Jireenyi Uumamaan Argamee?

Madda jireenyaa ilaalchisee wanti itti amantu jijjiirama fida.

Seensa

Lafti jireenyaaf mijattuu taatee uumamtee? Barumsi jijjiirama tirannaa dhugaarratti kan hundaaʼedhaa?

Isa Kamitti Amanta?

Waaqayyotti ni amanta, Kitaaba Qulqulluufis kabaja qabda taʼa. Taʼus, yaada saayintistoonni jireenyi uumamaan hin argame jedhaniif iddoo guddaa kennita taʼa.

Pilaaneetii Jireenyaaf Mijattuu Taate

Wantoonni akka tasaa argaman utuu hin jiran taʼee, lubbu qabeeyyiin lafarra jiraachuu hin dandaʼan turan. Wantoonni kun dhuguma akkuma tasaa argamanimoo kaayyoodhaan uumaman?

Diizaayinii isa jalqabaa eenyutu hojjete?

Qorattoonni, rakkoowwan guguddoo hojii mahaandisummaa irratti isaan mudatan furuuf diizaayinii uumamaatti fayyadamu. Diizaayinii tokko fakkeessanii hojjechuun dandeettii guddaa kan gaafatu erga taʼee, diizaayinii isa jalqabaa hojjechuunoo?

Jijjiirama Tirannaa—Ilaalcha Dogoggoraa fi Dhugaasaa

Barumsi jijjiirama tirannaa, yaada jijjiiramni jiiniirratti taʼu horteen tokko gara uumama haaraatti jijjiirama jedhurratti hundaaʼa. Barumsi kun dhugaadhaa?

Saayinsii fi Seenaa Kitaaba Uumamaa

Saayinsiin wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatu sirrii akka hin taane mirkaneesseeraa?

Wanti Itti Amantu Jijjiirama Fidaa?

Jijjiirama tirannaatti amanuu fi dhiisuun kee kaayyoo jireenyaa ilaalchisee yaada qabdurratti jijjiirama fidaa?

Barreeffamoota Wabii

Barreeffamoota wabii birooshurri kun irraa hojjetame kamfaa akka taʼan ilaali.