti saalqunnamtii raawwatan, sagaagaltootaa fi namoota araada qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu qaban turan. Isaan keessaa tokko tokko kookeeyinii isa qoricha sammuu namaa hadoochu taʼe akkan xuuxu na jajjabeessuu jalqaban, utuma baayʼee hin turinis kookeeyinii xuuxuun araada natti taʼe. Yeroo tokko tokko halkan guutuu kookeeyinii xuuxaa bulla turre. Yeroo kan biraatti immoo, guyyaa guutuu kophaa koo kookeeyinii xuuxaan oola ture. Baayʼee huuqqadhee waanan tureef namoonni Eedsiin isa qabateera jedhanii odeessuu jalqaban.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kanan wal arge yeroo kanatti ture. Isaan gaarummaa guddaa natti argisiisaniiru. Caqasoota isaan naaf dubbisan keessaa tokko Roomaa 10:13 isa, “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya” jedhu ture. Caqasni kun maqaa Yihowaatti fayyadamuun hangam barbaachisaa akka taʼe na hubachiiseera. Yeroo baayʼee halkan guutuu kookeeyinii ergan xuuxaa bulee booda, foddaa banee gara samii ilaalaa Yihowaan akka na gargaaru booʼaan kadhadha ture.

Haati koo qoricha sammuu hadoochu fudhachuudhaan jireenya koo balleessuun koo baayʼee waan ishii gaddisiiseef, araada kana dhiisuufan murteesse. Sana booda utuma baayʼee hin turin, affeerraa Dhugaa Baatonni Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu naaf dhiheessan nan fudhadhe. Qoʼannaan koo murtoo ani qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu dhiisuuf godhe akka naaf cimsu naaf mirkaneessan; akkuma isaan jedhanis ni taʼe!

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo yommuun itti fufu, akkaataa jireenyaa koo jijjiiruu akkan qabun hubadhe. Keessumaa barsiifata saala walfakkaataa wajjin saalqunnamtii raawwachuu yeroo dheeraadhaaf naa wajjin ture kana dhiisuun baayʼee natti ulfaatee ture. Wantoota na gargaaran keessaa tokko, wantoota dhiibbaa gadhee na irraan geessisan irraa fagaachuu koo ture. Hariiroon michoota koo durii wajjin qabu guutummaattin addaan kute, akkasumas manneen dhugaatii fi mana daansii halkanii dhaquu nan dhiise.

Jijjiiramawwan kanneen gochuun salphaa taʼuu baatus, Yihowaan akka naaf yaaduu fi qabsoo ani gochaa jiru akka naaf hubatu beekuun koo baayʼee na jajjabeesseera. (1 Yohaannis 3:19, 20) Bara 2002⁠tti gochawwan saalqunnamtii saala walfakkaatu gidduutti raawwachaa ture guutummaatti nan dhiise, achiis wagguma sanatti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Haati koo jijjiirama ani godhe yommuu argitu ishiinis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Kan nama gaddisiisu garuu, hiddawwan dhiigaa sammuu ishii keessa jiran irra miidhaan waan gaʼeef dhukkubsachuu jalqabde. Taʼus jaalala Yihowaa fi dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabdu guddifachuu ishii itti fufteetti.

Waggoottan saddeet darbaniif yeroo koo harka caalaa isaa namoota kaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuu irratti dabarsaa waanan tureef tajaajilaa yeroo guutuu taʼeen tajaajilaa jira. Dhugaa isaa dubbachuuf yeroon itti fedhii sirrii hin taanee wajjin qabsoo gochuun itti na barbaachisu jira. Taʼus fedhiiwwan kanaan moʼamuu mannaa Yihowaa gammachiisuu akkan dandaʼu beekuun koo ija jabina naaf kenna.

Yihowaatti dhihaachuu fi karaa isa gammachiisuun jiraachuu koon kabajan ofiif qabu akka guddatu na gargaareera. Yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu jiraachaan jira.

“Barmeelii Urataan Ture.”—LUUKOO SHUUTIS

BARA DHALOOTAA: 1975

BIYYA DHALOOTAA: ISLOOVEENIYAA

SEENAA: DHUGAATII ALKOOLII GARMALEE KAN DHUGU

JIREENYA KOO DURAA: Magaalaa guddittii Islooveeniyaa kan taate Luubliyaanaattin dhaladhe. Hamma umurii koo waggaa afuriitti akkaataa guddinaa gaariin qaba ture. Yeroo umuriin koo waggaa afur taʼu abbaan koo of ajjeese. Haala gaddisiisaa kana booda, haati koo wanta anaa fi obboleessa koo hangafaatiif barbaachisu guutuuf jabaattee hojjechuu qabdi turte.

Yeroo umuriin koo waggaa 15 taʼu akkoo koo wajjin jiraachuun jalqabe. Hiriyoonni koo hedduun naannoo sana waan jiraataniif akkoo koo wajjin jiraachuun na gammachiisa ture. Kana malees, yeroon haadha koo wajjin jiraadhu caalaa bilisummaa qaba ture. Yeroo umuriin koo waggaa 16 taʼu, namoota Sanbadduraa fi Dilbata dhugaatii alkoolii dhuganittin michoome. Rifeensa koo nan dheereffadhe, akkaataan uffannaa koos hammeenya kan argisiisu ture, yeroo booda immoo tamboo xuuxuun jalqabe.

