Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa

Yeroo harʼaa dhiirotaafi dubartoota amantii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanirraa barumsa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Duraa Duuba Yeroo

Duraa duubni yeroofi maapponni namoonni amanamoon Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman bara kamittiifi eessa akka jiraatan hubachuuf si gargaara.

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Qaamni Olaanaan, namoonni hundi dhuunfattis taʼe maatiidhaan kitaaba kana dubbisuufi qayyabachuudhaan faayidaa guutuu akka argatan jajjabeessa.

Seensa

Seenaa dhiirotaafi dubartoota amantii dinqisiisaa taʼe argisiisan Macaafa Qulqulluurraa argachuu dandeenya. Fakkeenyasaarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

ABEEL

‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’

Macaafni Qulqulluun waaʼee Abeel kan dubbatu wantoota muraasa erga taʼee waaʼeesaafi waaʼee amantii inni argisiisee wantonni barachuu dandeenyu ni jiraataa?

NOHI

‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’

Nohiifi haati manaasaa ijoolleesaanii yommuu guddisan halawwan rakkisaa akkamii isaan mudataniiru? Yommuu markabicha hojjetan amantii akka qaban kan argisiisan akkamitti?

ABRAHAAM

‘Warra Amanan Hundaaf Abbaa Taʼeera’

Abrahaam amantii akka qabu kan argisiise akkamitti? Fakkeenya amantii Abrahaam karaawwan kamfaatiin hordofuu dandeessa?

RUUT

Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”

Ruutu maatiisheefi biyyashee dhiisuuf fedhii kan qabaatte maaliifi? Amalawwan Yihowaa biratti akka jaallatamtu ishee godhan maalfa’i?

RUUT

“Dubartii Baʼeettii”

Gaaʼela Fuutiifi Boʼaziif bakka guddaan kan kennamuu maaliifi? Waaʼee maatii Ruutiifi Naaʼomiirraa maal baranna?

HAANNAA

Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti Himatteetti

Amanannaan Haannaan Yihowaarratti qabdu, rakkina furmaata waan hin qabne fakkaatu akka mootu ishee gargaareera.

SAAMUʼEL

‘Yihowaa Duratti Guddachaa Deeme’

Seenaa ijoollummaa Saamuʼel wanti adda taasisu maalidha? Yommuu godoo qulqullaaʼaa keessa jiraachaa ture amantiinsaa akka jabaatu wanti isa gargaare maalidha?

SAAMUʼEL

Haala Rakkisaa Taʼe Keessa Jabaatee Dhaabateera

Hundi keenyayyuu rakkoowwan amantii keenya qoraniifi abdii nu kutachiisan nu mudachuu dandaʼu. Saamuʼel jabaatee dhaabachuusaarra barumsa akkamii arganna?

ABIGAAYIL

Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti

Haala Abigaayil rakkina gaa’elashee keessa jiru itti qabderraa barumsa akkamii arganna?

ELIYAAS

Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera

Namoota wanta Macaafni qulqulluun barsiisu mormanii wajjin yommuu wal arginu fakkeenya Eliyaas hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

ELIYAAS

Dammaqinaafi Obsaan Eegeera

Eliyaas raajichi, Yihowaan waadaa galee yeroo itti raawwatu yommuu obsaan eegutti nama kadhannaadhaaf bakka guddaa kennu taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

ELIIYAAS

Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera

Wantoonni Eiliyaas baayʼee akka sodaatuufi abdii akka kutatu, akkasumas duʼa akka gaafatu isa godhan maalfa’i?

YOONAAS

Dogoggorasaarraa Barateera

Yoonaas hojii isaaf kenname hojjechuu kan sodaate maaliif akka ta’e hubatteettaa? Seenaansaa, obsaafi araara Yihowaa ilaalchisee barumsa gaarii nuuf qabateera.

YOONAAS

Ooʼa Argisiisuu Barateera

Seenaan Yoonaas haqaan akka of qorru kan nu gargaaru akkamitti?

ASTEER

Saba Waaqayyootiif Falmiteetti

Akka Asteer fedhii ofii aarsaa gochuufi jaalala argisiisuun amantiifi ija jabina gaafata.

ASTEER

Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti

Asteer Yihowaafi sabasheetiif jecha haala ofittummaarraa walaba ta’een tarkaanfii kan fudhatte akkamitti?

MAARIYAAM

“Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”

Deebiin Maariyaam gabriʼel ergamaadhaaf kennite waaʼee amantiishee argisiisea? Amalawwan gaggaarii garabiraa warra kamis argisiisteetti?

MAAARIYAAM

“Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”

Wantoonni Maariyaam yommuu gara Betlihem deemtu ishii mudatan, amantii wanta Yihowaan abdachiise irratti qabdu ishiidhaaf cimsaniiru.

YOSEEF

Itti Gaafatamummaasaa Hunda Raawwateera

Yoseef maatiisaatiif eegmsa kan godhe karaawwan kamiini? Maariyaamiifi Yesusiin gara Gibxiitti kan geesse maaliifi?

MAARTAA

“Amaneera”

Maartan yeroo gadda guddaa keessa turtettillee amantii dinqisiisaa akka qabdu kan argisiiste akkamitti?

PHEXROS

Sodaafi Shakkii Isatti Dhagaʼame Moʼeera

Shakkiin humna guddaa waan qabuuf badiisa geessisa. Taʼus Phexros shakkiifi sodaa isatti dhagaʼamu moʼee Yesus duukaa buʼeera.

PHEXROS

Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera

Amantiifi amanamummaan Phexros qabu serreeffama Yesus isaaf kenne akka fudhatu kan isa gargaare akkamitti?

PHEXROS

Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera

Phexros dhiifama gochuu ilaalchisee Yesusirraa mal barate? Yesus Phexrosiif dhiifama akka godhe kan argisiise akkamitti?

Xumura

Amantiikee jabeessuufi abdiinkee akka siif dhugoomu gochuu kan dandeessu akkamitti?

Kanneen Armaan Gadiis ni Jaallatta Taʼa

WAAQAYYOTTI AMANUU

Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa—Namoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman

Fakkeenya dhiirotaa fi dubartoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii hordofuudhaan Waaqayyotti dhihaadhu.

VIIDIYOOWWAN

Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa—Viidiyoowwan

Viidiyoowwan walitti aananii baʼan kanarratti, dhiirotaa fi dubartoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman irraa baradhu.