BARUMSA 18
Barabaraaf Michuu Waaqayyoo Ta’i!
Michuu qabaachuufi michooma ofii eeganii jiraachuun carraaqqii gaafata. Michuu Waaqayyoo taʼuufi michoomakee eegdee jiraachuuf carraaqqii yoo goote, eebba guddaa argatta. Yesus namoota isatti amananiin, “Dhugichis birmaduu isin in baasa” isaaniin jedheera. (Yohannis 8:32) Kana jechuun maal jechuudha?
Ammumallee birmaduu baʼuu dandeessa. Barumsa sobaafi gowwoomsaa Seexanni babalʼisurraa birmaduu baʼuu dandeessa. Abdii dhabuu namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Yihowaa hin beeknetti dhagaʼamurraa birmaduu baʼuu dandeessa. (Roomaa 8:22) Michoonni Waaqayyoo ‘duʼa sodaachuurraallee’ birmaduu baʼaniiru.—Ibroota 2:14, 15.
Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti birmaduu baʼuu dandeessa. Gara fuulduraatti birmaduu dinqisiisaa argatta. Lafa Jannata taatu keessatti waraana, dhukkuba, yakka, hiyyummaafi beela jalaa birmaduu baata. Dullumaafi duʼa jalaa birmaduu baata. Sodaa, hacuuccaafi murtoo jalʼaa jalaa birmaduu baata. Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon ilaalchisee, “Ati harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita” jechuudhaan dubbata.—Faarfannaa 145:16.
Roomaa 6:23) Jireenya barabaraa argachuu jechuun maal jechuu akka taʼe mee yaadi!
Michoonni Waaqayyoo barabaraaf jiraatu. Waaqayyo namoota michuusaa taʼuuf carraaqqii godhan hundaaf kennaa jireenya barabaraa kenna. (Yeroo sana waan baayʼee hojjechuuf yeroo argatta. Tarii meeshaa muuziqaa taphachuu barbaadda taʼa. Fakkii kaasuu ykn hojii mukaa barachuu barbaadda taʼa. Waaʼee bineensotaa ykn biqiltootaa barachuu barbaadda taʼa. Naannoo addaddaa deemtee biyyaafi namoota ilaaluu barbaadda taʼa. Jireenya barabaraa yoo argatte kana hundumaa gochuuf yeroo argatta!
Michoota hedduu horachuuf yeroo argatta. Barabaraaf jiraachuun, namoota michoota Waaqayyoo taʼan hedduu wajjin wal baruuf carraa sii bana. Kennaafi amala gaggaarii isaan qaban barta; isaanis michuukee sii taʼu. Atis isaan jaallatta, isaanis si jaallatu. (1 Qorontos 13:8) Jireenya barabaraa argachuun, namoota lafarratti argaman hundumaa wajjin michuu akka taatu si gargaara. Hunda caalaammoo michoomni Yihowaa wajjin qabdu, suutuma suuta guddachaa adeema. Barabaraaf michuu Waaqayyoo akka taatu hawwina!