Yihowaa Malee Seexana Hin Tajaajilin
Hundi keenya filannoo tokko qabna. Seexanaafi hafuurota hamoo ykn Yihowaa tajaajilla. Lamaansaanii walqixa tajaajiluu hin dandeenyu. Yihowaa tajaajiluun ogummaa hunda caaludha!
Yihowaan Waaqa Gaariidha
Akkuma dursinee ilaalle, hafuuronni hamoon ilmaan namootaa miidhuufi gowwoomsuutti gammadu. Yihowaan garuu akkas miti. Akka abbaan tokko ijoolleesaa jaallatutti ilmaan namootaa jaallata. Inni, madda ‘kennaa gaarii hundaafi kennaa guutuu hundaati.’ (Yaaqoob 1:17) Aarsaa guddaa isa gaafatellee wanta gaarii ta’e hundaa ilmaan namootaaf gochuurraa duubatti hin jedhu.—Filiphisiiyus 2:4-7.
Wanta Yesus, Ilmi Waaqayyoo lafarratti raawwate mee yaadi. Warri arrabnisaanii dide akka dubbatan, warri qaroonsaanii jaame akka argu godheera. Namoota naafataniifi dhukkuba lamxiitiin qabaman fayyiseera. Hafuurota hamoo namootarraa baaseera; dhukkuba hundaas fayyiseera. Yesus humna Waaqayyo biraa argateen namoota du’anillee kaaseera.—Maatewos 9:32-35; 15:30, 31; Luqaas 7:11-15.
Waaqayyo nu gowwoomsuuf jecha soba nutti dubbachuu mannaa yeroo hundaa wanta dhugaa ta’e nutti hima. Inni matumaa eenyuniyyuu hin gowwoomsu.—Lakkoobsa 23:19.
Gochawwan Ciiggaasisoorraa Fagaadhu
Akkuma man’een sariitii titiisa xaxee qabu, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman amantii sobaafi sobaan xaxamanii qabamaniiru. Namoota du’an ni sodaatu. Hafuurota hamoo ni sodaatu. Abaarsi, milkiin, kudhaamniifi meeshaawwan qorichi irratti hojjetamaniiru jedhamanii yaadaman isaan yaaddessu. Amantiifi duudhaawwan sobaa Seexanarratti hundaa’aniin xaxamanii qabamaniiru. Tajaajiltoonni Waaqayyoo garuu wantoota kana keessaa tokkoonillee hin qabamne.
Yihowaan humna guddaa Seexanarra caalu qaba. Yihowaa kan tajaajiltu taanaan inni hafuurota hamoorraa si eega. (Yaaqoob 4:7) Yaaliin qorichaan nama daawwessuuf godhamu sirratti hin hojjetu. Fakkeenyaaf, Naayijeeriyaatti namoonni humna guddaa nama daawwessuu qaban sadii Dhugaa Baatu Yihowaa magaalicha dhiisee ba’uu dide tokko ajjeesuuf yaalan. Yaaliinsaanii akka hin milkoofne yommuu hubatan isaan keessaa inni tokko waan sodaateef, gara Dhugaa Baatuu sanaa dhaqee dhiifama gaafate.
Hafuuronni hamoon si rakkisnaan, Yihowaa maqaasaatiin waamuu kan dandeessu si’a ta’u, Yihowaanis si eega. (Fakkeenya 18:10) Haata’u malee, eegumsa Waaqayyo argachuu barbaannaan, hojii hafuurota hamoofi isaaniin waaqeffachuu wajjin walitti dhufeenya qaban hundaarraa guutummaatti walaba ta’uu qabda. Namoonni Waaqayyoon waaqeffataniifi Efesoon durii keessa turan akkas godhaniiru. Kitaabota ittiin qoricha namatti hojjechaa turan hundaa walitti guuranii guban. (Hojii Ergamootaa 19:19, 20) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaatti argamanis tarkaanfii wal fakkaatu fudhachuu qabu. Kudhaamota, calleewwan “eegumsa” namaaf argamsiisu jedhamanii amanaman, akkasumas kitaabota ittiin qoricha namatti hojjetaniifi hafuurota hamoo wajjin walitti dhufeenya qaban hundaarraa fagaadhu.
Ulaagaa Waaqeffannaan Dhugaa Sirraa Barbaadu Guuti
Waaqayyoon gammachiisuu barbaannaan, waaqeffannaa sobaarraa fagaachuufi gochawwan gadhee ta’anirraa fagaachuun qofti ga’aa miti. Ulaagaa waaqeffannaan dhugaa sirraa barbaadu hundaa guutuuf carraaquu qabda. Macaafni Qulqulluun wantonni kana gochuuf barbaachisan maal akka ta’an ibsa:
Dhugaa Baatota Yihowaa Wajjin Hariiroo Qabaadhu
Seexanniifi hafuuronni hamoon lafa kanarraa namoota wanta dogoggora ta’e barsiisaniifi raawwatan qabu. Yihowaanis saba mataasaa qaba. Isaanis Dhugaa Baatota Yihowaati. (Isaayaas 43:10) Addunyaa maratti Dhugaa Baatota Yihowaa miliyoona ja’aa ol ta’antu argamu. Hundisaanii wantoota gaarii ta’an gochuufi wantoota dhugaa ta’an namoota barsiisuuf carraaqu. Biyyoota hedduu keessatti, Galma Mootummaasaanii keessatti isaan argachuu kan dandeessu si’a ta’u, isaanis gammachuudhaan si simatu.
Hojiinsaanii namoonni kaan Waaqayyoon akka tajaajilan gargaaruudha. Karaa sirrii ta’een Yihowaa waaqeffachuu kan dandeessu akkamitti akka ta’e akka hubattu si gargaaruuf, manakeetti Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuu danda’u. Kanaafis qarshii hin kaffaltu. Dhugaa Baatonni kun Waaqayyoofi namoota waan jaallataniif, waa’ee dhugaa barsiisuun isaan gammachiisa.