Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA TORBA

‘Kana Caalaa Eenyuyyuu Jaalala Guddaa Qabaachuu hin Dandaʼu’

‘Kana Caalaa Eenyuyyuu Jaalala Guddaa Qabaachuu hin Dandaʼu’

1-4. (a) Philaaxos yommuu Yesuusiin namoota aaranii jiran duratti dhiheessetti maaltu taʼe? (b) Yesuus salphinnii fi rakkinni yommuu isarra gaʼu maal godhe? Gaaffilee barbaachisoo taʼan kamfaatu kaʼa?

 “NAMICHI kunoo ti!” Bulchaa warra Roomaa kan taʼe Phonxiyos Philaaxos yaada kana kan dubbate, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Ayyaana Faasikaatti ganama yeroo Yesuus Kiristoosiin namoota aariidhaan bobaʼan hedduu duratti dhiheessettidha. (Yohaannis 19:5) Guyyoota muraasa dura, yeroo Yesuus Mootii Waaqayyoon dibame taʼee injifannoodhaan gara Yerusaalem galetti namoonni hedduun kabajaan isa simatanii turan. Amma garuu isarratti kaʼaniiru.

2 Yesuus uffata bifa dhiilgee uffata moototaa fakkaatu uffatee, mataasaarras gonfoon kaaʼamee ture. Haataʼu malee, uffanni dugdasaa isa reebamee madaaʼerra buufamee fi gonfoon qoreerraa tolfamee mataasaa isa dhiigaa jirurra kaaʼame, mootii taʼuusaatti ulfina isaaf kennaa utuu hin taʼin isatti qoosaa akka jiran kan argisiisu ture. Dura buutonni lubootaa uummata isarratti kakaasaniiru. Luboonni, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Namoonni akka ajjeefamu barbaadan kaanis, “Duʼuu qaba” jedhan.—Yohaannis 19:1-7.

3 Yesuus, salphinaa fi miidhaa isarra gaʼe hunda homaa utuu hin gungumin tasgabbii fi ija jabinaan dandamateera. a Duʼuuf of qopheessee ture. Guyyaa Ayyaana Faasikaa sanatti muka dhiphinaarratti fannifamee karaa suukanneessaa taʼeen duʼuuf fedhiidhaan of dhiheesseera.—Yohaannis 19:17, 18, 30.

4 Yesuus lubbuusaa dabarsee kennuudhaan, duuka buutotasaatiif michuu dhugaa taʼuusaa argisiiseera. “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 15:13) Kun gaaffileen barbaachisoo taʼan tokko tokko akka kaʼan godha. Yesuus hamma kana dhiphatee duʼuunsaa dhuguma barbaachisaa turee? Kun akka isarra gaʼuuf kan of dhiheesse maaliifi? Nuti warri “michoota isaa” fi duuka buutotasaa taanehoo, fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

Yesuus Dhiphatee Duʼuun kan Isaa Barbaachise Maaliifi?

5. Yesuus qorumsawwan isarra gaʼuuf jedhan beekuu kan dandaʼe akkamitti?

5 Yesuus Masiihii abdachiifame waan taʼeef, wanta isarra gaʼuuf jedhu beeka ture. Raajiiwwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti argamanii fi Masiihichi dhiphatee akka duʼu balʼinaan ibsan beeka ture. (Isaayyaas 53:3-7, 12; Daaniʼel 9:26) Rakkina isarra gaʼu ilaalchisee irra deddeebiʼee barattootasaatti himeera. (Maarqos 8:31; 9:31) Yeroo dhumaatiif Ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem deemaa yeroo turetti ergamootasaatiin akkana jedheera: “Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaan duʼa isatti murteessu, saboota kaanittis dabarsanii isa kennu. Isatti qoosu, isatti tufu, isa garafu, akkasumas isa ajjeesu.” (Maarqos 10:33, 34) Yesuus yeroo akkas jedhu arbeessaa hin turre. Akkuma olitti ilaalle, Yesuus itti qoosameera, itti tufameera, garafameera, akkasumas ajjeefameera.

