Jabaatanii Dhaabbachuu
Tajaajiltoonni Yihowaa jabaatanii dhaabbachuun isaan barbaachisaa?
Namoonni tokko tokko hojii lallabaa keenyaaf dantaa dhabuu akka dandaʼan, darbees akka nu morman eeguu kan qabnu maaliifi?
Mat 10:22; Yoh 15:18, 19; 2Qo 6:4, 5
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
2Ph 2:5; Uma 7:23; Mat 24:37-39—Noh ‘qajeelummaa lallabaa’ kan ture taʼus namoonni isa hin dhaggeeffanne, bishaan badiisaarraa kan oole isaa fi maatiisaa qofa turan
-
2Xi 3:10-14—Phaawulos, Ximotewos rakkina keessatti jabaatee akka dhaabbatu isa jajjabeessuuf fakkeenya ofii isaatti fayyadamee isa gorseera
-
Miseensonni maatii keenyallee nu ariʼachuu akka dandaʼan eeguu kan qabnu maaliifi?
Mat 10:22, 36-38; Luq 21:16-19
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Uma 4:3-11; 1Yo 3:11, 12—Qaayin hojiin isaa hamaa, kan obboleessa isaammoo qajeelaa waan taʼeef Abeeliin ajjeeseera
-
Uma 37:5-8, 18-28—Obboloonni Yoseef boolla keessa isa buusaniiru akkasumas garbummaatti isa gurguraniiru, sababiin kana itti godhan keessaa tokko abjuu Yihowaan isatti argisiise waan isaanitti himeef ture
-
Yommuu ariʼatamnutti duʼa sodaachuu kan hin qabne maaliifi?
Dabalataanis Mul 2:10 ilaali
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Dan 3:1-6, 13-18—Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon ejjennoo isaanii laaffisanii waaqa tolfamaa waaqeffachuu mannaa duʼuu filatanii turan
-
HoE 5:27-29, 33, 40-42—Ergamoonni akka ajjeefaman kan doorsifaman taʼus lallabuu isaanii itti fufuudhaan jabaatanii dhaabbataniiru
-
Yommuu adabamnuttillee Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf maaltu nu gargaara?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Lak 20:9-12; Kes 3:23-28; 31:7, 8—Museen adabni Yihowaan isaaf kenne isa gaddisiisee ture, taʼus hamma dhumaatti amanamaa taʼee itti fufeera
-
2Mo 20:12-18; 2Se 32:24-26—Hisqiyaas raajichi cubbuu waan raawwateef adabameera, taʼus gad of qabeera, akkasumas amanamummaadhaan jiraateera
-
Warri kaan amanamoo utuu hin taʼin hafuun isaanii jabaannee dhaabbachuun akka nutti ulfaatu gochuu kan dandaʼu akkamitti?
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Fr 73:2-24—Faarfatichi nagaa fi badhaadhina hamoonni qabanirratti erga yaadee booda faayidaa amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluun qabu shakkee ture
-
Yoh 6:60-62, 66-68—Namoonni hedduun Yesuus duukaa buʼuu kan dhiisan taʼus, amantiin Pheexiros qabu Yesuus duukaa buʼuusaa akka itti fufu isa kakaaseera
-
Jabaannee dhaabbachuuf wanti nu gargaaru maalidha?
Yihowaatti maxxanuu
Qoʼachuu fi xiinxaluudhaan beekumsa dubbii Waaqayyoo argachuu
Dhaabbataadhaan Yihowaatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Dan 6:4-11—Daaniʼel raajichi lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu taʼus ifattii fi dhaabbataadhaan kadhata ture
-
Mat 26:36-46; Ibr 5:7—Yesuus halkan dhumaa lafarratti dabarsetti cimsee kadhateera, warri kaanis akkas akka godhan jajjabeesseera
-
Waaqeffannaadhaaf obboloota keenyaa wajjin dhaabbataadhaan walitti qabamuu
Abdii Yihowaan nuuf kenne irratti xiyyeeffachuu
Yihowaaf, obbolootaa fi obboleettota keenyaaf akkasumas qajeelummaaf jaalala qabnu cimsachuu
Amantii keenya cimsachuu
Rakkina nurra gaʼuuf ilaalcha sirrii qabachuu
Faayidaa amanamummaadhaan dandaʼuun argamsiisu tokko tokko maalfaʼi?
Yihowaaf ulfina fidna
Fak 27:11; Yoh 15:7, 8; 1Ph 1:6, 7
-
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
-
Iyo 1:6-12; 2:3-5—Seexanni amanamummaa Iyyoob irratti gaaffii kaasee ture, gaaffiin kun deebii argachuu kan dandaʼu Iyyoob amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluusaa yoo itti fufedha
-
Rom 5:19; 1Ph 1:20, 21—Yesuus, Addaam irraa haala adda taʼeen hamma dhumaatti amanamaa taʼuudhaan, gaaffii, ‘Namni mudaa hin qabne tokko yoo qorumsi guddaan isarra gaʼe amanamummaasaa eeguu dandaʼaa?’ jedhuuf deebii kenneera
-
Warri kaan jabaatanii akka dhaabbatan isaan jajjabeessina
Jabaannee dhaabbachuun tajaajilli keenya buʼa qabeessa akka taʼu godha
Yihowaa biratti fudhatama nuuf argamsiisa, akkasumas eebba inni waadaa nuuf gale nuuf argamsiisa
Mat 24:13; Luq 21:19; 1Qo 15:58; Ibr 10:36
Dabalataanis Rom 2:6, 7; Yaq 1:12 ilaali