Gocha Dogoggoraa
Kiristiyaanonni gochawwan dogoggoraa kamfaarraa fagaachuu qabu?
Arrabsoo
Mat 5:22; 1Qo 6:9, 10; Efe 4:31
Dabalataanis Bau 22:28; Lal 10:20; Yih 8 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
2Sa 16:5-8; 1Mo 2:8, 9, 44, 46—Shimeʼiin mootii Yihowaan dibe waan abaareef adaba cimaa adabameera
-
Mattaʼaa fudhachuu ykn kennuu
Bau 23:8; Fr 26:9, 10; Fak 17:23
Dabalataanis Kes 10:17; 16:19; Fr 15:1, 5 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
1Sa 8:1-5—Ijoolleen Saamuʼel fakkeenya abbaa isaanii isa gaarii hordofuu mannaa, mattaʼaa fudhachuudhaan haqa jalʼisaniiru
-
Nah 6:10-13—Shemaayaan raajii sobaa dubbachuudhaan Nahimiyaa akka sosodaachisuu fi hojiin Yihowaa lafarra akka harkifatu akka godhuuf diinota Nahimiyaatiin bitamee ture
-
Of jajuu
“Of Jajuu” isa jedhu ilaali
Addaggummaa; xuraaʼummaa; halalummaa; ejja
“Halalummaa” isa jedhu ilaali
Wal morkii; dorgommii
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Mar 9:33-37; 10:35-45—Yesuus, barattoonni isaa iddoo guddaa argachuudhaaf yeroo wal dorgomanitti irra deddeebiʼee isaan sirreesseera
-
3Yo 9, 10—Diyooxiraaxis obboloota gidduutti “dura buʼaa taʼuu” barbaada ture
-
Wal qoqqoodinsa uumuu; garee uumuu
Rom 16:17; Gal 5:19, 20; Tit 3:10, 11; 2Ph 2:1
Dabalataanis HoE 20:29, 30; 1Qo 1:10-12; Mul 2:6, 15 ilaali
Machii; garmalee dhuguu
Fak 20:1; 23:20, 29-35; 1Qo 5:11; 6:9, 10
Dabalataanis Efe 5:18; 1Xi 3:8; Tit 2:3; 1Ph 4:3 ilaali
Dabalataanis “Dhugaatii Alkoolii” isa jedhu ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Uma 9:20-25—Noh machaaʼuun isaa Kaamii fi ilmi isaa Kanaʼaan cubbuu cimaa akka raawwataniif karaa baneera
-
Dan 5:1-6, 30—Belshaazaar Mootichi wayinii dhugee machaaʼuudhaan Yihowaa arrabseera, kun immoo isaa fi mootummaa isaa irratti badiisa fideera
-
Saamicha
Fr 62:10; 1Qo 5:10, 11; 6:9, 10
Dabalataanis Fak 1:19; 15:27 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Er 22:11-17—Yihowaan Shaalum (Yehoʼahaaz) Mootichi saamichaa fi cubbuuwwan ciccimoo kaan waan raawwateef isatti dheekkameera
-
Luq 19:2, 8—Zakkewoos inni geggeessaa warra qaraxa sassaabanii taʼe, uummata saamuu isaatti gaabbuudhaan wanta saame deebisuuf waadaa galeera
-
HoE 24:26, 27—Phaawulos Ergamaan mattaʼaa bulchaan Feeliksi jedhamu argachuu barbaadee ture isaaf hin kennine
-
Sobaan jajuu
Iyo 32:21, 22; Fr 5:9; 12:2, 3; Fak 26:24-28; 29:5
Dabalataanis Fak 28:23; 1Ta 2:3-6 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Luq 18:18, 19—Yesuus sobaan isa jajuuf maqaa kabajaa yommuu isaaf kennanitti fudhachuu dideera
-
HoE 12:21-23—Heroodis Agriiphaa Mootichi Waaqa jedhanii isa waamuudhaan sobaan yommuu isa jajanitti fudhateera; cubbuu isaa kanaan kan kaʼes rukutamee duʼeera
-
Garmalee nyaachuu
Dabalataanis Luq 21:34, 35 ilaali