6. Yesuus dhiphatee duʼuun kan isa barbaachise maaliifi?

6 Haataʼu malee, Yesuus dhiphachuu fi duʼuun kan isa barbaachise maaliifi? Sababiiwwan guguddaa garaagaraatiin kan kaʼedha. Tokkoffaa, Yesuus hamma duʼaatti ejjennoosaa eeguudhaan amanamaa taʼuusaa argisiiseera, akkasumas maqaa Yihowaa qulqulleesseera. Seexanni, ‘Ilmaan namootaa Waaqayyoon kan tajaajilan faayidaa ofiisaaniitiif jedhaniiti’ jedhee himata sobaa akka dhiheesse yaadadhu. (Iyyoob 2:1-5) Yesuus, “hamma muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼutti” amanamaa taʼuudhaan, himata sobaa Seexanni kaaseef deebii hundarra caalu kenneera. (Filiphisiyus 2:8; Fakkeenya 27:11) Lammaffaa, Masiihichi dhiphatee duʼuunsaa namootaaf dhiifama cubbuu argamsiisa. (Isaayyaas 53:5, 10; Daaniʼel 9:24) Yesuus “lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee” kennuudhaan, Waaqayyo biratti fudhatama akka argannu karaa nuu baneera. (Maatewos 20:28) Sadaffaa, Yesuus dhiphinaa fi rakkina hunda dandamachuudhaan “akkuma keenya karaa hundumaan [qorameera].” Akka kanaan, Yesuus Luba Olaanaa gara laafessa “dadhabina keenyatti nuuf gaddu” taʼuu dandaʼeera.—Ibroota 2:17, 18; 4:15.

Yesuus Lubbuusaa Dabarsee Kennuuf kan Of Dhiheesse Maaliifi?

7. Yesuus yommuu gara lafaa dhufetti aarsaa hammamii kaffale?

7 Yesuus fedhiidhaan kan of dhiheesse aarsaa akkamii kaffaluuf akka taʼe hubachuuf kanarratti yaadi: Namni namoota hedduu biratti akka jibbamu, akka salphifamu, akka dhiphatuu fi dhumarrattis akka ajjeefamu utuu beekuu maatiisaa fi manasaa dhiisee gara biyya ormaa dhaqu jiraa? Ammammoo wanta Yesuus godhe yaadi. Yesuus gara lafaa dhufuusaa dura, yeroo samii keessa Abbaasaa wajjin turetti ulfina adda taʼe qaba ture. Taʼus, fedhiisaatiin iddoo samii keessatti qabu dhiisee nama taʼee gara lafaa dhufeera. Yesuus gara lafaa kan dhufe, namoonni baayʼeen akka isa jibban, salphinni fi dhiphinni guddaan akka isarra gaʼu, akkasumas gara jabinaan akka ajjeefamu utuu beekuu ture. (Filiphisiyus 2:5-7) Yesuus aarsaa akkasii kaffaluuf kan isa kakaase maalidha?

8, 9. Yesuus lubbuusaa dabarsee akka kennu wanti isa kakaase maalidha?

8 Wanti aarsaa akkasii kaffaluuf isa kakaase inni guddaan jaalala Abbaasaatiif qabudha. Yesuus Yihowaadhaaf jaalala guddaa waan qabuuf jabaatee dhaabbateera. Abbaasaa baayʼee waan jaallatuuf, waaʼeen maqaasaa isa yaaddessa; kanaaf, namoonni eenyummaa Abbaasaa isa sirrii akka beekan barbaada. (Maatewos 6:9; Yohaannis 17:1-6, 26) Yesuus, wanta hundumaa caalaa maqaan Abbaasaa arrabsoorraa qulqullaaʼee arguu barbaada. Yesuus amanamaa taʼee itti fufuunsaa maqaa Abbaasaa isa gaarii fi ulfina qabeessa taʼe qulqulleessuurratti gaʼee akka qabu waan hubateef, qajeelummaadhaaf jecha rakkinni isarra gaʼuusaa akka ulfinaa fi mirga guddaatti ilaaleera.—1 Seenaa Baraa 29:13.

9 Yesuus lubbuusaa dabarsee akka kennu sababiin isa kakaase kan biraanimmoo, jaalala ilmaan namootaatiif qabudha. Jaalalli kun kan jalqabe yeroo namoonni uumamanitti ture. Yesuus gara lafaa dhufuusaa yeroo dheeraa dura, Kitaabni Qulqulluun miira inni ilmaan namootaatiif qabu yeroo ibsu, “Keessumaa immoo ilmaan namootaa nan jaalladhan ture” jedha. (Fakkeenya 8:30, 31) Yeroo lafarra turettis jaalallisaa kun ifatti mulʼateera. Boqonnaawwan sadan darbanirratti akkuma ilaalletti, Yesuus jaalala guutummaa ilmaan namootaatiif, keessumaammoo jaalala duuka buutotasaatiif qabu karaawwan addaddaatiin argisiiseera. Haataʼu malee, Dh.K.B. bara 33, Niisaan 14​tti lubbuusaa fedhiisaatiin dabarsee nuu kenneera. (Yohaannis 10:11) Kun karaa Yesuus jaalala nuuf qabu itti argisiise isa guddaadha. Nutoo gama kanaan fakkeenyasaa hordofuu qabnaa? Eeyyee. Akkas akka goonuyyuu ajajamneerra.

