Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 55

Gumii Kee Deggaruu kan Dandeessu Akkamitti?

Gumii Kee Deggaruu kan Dandeessu Akkamitti?

Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gumiiwwan kumaan lakkaaʼaman keessatti gammachuudhaan Yihowaa waaqeffatu. Barumsaa fi qajeelfama argataniif ni galateeffatu, karaawwan hedduudhaanis gumii isaanii gammachuudhaan ni deggaru. Atoo gumii keessa jirtu ilaalchisee akkas sitti dhagaʼamaa?

1. Karaawwan yeroo kee fi humna keetti fayyadamtee gumii deggaruu itti dandeessu keessaa tokko tokko kam faʼi?

Hundi keenya gumii gargaaruu dandeenya. Fakkeenyaaf, gumii kee keessa obboloonni maanguddoo taʼan ykn dhibee fayyaa qaban jiruu? Gara gumii akka dhufan isaan gargaaruu dandeessaa? Yookiin immoo karaawwan kan birootiin fakkeenyaaf, gabaa isaaniif dhaquu ykn hojii mana keessaa hojjechuudhaan isaan gargaaruu dandeessaa? (Yaaqoob 1:27 dubbisi.) Kana malees, Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuuf fedhiidhaan of dhiheessuudhaan gargaarsa gochuu dandeenya. Wantoota kana akka raawwannu namni nu dirqisiisu hin jiru. Kanaa mannaa, jaalala Waaqayyoo fi obboloota keenyaaf qabnutu ‘fedhiidhaan of dhiheessuuf’ nu kakaasa.—Faarfannaa 110:3.

Dhugaa Baatonni cuuphaman karaawwan kan biroo dabalataatiin gumii deggaruu dandaʼu. Obboloonni karaa hafuuraa gaʼumsa qaban tajaajiltoota gumii, yeroo booda immoo jaarsolii gumii taʼanii tajaajiluu dandaʼu. Obboloonnis taʼan obboleettonni qajeelchitoota taʼanii tajaajiluudhaan dammaqinaan hojii lallabaa deggaruu dandaʼu. Dhugaa Baatonni tokko tokko immoo, bakka waaqeffannaa ijaaruudhaan ykn gumiiwwan gargaarsi kan biraan isaan barbaachisu deemuudhaan deggarsa gochuu dandaʼu.

2. Gumii deggaruuf qabeenya keenyatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

‘Qabeenya keenya isa gatii guddaa qabuun Yihowaadhaaf ulfina kennuu’ dandeenya. (Fakkeenya 3:9) Gumii keenyaa fi hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamu deggaruuf maallaqaa fi qabeenya kan biraa buusii gochuu akka mirga guddaatti ilaalla. (2 Qorontos 9:7 dubbisi.) Buusiin goonu yeroo balaan uumamuttis gargaarsa gochuuf ni oola. Obboloonni hedduun yeroo hunda wanta buusii godhan ‘hamma tokko adda baasanii kaaʼuu’ filatu. (1 Qorontos 16:2 dubbisi.) Saanduqa buusii bakka waaqeffannaa keenyatti argamutti fayyadamnee ykn intarneetiidhaan donate.dan124.com fayyadamnee buusii gochuu dandeenya. Yihowaan akkaataa qabeenya keenyatti fayyadamnuun jaalala isaaf qabnu akka argisiisnu carraa nuuf kenneera.

CAALAATTI BARADHU

Karaawwan gumii gargaaruu itti dandeessu tokko tokko hubadhu.

3. Qabeenya keenyatti fayyadamuu dandeenya

Yihowaa fi Yesuus namoota gammachuudhaan kennan jaallatu. Fakkeenyaaf, Yesuus dubartiin abbaa manaa irraa duʼee fi maallaqa xinnoo qabdu, wanta qabdu Yihowaadhaaf kennuu ishiitiif ishii galateeffateera. Luqaas 21:1-4 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaa gammachiisuuf buusii guddaa gochuu qabnaa?

  • Yihowaa fi Yesuus kennaa fedhiidhaan kenninu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

Buusiin goonu hojii irra kan oolu akkamitti akka taʼe beekuuf VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Buusiin godhamu gumiiwwan addunyaa maratti argaman deggaruuf kan oolu akkamitti?

4. Gargaarsa gochuuf of dhiheessuu dandeenya

Bara duriitti tajaajiltoonni Yihowaa iddoo waaqeffannaa isaanii suphuuf jabaatanii hojjetaniiru. Kun garuu maallaqa buusii gochuu caalaa waan dabalatu qaba. Seenaa Baraa Lammaffaa 34:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Israaʼelonni hundi mana Yihowaa ykn bakka waaqeffannaa kunuunsuu irratti gargaarsa kan godhan akkamitti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeenya Kitaaba Qulqulluu kana kan hordofan akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Galma Walgaʼii keenya qulqulleessuunii fi suphuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Atoo karaawwan kamiin gargaarsa gochuu dandeessa?

5. Obboloonni itti gaafatamummaa dabalataa argachuuf carraaquu dandaʼu

Kitaabni Qulqulluun dhiironni Kiristiyaana taʼan gumicha deggaruuf wanta isaaniif dandaʼame hunda akka godhan isaan jajjabeessa. Fakkeenya tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Viidiyicha irratti akkuma ibsame, Raayaan gumicha deggaruuf carraaqqii kan godhe akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun ulaagaalee obboloonni tajaajiltoota gumii fi jaarsolii gumii taʼanii tajaajilan guutuu qaban ni ibsa. Ximotewos Tokkoffaa 3:1-13 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Obboloota tajaajiltoota gumii fi jaarsolii gumii taʼanii tajaajiluuf carraaqan irraa maaltu eegama?

  • Maatii isaanii irraa hoo maaltu eegama?—Lakkoofsa 4 fi 11 ilaali.

  • Obboloonni ulaagaalee kana guutuuf yommuu carraaqan namoonni gumii keessa jiran hundi kan fayyadaman akkamitti?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhugaa Baatonni Yihowaa maallaqa hojii isaaniitiif barbaachisu eessaa argatu?”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Yihowaan carraaqqii yeroo keenyaan, humna keenyaa fi qabeenya keenyaan gumii deggaruuf goonu baayʼee dinqisiifata.

Irra Deebii

  • Yeroo fi humna keenya gumii deggaruuf itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Gumii deggaruuf qabeenya keenyatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Atoo karaawwan kamiin gumii deggaruu barbaadda?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Waaqayyo yeroo ammaatti tajaajiltoonni isaa kurnoo akka kennan kan isaan irraa hin eegne maaliif akka taʼe hubadhu.

“Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Kurnoo Maal Jedha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Kitaabni Qulqulluun hojii tokko tokko hojjechuu kan qaban dhiirota cuuphaman qofa akka taʼan dubbata. Garuu dubartiin cuuphamte hojiiwwan kana hojjechuun yoo ishii barbaachisehoo?

“Matummaa Gumii Keessa Jiru Hubachuu“ (Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 2021)

Dhugaa Baatota ija jabeeyyii obboloota isaaniitiif barreeffama geessuuf aarsaa guddaa kaffalan tokko tokkoo wajjin wal bari.

Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu Koongoo Keessatti Raabsuu 4:25

Karaa dhaabbilee amantaa kaan irraa baayʼee adda taʼeen, maallaqa hojii keenyaaf barbaachisu kan argannu akkamitti akka taʼe baradhu.

“Dhugaa Baatonni Yihowaa Qarshii Hojii Isaaniitiif Barbaachisu Eessaa Argatu?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)