Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 1

“Ani Isa Bade Nan Barbaada”

“Ani Isa Bade Nan Barbaada”

Hoolaan tokko burjaajaʼeera. Hoolaan kun utuu kaloo keessatti marga dheedaa jiruu hoolota kaan irraa adda baʼe. Amma tuuta hoolota kaanis taʼe tiksee isaa arguu hin dandaʼu. Yeroon isaa immoo dukkanaaʼaa jira. Hoolaan kun sulula bineensonni adamsanii nyaatan itti baayʼatan keessatti waan badeef balaadhaaf saaxilameera. Dhuma irrattis sagalee beeku tokko, jechuunis sagalee tiksee isaa dhagaʼe; tikseen kunis gara hoolichaatti fiigee ol isa fuudhee uffata isaa itti mare; achiis baatee gara manaatti isa geesse.

YIHOWAAN yeroo baayʼee tiksee akkasiitti of fakkeesseera. Inni Dubbii isaa keessatti, “Kunoo, ani ofii kootii hoolota koo nan barbaada, isaanis nan kunuunsa” jedhee nuuf mirkaneesseera.—Hisqiʼel 34:11, 12, NW.

“Hoolota Koo Warra Ani Tiksu”

Hoolonni Yihowaa eenyu faʼi? Salphaadhumatti, hoolonni Yihowaa namoota isa jaallatanii fi isa waaqeffatani dha. Kitaabni Qulqulluun, “In sagannaa gadis in jennaa, Waaqayyo uumaa keenya durattis in jilbeenfannaa! Innoo Waaqayyo keenya, nuyi saba harka isaa jala jirruu dha, hoolota inni tiksuu dhas” jedha. (Faarfannaa 95:6, 7) Akkuma hoolaan tokko tiksee isaa hordofu, namoonni Yihowaa waaqeffatanis Tiksee isaanii hordofuuf hawwii guddaa qabu. Haa taʼu malee, namoonni kun mudaa hin qaban jechuu dhaa? Lakki. Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroon isaan, ‘hoolota tamsaʼan,’ ‘hoolota badan,’ akkasumas ‘akka hoolota karaa irraa maqanii’ itti taʼan jira ture. (Hisqiʼel 34:12; Maatewos 15:24; 1 Pheexiros 2:25) Taʼus, namni tokko suutuma suuta fagaachaa yommuu deemutti illee, Yihowaan namni sun akka waan kana booda abdii hin qabneetti isa hin dhiisu.

Atoo Yihowaan amma iyyuu Tiksee kee akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Yihowaan yeroo harʼaa Tiksee taʼuu isaa kan mirkaneesse akkamitti? Karaawwan kana itti godhu sadii ilaali:

Karaa hafuuraa nu soora. Yihowaan akkana jedha: “Marga gaarii keessas isaan nan tiksa.  . . Achitti isaan marga gaarii keessa in ciciisu . . . marga coomsu in argatu.” (Hisqiʼel 34:14) Yihowaan yoom iyyuu nyaata hafuuraa adda addaa nama gammachiisu yeroo isaatti nuu kennuu dhiisee hin beeku. Barreeffama, haasaa ykn viidiyoo kadhannaa gargaarsa argachuuf dhiheessiteef deebii sii kenne tokko ni yaadattaa? Kun Yihowaan dhuunfaatti kan siif yaadu akka taʼe si hin amansiisnee?

Nu eega, nu gargaaras. Yihowaan, “Isa karaa irraa ceʼes deebisee nan fida, isa cabe nan walʼaana, isa dadhabaa nan jabeessa” jechuudhaan waadaa galeera. (Hisqiʼel 34:16) Yihowaan warra dadhaban ykn warra akka malee dhiphatan ni jabeessa. Yihowaan hoolonni isaa tarii warra isaanii wajjin waaqeffataniin yoo miidhaman illee akka fayyan isaan gargaaruudhaan isaan walʼaana. Akkasumas warra karaa irraa maqanii fi miira gadhee taʼee wajjin qabsaaʼan deebisee fida.

Nu kunuunsuu akka qabu itti dhagaʼama. Yihowaan, “Iddoo isaan itti tamsaʼanii turan hundumaatii baasee isaan nan fida [“isaan nan oolcha,” NW] . . . Ani isa bade nan barbaada” jedheera. (Hisqiʼel 34:12, 16) Yihowaan hoolaan bade tokko hin deebiʼu jedhee abdii hin kutatu. Inni hoolaan tokko yoom akka bade beeka, hoolaa sana ni barbaada, yommuu isa argatus ni gammada. (Maatewos 18:12-14) Kana malees, waaqeffatoota isaa warra dhugaa, ‘hoolota koo, akkasumas hoolota koo warra ani tiksu’ jedhee waama. (Hisqiʼel 34:31) Atis hoolota kana keessaa tokko dha.

Yihowaan hoolaan bade tokko hin deebiʼu jedhee abdii hin kutatu. Inni hoolaan sun yommuu argamu ni gammada

‘Ulfina Keenya Durii Nuuf Deebisi!’

Yihowaan si barbaadaa fi gara isaatti akka deebitu si afeeraa kan jiru maaliifi? Gammachuu akka argattu waan barbaaduufi. Inni hoolota isaatiif ‘akka tiifuutti eebba akka roobsu’ waadaa galeera. (Hisqiʼel 34:26) Kun abdii qofa miti. Abdiin kun akka raawwatamu immoo atumti iyyuu ija keetiin argiteetta.

Muuxannoowwan yeroo jalqaba Yihowaa beekte argatte yaadachuuf yaali. Fakkeenyaaf, waaʼee maqaa Waaqayyoo fi kaayyoo inni namootaaf qabu ilaalchisee dhugaawwan dinqisiisoo taʼan jalqaba yommuu baratte maaltu sitti dhagaʼamee ture? Namoota akkuma kee Kiristiyaanota taʼanii wajjin walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo irratti argamuun hangam kan nama gammachiisu akka ture ni yaadattaa? Misiraachicha nama fedhii dhugaa qabu tokkotti himtee yommuu gara manaatti deebitu gammachuu guddaa argattee hin turree?

Ammas gammachuu sana deebistee argachuu ni dandeessa. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara duriitti jiraatan, “Yaa [“Yihowaa,” NW], gara kee akka dhufnutti ati ofii keetii nu deebisi! Ulfina keenya duriis nuuf deebisi!” jedhanii kadhatanii turan. (Faaruu 5:21) Yihowaanis kadhannaa kanaaf deebii kan kenne siʼa taʼu, sabni isaa gammachuu isaanii haareffatanii deebiʼanii isa tajaajiluu jalqabaniiru. (Nahimiyaa 8:17) Yihowaan siifis akkanuma sii godha.

Haa taʼu malee, gara Yihowaatti deebiʼuun akka dubbatamu salphaa miti. Mee wantoonni gara Yihowaatti deebiʼuun rakkisaa akka taʼu godhan tokko tokko maalfaa akka taʼanii fi rakkoowwan kana akkamitti moʼuu akka dandeessu ilaali.