“Akkuman Isin Jaalladhe, Isinis Wal Jaalladhaa”

10, 11. Ajajni haaraan Yesuus duuka buutotasaatiif kenne maalidha? Ajajni kun maal dabalata? Ajaja kana eeguun keenya barbaachisaa kan taʼehoo maaliifi?

10 Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti barattootasaa warra baayʼee isatti dhihaataniin akkana jedhee ture: “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.” (Yohaannis 13:34, 35) Ajajni “wal jaalladhaa” jedhu, “ajaja haaraa” kan taʼe maaliifi? Seerri Musee, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhee ajaja ture. (Leewwota 19:18) Ajajni inni haaraan garuu jaalala kanarra caalu, jechuunis jaalala lubbuu keenya warra kaaniif dabarsinee akka kenninu nu kakaasu argisiisuu gaafata. Yesuus akkana jechuudhaan yaada kana ifa godheera: “Ajajni koo kana dha: Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa. Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.” (Yohaannis 15:12, 13) Ergaan ajaja isa haaraa kanadha: “Warra kaan akka ofii keetti utuu hin taʼin, ofiikee caalaa jaalladhu.” Yesuus akkaataa jireenyasaatiin, akkasumas nuuf jecha lubbuusaa dabarsee kennuudhaan jaalala akkasii argisiiseera.

11 Ajaja haaraa kana eeguun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yesuus, “Namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan [jaalala ofittummaarraa walaba taʼeen] ni beeku” jechuusaa yaadadhu. Eeyyee, jaalalli ofittummaarraa walaba taʼe, Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya argisiisa. Jaalala kana baajii eenyummaa keenya ibsutti fakkeessuu dandeenya. Namoonni walgaʼiiwwan guguddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa waggaadhaan qopheessanirratti argaman baajii ni kaaʼatu. Baajiin kun maqaa fi gumii nama baajicha kaaʼatee beeksisuudhaan eenyummaasaa ibsa. Jaalalli ofittummaarraa walaba taʼee fi waliif qabnus, “baajii” Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisudha. Kana jechuun, jaalalli waliif qabnu akkuma mallattoo ykn baajii tokkootti ifatti kan mulʼatu taʼuu qaba jechuudha; duuka buutota Kiristoos warra dhugaa taʼuu keenya ifatti kan mulʼisu taʼuu qaba. Tokkoon tokkoon keenya, ‘“Baajiin” jaalala ofittummaarraa walaba taʼe qabaachuu koo argisiisu jireenya koo keessatti ni mulʼataa?’ jennee of gaafachuu qabna.

Jaalalli Ofittummaarraa Walaba Taʼe Maal Dabalata?

12, 13. (a) Jaalala waliif qabnu argisiisuuf aarsaa hangamii kaffaluuf qophaaʼuu qabna? (b) Fedhii ofii aarsaa gochuu jechuun maal jechuudha?

12 Duuka buutota Yesuus waan taaneef, akkuma inni nu jaallatetti wal jaallachuu qabna. Kana jechuun, obboloota keenyaaf jennee aarsaa kaffaluuf qophaaʼoo taana jechuudha. Aarsaa hammamii kaffaluuf qophaaʼuu qabna? Kitaabni Qulqulluun, “Inni lubbuu isaa dabarsee waan nuu kenneef kanaan jaalala beekneerra; nutis obboloota keenyaaf lubbuu keenya dabarsinee kennuuf dirqamni nu irra jira” jedha. (1 Yohaannis 3:16) Akkuma Yesuus nuuf godhe, yoo barbaachise waliif duʼuuf qophaaʼoo taʼuu qabna. Yeroo ariʼatamaatti, obboloota keenya balaadhaaf saaxiluu mannaa, lubbuu keenya aarsaa goona. Biyyoota namoonni sanyii ykn qomoodhaan wal qoqqoodanii wal lolan keessatti, sanyiin ykn qomoonsaanii maaliyyuu yoo taʼe, obboloota keenya oolchuuf jennee balaadhaaf of saaxilla. Yeroo waraanaatti obboloota keenyarrattis taʼe namoota kaanirratti meeshaa waraanaa kaasuu mannaa, hidhamuu, darbees duʼuu filanna.—Yohaannis 17:14, 16; 1 Yohaannis 3:10-12.

