Amantii
Yihowaan amantiidhaaf iddoo guddaa akka kennu akkamitti beekuu dandeenya?
Yoh 3:16, 18; Gal 3:8, 9, 11; Efe 6:16; Ibr 11:6
Dabalataanis 2Qo 5:7 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Ibr 11:1–12:3—Phaawulos hiika amantiin qabu ibseera; akkasumas Abeel irraa jalqabee hamma Yesuus Kiristoositti namoota amantii qabaachuu irratti fakkeenya taʼan hedduu caqaseera
Yaq 2:18-24—Yaaqoob amantiin keenya hojiidhaan deggeramuu akka qabu ibsuuf fakkeenya Abrahaamitti fayyadameera
Amantii keenya cimsachuuf maaltu nu gargaara?
Rom 10:9, 10, 17; 1Qo 16:13; Yaq 2:17
Dabalataanis Ibr 3:12-14 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 20:1-6, 12, 13, 20-23—Sabni Waaqayyoo yeroo diinonni isaanii isaan haleelanitti, Yoshaafaax Mootichi sabichi injifannoo argachuuf Yihowaa fi raajota isaatti amanamuu akka qaban isaanitti himeera
1Mo 18:41-46—Eeliyaas raajichi, Yihowaan ongee yeroo dheeraaf ture dhaabsisuuf waadaa gale hamma raawwatutti obsaan eeguudhaan amantii akka qabu argisiiseera