Hamii; dhimma namaa keessa seenuu
Fak 25:23; 1Ta 4:11; 2Ta 3:11; 1Ph 4:15
Dabalataanis Fak 20:19; 1Xi 5:13 ilaali
Waaqolii tolfamoo waaqeffachuu
“Waaqolii Tolfamoo Waaqeffachuu” isa jedhu ilaali
Sobuu; gowwoomsuu
“Sobuu” isa jedhu ilaali
Sobuu; maqaa namaa balleessuu
“Sobuu” isa jedhu ilaali
Karaa sirrii hin taaneen dhiigatti fayyadamuu
Uma 9:4; Kes 12:16, 23; HoE 15:28, 29
Dabalataanis Lew 3:17; 7:26 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
1Sa 14:32-34—Israaʼeloonni foon dhiigni isaa sirriitti keessaa hin dhangalaane nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hojjetaniiru
-
Ajjeechaa
Bau 20:13; Mat 15:19; 1Ph 4:15
Dabalataanis Mat 5:21, 22; Mar 7:21 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Uma 4:4-16—Qaayin gorsa jaalala irratti hundaaʼee fi Yihowaan isaaf kenne dhagaʼuu diduudhaan obboleessa isaa Abeel isa qajeelaa taʼe ajjeeseera
-
1Mo 21:1-26; 2Mo 9:26—Ahaab Mootichi inni hamaanii fi Iizaabel Mootittiin sassatoo taʼuun isaanii Naabotii fi ilmaan isaa ajjeesuuf karoora akka baafatan isaan taasiseera
-
Guungumuu
Dabalataanis Lak 11:1 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Lak 14:1-11, 26-30—Israaʼeloonni Musee fi Aaron irratti guungumanii kan turan taʼus, Yihowaan garuu akka isaan Isa irratti guungumanitti ilaaleera
-
Yoh 6:41-69—Yihudoonni Yesuus irratti guungumaniiru; barattoonni isaa tokko tokkos isa dhiisanii deemaniiru
-
Dubbii ykn qoosaa jibbisiisaa
Poornoogiraafii
“Poornoogiraafii” isa jedhu ilaali
Falmii
“Falmii” isa jedhu ilaali
Namatti qoosuu
Dabalataanis Fak 17:5; 22:10; 2Ph 3:3, 4 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
2Se 36:15-21—Sabni Waaqayyoo warri finciltoota taʼan ergamoota Waaqayyootti waan qoosanii fi raajota isaatti waan baacaniif adabbii cimaa adabamaniiru
-
Iyo 12:4; 17:2; 21:3; 34:7—Iyyoob inni nama qajeelaa ture, qorumsi cimaan yommuu isarra gaʼetti itti qoosameera
-
Hanna
“Hanna” isa jedhu ilaali
Loluu; miidhuu
Dabalataanis 1Xi 3:2, 3; Tit 1:7 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Bau 21:22-27—Seerri Musee namni tokko nama kan biraa wajjin utuu wal loluu yoo isa miidhe ykn yoo isa ajjeese akka adabamu ibsa
-
Doorsisuu
Dabalataanis Fr 10:4, 7; 73:3, 8 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
HoE 4:15-21—Miseensonni Mana Murtii Saanhediriin barattoonni Yesuus hojii lallabaa isaanii akka dhaabaniif isaan sossodaachisaniiru
-
Qophiiwwan toʼannaadhaa ala taʼan
Rom 13:13; Gal 5:19, 21; 1Ph 4:3
Dabalataanis Fak 20:1; 1Qo 10:31 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Dan 5:1-4, 30—Belshaazaar Mootichi “affeerraa guddaa” qopheesse irratti garmalee dhuguunsaa gocha Yihowaa akka tuffatu argisiisu raawwachuutti isa geesseera; kanaan kan kaʼes ajjeefameera
-