13 Jaalala ofittummaarraa walaba taʼe kan argisiisnu, obboloota keenyaaf lubbuu keenya dabarsinee kennuuf qophaaʼoo taʼuudhaan qofa miti. Dhugaa dubbachuuf, baayʼeen keenya haalli aarsaa guddaa akkasii akka kaffallu nu dirqisiisu nu hin mudatu. Haataʼu malee, obboloota keenyaaf jaalala isaaniif duʼuuf nu dandeessisu qabna taanaan, yeroo ammaatti isaan gargaaruuf aarsaa xinnoo kaffaluuf fedhii qabaachuu hin qabnuu? Fedhii ofii aarsaa gochuu jechuun, faayidaa warra kaaniitiif jecha wanta faayidaa nuuf argamsiisu ykn nutti tolu dhiisuu jechuudha. Haallisaa mijaaʼaa taʼuu baatullee, fedhii fi nageenya keenyarra kan isaanii dursina. (1 Qorontos 10:24) Jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

Gumii fi Maatii Keessatti

14. (a) Jaarsoliin aarsaa akkamii akka kaffalan irraa eegama? (b) Jaarsolii gumii keessan keessatti jabaatanii hojjetan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

14 Jaarsoliin gumii ‘tuuta hoolota Waaqayyoo tiksuuf’ aarsaa hedduu kaffalu. (1 Pheexiros 5:2, 3) Jaarsoliin, maatii ofiisaanii kunuunsuudhaan alattis, kutaa walgaʼiirratti dhiheessan qophaaʼuu, obbolootaaf tika gochuu fi dhimmoota murtii wajjin wal qabatanirratti hirmaachuu dabalatee, hojiiwwan gumii hojjechuuf galgala galgala ykn dhuma torbaniitti yeroo ramaduun isaan barbaachisa. Jaarsolii hedduun hojii walgaʼii guguddaa wajjin wal qabaturratti hirmaachuudhaan, akkasumas Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuu fi Garee Namoota Dhukkubsatan Gaafatu keessatti tajaajiluudhaan aarsaa dabalataa kaffalu. Warri kaanimmoo Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo keessatti fedhiidhaan tajaajilu. Jaarsoliin, obboloota keessaniif tika gochuuf yeroo, humnaa fi qabeenya keessan aarsaa gochuudhaan yommuu fedhiidhaan tajaajiltan, jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisaa akka jirtan hin dagatinaa. (2 Qorontos 12:15) Yihowaanis taʼe obboloonni keessan carraaqqii jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuuf gootaniif iddoo guddaa kennu.—Filiphisiyus 2:29; Ibroota 6:10.

15. (a) Haadhotiin manaa jaarsolii tokko tokkoo aarsaa akkamii kaffalu? (b) Haadhotii manaa, abbootiin manaasaanii yeroo gumii gargaaranitti isaan deggeran ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

15 Haadhotiin manaa jaarsolii, warri abbootiin manaasaanii gumiidhaaf kunuunsa akka godhan deggeranoo aarsaa kaffalaa jiruu? Eeyyee, abbootiin manaasaanii isaanii fi maatiisaanii wajjin yeroo akka dabarsan kan barbaadan taʼus, yeroo isaan wajjin dabarsan keessaa hamma tokko dhimmoota gumiitiif akka oolchan heyyamuudhaan aarsaa kaffalaniiru. Haadhotiin manaa ilaaltoota olaanaa aanaa abbootii manaasaanii wajjin gumiidhaa gara gumii, akkasumas aanaadhaa gara aanaa deemuudhaan aarsaa akkamii akka kaffalanis yaadi. Mana dhaabbataadhaan keessa jiraatan hin qaban; torban torbaniin siree addaddaarra ciisuuf dirqamu. Haadhotiin manaa fedhii ofiisaanii caalaa fedhii gumichaatiif dursa kennuudhaan jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisan kana baayʼee galateeffanna.—Filiphisiyus 2:3, 4.

16. Warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleesaaniitiif aarsaa akkamii kaffalu?

16 Maatii keenya keessatti jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Warri, ijoollee keessaniif wanta isaan barbaachisu dhiheessuuf, akkasumas “adabaa fi gorsa Yihowaatiin” isaan guddisuuf aarsaa hedduu kaffaltu. (Efesoon 6:4) Ijoolleen keessan nyaata gaʼaa, uffataa fi mana jireenyaa akka argatan gochuuf qofa saʼaatii dheeraadhaaf hojii nama dadhabsiisu hojjechuun isin barbaachisa taʼa. Ijoollee keessanitti hirʼachuu mannaa, utuu isinitti hirʼatee filattu. Kana malees, isaanii wajjin qoʼachuuf, gara walgaʼii fuutanii deemuu fi isaanii wajjin tajaajiluuf carraaqqii gootu. (Keessa Deebii 6:6, 7) Jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuun keessan, Waaqa isa maatii hundeesse gammachiisa, ijoollee keessaniifis jireenya barabaraa argamsiisuu dandaʼa.—Fakkeenya 22:6; Efesoon 3:14, 15.