Qorichawwan sammuu namaa hadoochan adda addaa kanan fudhadhu taʼus, wanti caalaatti na gammachiisu dhugaatii alkoolii dhuguu ture. Jalqaba irratti burcuqqoo muraasa dhugaa kanan ture taʼus, utuma baayʼee hin turin takkaatti qaruuraa wayinii guutuu isaa dhuguun eegale. Yeroo booda immoo, hangam akkan dhuge akka na irratti hin beekamne gochuu irratti naaf milkaaʼee ture. Yeroo baayʼee akkan dhuge kan beekamu hafuura kootiin qofa ture. Wayinii ykn biiraa liitrii hedduu voodkaa wajjin wal makee hammam akkan dhugu eenyu iyyuu tilmaamuu hin dandaʼu!

Yeroo baayʼee, dachaa hamma hiriyoonni koo dhugan caalu kanan dhugu taʼus mana daansii halkaniitii gara manaatti yeroo deebinu qabee gara mana isaanitti kan isaan geessu ana ture. Gaaf tokko hiriyaan koo tokko barmeelii urataa akkan taʼe yommuu dubbatun dhagaʼe; Islooveeniyaatti namoonni nama garmalee dhugu arrabsuuf jechoota akkasiitti fayyadamu. Wanti inni dubbate kun baayʼee na miidhe.

Jireenyi koo garamitti deemaa akka jirun yaaduu jalqabe. Nama gatii hin qabne akkan taʼe natti dhagaʼamuu eegale. Wantin jireenya koo keessatti raawwadhu tokko illee hiika kan qabu hin fakkaatu ture.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Haala kana keessa utuun jiruu, mucaan anaa wajjin baratu tokko amalli isaa jijjiiramee garraamii akka taʼen hubadhe. Wanti isa jijjiire maal akka taʼe beekuu waanan barbaadeef kaaffee gallee akka haasofnun isa affeere. Yommuu waliin haasofnutti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka jalqabe natti hime. Wantoota barate keessaa tokko tokko natti hime; ijoollummaa kootii kaasee waaʼee amantaa wantan beeku tokko illee waanan hin qabneef wanti inni natti hime hundi anaaf haaraa ture. Kanaafuu, walgaʼii Dhugaa Baatotaa irratti argamuu fi isaanii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe.

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun koo dhugaawwan garaa namaa tuqanii fi hojiidhaaf nama kakaasan hedduu akkan beeku na gargaareera. Fakkeenyaaf, yeroo Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu keessa akka jiraannu baradheera. (2 Ximotewos 3:1-5) Kana malees, Waaqayyo dhiheenyatti namoota hamoo akka balleessuu fi namoota gaarii taʼaniif immoo lafa Jannata taatu irratti carraa bara baraaf jiraachuu akka isaaniif kennu baradheera. (Faarfannaa 37:29) Anis namoota gaarii kana keessaa tokko taʼuu akkan dandaʼuuf, jireenya koo jijjiiruuf fedhii cimaa akkan qabaadhu na taasise.

Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barachaa ture hiriyoota koottan himuu jalqabe. Baayʼeen isaanii natti qoosan; deebiin isaan kennan kun garuu karaa ani hin yaanneen na gargaareera. Deebiin isaanii michoota dhugaa akka hin taane hubachuuf na gargaareera. Rakkoon dhugaatii koos hiriyootan filadhee wajjin kan wal qabatu taʼuu isaan hubadhe. Namoonni ani hiriyoota kooti jedhu, namoota torban guutuu yeroo itti Sanbadduraa fi Dilbanni dhufee dhugan hawwiidhaan eeggatan turan.

Michummaan namoota kanaa wajjin qabu guutummaatti addaan kutee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa michoota haaraa argachuu dandaʼeera. Dhugaa Baatonni Yihowaa garaadhaa Waaqayyoon kan jaallatanii fi ulaagaalee isaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraaqqii cimaa waan godhaniif michummaan isaanii wajjin qabu madda jajjabina guddaa naaf taʼeera. Oolee bulee, araada garmalee dhugaatii alkoolii dhuguu irraa bilisa baʼuu dandaʼeera.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Amma gammachuu argachuuf dirqama dhugaatii alkoolii dhuguu akkan qabu natti hin dhagaʼamu; kanaafis Yihowaa guddaan galateeffadha. Akkaataa jireenyaa koo isa duriitiin itti fufeera utuun taʼee silaa eessatti akkan argamu tilmaamuun natti ulfaata. Taʼus jireenyin amma qabu hundumaa irra kan caalu akka taʼe mirkanaaʼaa dha.

Waggoottan torban darbaniif waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Islooveeniyaa jiru keessatti tajaajiluuf mirga argadheera. Yihowaa beekuun koo fi isa tajaajiluun koo jireenya kaayyoo dhugaa qabu akkan jiraadhu na gargaareera.