BARUMSA 47
Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa waaʼee Yihowaa waan hedduu baratteetta. Wanta baratte hojii irra oolchuufis jijjiirama tokko tokko gooteetta taʼa. Taʼus wanti Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuu irraa akka duubatti jettu si taasisu jiraachuu dandaʼa. Barumsa kana keessatti wantoota baramoo akka ati hin cuuphamne gufuu sitti taʼan tokko tokkoo fi akkamitti moʼuu akka dandeessu ilaalla.
1. Cuuphamuu kee dura beekumsa hammamii argachuu qabda?
Cuuphamuuf “beekumsa dhugaa isa sirrii” argachuu qabda. (1 Ximotewos 2:4) Kana jechuun garuu cuuphamuu kee dura gaaffii Kitaaba Qulqulluu hundumaaf deebii isaa beekuu qabda jechuu miti. Kiristiyaanonni erga cuuphamanii waggoota dheeraadhaaf turan illee barachuu isaanii itti fufu. (Qolosaayis 1:9, 10) Haa taʼu malee, barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hubachuun si barbaachisa. Jaarsoliin gumii beekumsa Kitaaba Qulqulluu gaʼaa qabaachuu fi dhiisuu kee beekuuf si gargaaru.
2. Cuuphamuu kee dura tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdu tokko tokko kam faʼi?
Cuuphamuu kee dura ‘yaada geeddarachuu fi deebiʼuu’ qabda. (Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.) Kana jechuun cubbuu kanaan dura hojjetteef garaadhaa gaabbuu fi Yihowaan dhiifama akka siif godhu kadhachuu qabda jechuu dha. Dabalataanis gocha hamaa irraa fagaachuu fi karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf kutachuu qabda. Kana malees, gumii irratti argamuu fi babalʼisaa hin cuuphamne taatee tajaajiluudhaan sochiiwwan gumii irratti hirmaachuu jalqabuu qabda.
3. Sodaan duubatti akka si harkisu heyyamuu kan hin qabne maaliifi?
Namoonni tokko tokko ‘Wantan Yihowaadhaaf waadaa gale raawwachuu hin dandaʼu’ jedhanii sodaatu. Yeroo tokko tokko akkuma namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanii akka dogoggortu beekamaa dha. Taʼus Yihowaan tajaajiltoonni isaa mudaa kan hin qabne akka taʼan isaan irraa hin eegu. (Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.) Inni wanta dandeessu hunda yommuu gootu ni gammada, si gargaaras. Inumaa iyyuu, Yihowaan ‘jaalala isaa irraa wanti kam iyyuu gargar nu baasuu akka hin dandeenye’ nuuf mirkaneesseera.—Roomaa 8:38, 39 dubbisi.
CAALAATTI BARADHU
Yihowaa caalaatti beekuu fi gargaarsa isaa fudhachuudhaan wantoota akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼan moʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.
4. Waaʼee Yihowaa caalaatti baradhu
Cuuphamuu kee dura waaʼee Yihowaa hammam beekuu qabda? Beekumsa isa jaalachuu fi isa gammachiisuuf si barbaachisu argachuu qabda. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu addunyaa maratti argaman kana kan godhan akkamitti akka taʼe beekuuf VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
-
Namoonni viidiyicha irratti argaman, cuuphamuuf akka qophaaʼan wanti isaan gargaare maali dha?
Roomaa 12:2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
-
Barumsa Kitaaba Qulqulluu irratti ykn Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaa barsiisuu isaanii irratti shakkii qabdaa?
-
Taanaan maal gochuu dandeessa?
5. Gufuuwwan akka hin cuuphamne si mudachuu dandaʼan injifadhu
Yihowaadhaaf yommuu of murteessinuu fi cuuphamnu hundi keenya rakkoowwan adda addaa nu mudatu. Fakkeenya tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
-
Akkuma viidiyicha irratti ibsame, Naaraangerel Yihowaa tajaajiluuf gufuuwwan akkamii moʼuun ishii barbaachisee ture?
-
Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu gufuuwwan kana moʼuuf kan ishii gargaare akkamitti?
Fakkeenya 29:25 fi 2 Ximotewos 1:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
-
Gufuuwwan nu mudatan moʼuuf ija jabina kan nuuf kennu maali dha?
6. Gargaarsa Yihowaan kennutti amanami
Yihowaan isa gammachiisuu akka dandeessu si gargaara. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
-
Akkuma viidiyoo kana irratti ibsame, barataan Kitaaba Qulqulluu kun cuuphamuu irraa duubatti akka jedhu kan isa taasise maali dha?
-
Wanti amanannaa Yihowaa irratti qabu isaaf cimse maali dha?
Isaayyaas 41:10, 13 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
-
Waadaa yeroo of murteessitetti galte akka raawwattu amanannaa qabaachuu dandeessa kan jennu maaliifi?
7. Dinqisiifannaa jaalala Yihowaatiif qabdu guddifadhu
Yihowaan hangam akka si jaalatu caalaatti yommuu yaaddu dinqisiifannaan kees caalaatti dabalaa deema; bara baraaf isa tajaajiluufis caalaatti fedhii qabaatta. Faarfannaa 40:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
-
Eebbawwan Yihowaa keessaa isa kam caalaatti dinqisiifatta?
Ermiyaas raajichi Yihowaa fi dubbii isaa ni jaalata ture, mirga maqaa Yihowaatiin waamamuuf qabus baayʼee dinqisiifata ture. “Yaa Yihowaa . . . maqaa keetiin waanan waamameef, dubbiin kee wanta garaa kootiif gammachuu fi ililcha argamsiisu naaf taʼeera” jedheera. (Ermiyaas 15:16) Gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenni:
-
Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun mirga guddaa dha kan jennu maaliifi?
-
Atoo cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu ni barbaaddaa?
-
Wanti akkas akka hin goone si dhowwe jiraa?
-
Cuuphamuuf maal gochuun qaba jettee yaadda?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Yoon cuuphame wantan waadaa gale hunda raawwachuu hin dandaʼu jedheen sodaadha.”
-
Atoo akkas sitti dhagaʼamaa?
MAAL BARATTE?
Gargaarsa Yihowaatiin wanta akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼu kam iyyuu moʼuu ni dandeessa.
Irra Deebii
-
Cuuphamuuf beekumsa Kitaaba Qulqulluu hammamiitu si barbaachisa?
-
Cuuphamuu kee dura jijjiirama akkamii gochuutu si barbaachisa?
-
Sodaan akka duubatti si harkisu heyyamuu kan hin qabne maaliifi?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Murtoon cuuphamuuf gootu maal irratti hundaaʼuu akka qabu ilaali.
“Cuuphamuuf Qophoofteettaa?” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 2020)
Gufuuwwan cuuphamuu irraa duubatti akka jettu si taasisan moʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
“Akkan hin Cuuphamne Wanti Na Dhowwu Maali Dha?” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 2019)
Namni tokko wantoota guguddaa akka hin cuuphamne gufuu isatti taʼan milkaaʼinaan kan moʼe akkamitti akka taʼe ilaali.
Namni Aataa jedhamu jalqaba irratti cuuphamuu irraa duubatti jedhee ture. Tarkaanfii barbaachisaa taʼe kana akka fudhatu kan isa amansiise maal akka taʼe ilaali.