17. Abbootiin manaa Kiristiyaanota taʼan, ilaalcha ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

17 Abbootiin manaa, jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeessan akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, “Isin abbootiin manaa, akkuma Kiristoos gumii jaallatee fi ofii isaa dabarsee isaaf kenne, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa” jedha. (Efesoon 5:25) Akkuma olitti ilaalle, Yesuus duuka buutotasaa baayʼee waan jaallatuuf lubbuusaa dabarsee isaaniif kenneera. Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan ilaalcha ofittummaarraa walaba taʼe argisiisa; Yesuus “of hin gammachiisne.” (Roomaa 15:3) Abbaan manaa akkasii, fedhiisaa caalaa wanta haadha manaasaa barbaachisuu fi fedhiisheetiif dursa kenna. Wanti hundi karaa inni barbaaduun akka raawwatamu dhiibbaa gochuu mannaa, Kitaaba Qulqulluu wajjin hamma wal hin faallessinetti yaada haati manasaa dhiheessitu ni fudhata. Abbaan manaa jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisu tokko Yihowaa biratti fudhatama ni argata, haati manaasaa fi ijoolleensaas isa jaallatu, akkasumas isa kabaju.

Maal Goota?

18. Ajaja haaraa akka wal jaallannu nuu kenname hojiirra oolchuuf wanti nu kakaasu maalidha?

18 Ajaja haaraa akka wal jaallannu nuu kenname hojiirra oolchuun salphaa taʼuu baatus, ajaja kana eeguuf wanti nu kakaasu tokko jira. Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Namni tokko nama hundumaaf akka duʼe waan hubanneef, jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa; . . .  warri lubbuudhaan jiran isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanneef inni hundumaaf duʼeera.” (2 Qorontos 5:14, 15) Yesuus nuuf jedhee waan duʼeef, isaaf jiraachuuf dirqamni akka nurra jiru nutti dhagaʼamuu hin qabuu? Akkumasaa jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuudhaan kana gochuu dandeenya.

19, 20. Yihowaan kennaa gati guddaa qabu akkamii nuu kenneera? Kennaa kana fudhachuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

19 Yesuus, “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu” yeroo jedhetti arbeessaa hin turre. (Yohaannis 15:13) Lubbuusaa dabarsee nuu kennuuf fedhii qabaachuunsaa, jaalala guddaa akka nuuf qabu argisiisa. Haataʼu malee, qaamni jaalala kanarra caalu nutti argisiise jira. Yesuus, “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera” jedheera. (Yohaannis 3:16) Waaqayyo cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasuuf, Ilmasaa furii godhee nuu kennuudhaan jaalala guddaa nutti argisiiseera. (Efesoon 1:7) Yihowaan furichi kennaasaa isa gatii guddaa qabu taʼus, kennaa kana akka fudhannu nu hin dirqisiisu.

20 Kennaa Yihowaa kana kan fudhannu filannaa keenyaan taʼuu qaba. Fudhachuuf akka filanne kan argisiisnu akkamitti? Ilmasaatti ‘amanuudhaani.’ Haataʼu malee, amantiin wanta jechaan qofa ibsamu miti. Kanaa mannaa, akkaataa jireenyaa keenyaan kan ibsamudha. (Yaaqoob 2:26) Guyyaa guyyaadhaan isa duukaa buʼuudhaan, Yesuus Kiristoositti akka amannu argisiisna. Akkuma boqonnaa dhumaa kitaaba kanaarratti ilaallutti, kana gochuun keenya ammas taʼe barabaraaf eebba hedduu nuuf argamsiisa.

a Gaafa sana, jalqaba geggeessitoonni amantaa, achiimmoo loltoonni Roomaa Yesuusitti tufaniiru. (Maatewos 26:59-68; 27:27-30) Karaa kanaan tuffii guddaa akka qaban kan argisiisan taʼus, Yesuus gungumuu mannaa calluma jedheera; kunis raajiin, “Fuula koo wantoota nama salphisanii fi warra natti tufan jalaa hin dhoksine” jedhu akka raawwatamu godheera.—Isaayyaas 50:6.