Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SADDEET

Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

1. Kanatti aansee kadhannaa beekamaa isa kam irratti mariʼanna?

NAMOONNI miliyoonaan lakkaaʼaman kadhannaa beekamaa Yaa Abbaa Keenyaa ykn Kadhannaa Gooftaa jedhamu beeku. Yesuus kadhannaa kanatti fayyadamee barattoonni isaa akkamitti akka kadhatan barsiiseera. Waaʼee maalii kadhate? Kadhannaan kun bara keenyatti iddoo guddaa qaba kan jennu maaliifi?

2. Wantoonni iddoo guddaa qabanii fi Yesuus waaʼee isaanii akka kadhannu nu barsiise sadan kam faʼi?

2 Yesuus akkana jedheera: “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu.’” (Maatewos 6:9-13 dubbisi.) Yesuus waaʼee wantoota kana sadanii akka kadhannu kan nu barsiise maaliifi?—Ibsa Dabalataa 20 ilaali.

3. Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo maal beekuu qabna?

3 Maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe baranneerra. Fedhiin Waaqayyo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu maal akka taʼes mariʼanneerra. Haa taʼu malee Yesuus, “Mootummaan kee haa dhufu” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe, maal akka raawwatuu fi maqaa Waaqayyoo akkamitti akka qulqulleessu baranna.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAALI DHA?

4. Mootummaan Waaqayyoo maali dha? Mootiin isaa hoo eenyu?

4 Yihowaan samii irratti bulchiinsa hundeessuudhaan Yesuus Mootii akka taʼuuf isa filateera. Kitaabni Qulqulluun bulchiinsa kana Mootummaa Waaqayyoo jedhee waama. Yesuus, “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa ti.” (1 Ximotewos 6:15) Wanta bulchitoota ilmaan namootaa kam irra iyyuu caalu raawwachuu ni dandaʼa; humni bulchitoota hundaa utuu walitti idaaʼamee illee hamma kan Yesuus hin gaʼu.

5. Mootummaan Waaqayyoo eessaa bulcha? Maal bulcha?

5 Yesuus duʼaa kaʼee guyyaa afurtama booda gara samiitti deebiʼeera. Yeroo boodas, Yihowaan Mootii Mootummichaa godhee isa muudeera. (Hojii Ergamootaa 2:33) Bulchiinsi Waaqayyoo samii irraa guutummaa lafaa bulcha. (Mulʼata 11:15) Kitaabni Qulqulluun Mootummaa Waaqayyoo, ‘Mootummaa isa samii’ jedhee kan waamu kanaafi dha.—2 Ximotewos 4:18.

6, 7. Wanti Yesuus mootii ilmaan namootaa kam irra iyyuu akka caalu isa godhu maali dha?

6 Kitaabni Qulqulluun, “kan hin duune isa qofa” waan taʼeef, Yesuus mootii ilmaan namootaa kam irra iyyuu baayʼee akka caalu dubbata. (1 Ximotewos 6:16) Bulchitoonni ilmaan namootaa oolee bulee duʼuun isaanii hin oolu; Yesuus garuu matumaa hin duʼu. Wanti gaariin inni nuuf godhus bara baraaf itti fufa.

7 Raajiin Kitaaba Qulqulluu Yesuus Mootii murtoo sirrii kennuu fi namootaaf garaa laafu taʼuu isaa yommuu ibsu akkana jedha: “Hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaa ti, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaa ti, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayyoo ti. Inni Waaqayyoon sodaachuutti in gammada, faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhagaʼuu isa hin barbaachisu; warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada.” (Isaayaas 11:2-4) Mootii akkasii qabaachuu hin barbaadduu?

8. Yesuus qofaa isaa akka hin bulchine akkamitti beekuu dandeenya?

8 Waaqayyo namoonni muraasni Yesuusii wajjin bulchiinsa isa samii keessatti akka bulchan filateera. Fakkeenyaaf Phaawulos ergamaan Ximotewosiin, “Jabaannee dhaabachuu keenya yoo itti fufne, isaa wajjin mootota taanee ni bulchina” jedheera. (2 Ximotewos 2:12) Namoonni mootota taʼanii Yesuusii wajjin bulchan meeqa dha?

9. Namoonni Yesuusii wajjin bulchan meeqa? Waaqayyo namoota kana filachuu kan jalqabe yoomi?

9 Akkuma Boqonnaa 7 irratti baranne, Yohaannis ergamaan Yesuus mootota 144,000 wajjin Mootii taʼee yommuu bulchu mulʼataan argee ture. Warri 144,000 eenyu faʼi? Yohaannis, “kanneen maqaan [Yesuusii] fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffame” akka taʼan ibseera. Itti dabaluudhaanis, “Isaan warra bakka Hoolichi [Yesuus] dhaqu hundatti isa duukaa buʼani dha. Isaan warra . . . ilmaan namootaa keessaa bitamani dha” jedheera. (Mulʼata 14:1, 4 dubbisi.) Warri 144,000, Kiristiyaanota amanamoo Yesuusii wajjin ‘mootota taʼanii lafa irratti akka bulchaniif’ Waaqayyo filate dha. Yommuu duʼan, jireenya samiitiif duʼaa kaafamu. (Mulʼata 5:10) Bara ergamootaatii kaasee Yihowaan Kiristiyaanota amanamoo kutaa mootota 144,000 taʼan filachaa tureera.

10. Yihowaan, Yesuusii fi namoonni 144,000 ilmaan namootaa akka bulchan gochuun isaa jaalala isaa argisiisa kan jennu maaliifi?

10 Yihowaan, ilmaan namootaa Yesuusii wajjin akka bulchan qophii gochuun isaa akka nuuf yaadu argisiisa. Yesuus haala keenya waan hubatuuf bulchaa gaarii nuuf taʼa. Nama taʼuu fi dhiphachuu jechuun maal jechuu akka taʼe beeka. Yesuus miira keenya akka hubatu, ‘dadhabina keenyatti akka nuuf gadduu’ fi ‘karaa hundumaan akkuma keenya akka qorame’ dubbateera. (Ibroota 4:15; 5:8) Warri kutaa 144,000 taʼanis nama taʼuun maal jechuu akka taʼe beeku. Cubbuu fi dhukkubaa wajjin qabsoo godhaniiru. Kanaaf Yesuusii fi warri 144,000 miira keenya qofa utuu hin taʼin, rakkoowwan nuti wajjiniin qabsoo goonus akka hubatan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAAL RAAWWATA?

11. Yesuus barattoonni isaa kadhannaa isaanii keessatti fedhiin Waaqayyoo amma samii irratti raawwatamaa akka jiru akka caqasan kan isaan barsiise maaliifi?

11 Yesuus barattoonni isaa kadhannaa isaanii keessatti fedhiin Waaqayyoo amma samii irratti raawwatamaa akka jiru akka caqasan isaan barsiiseera. Maaliif? Boqonnaa 3 irratti Seexanni Yihowaa irratti fincila akka kaase baranneerra. Yihowaan erga Seexanni fincila kaasee booda, innii fi maleekonni amanamoo hin taane ykn jinniiwwan yeroo muraasaaf samii irra akka jiraatan isaaniif heyyamee ture. Kanaaf, yeroo sanatti fedhii Yihowaa raawwachaa kan turan warra samii irra jiran hunda hin turre. Boqonnaa 10 irratti waaʼee Seexanaa fi waaʼee jinniiwwanii caalaatti ni baranna.

12. Taʼeewwan iddoo guddaa qabanii fi Mulʼata 12:10 irratti ibsaman lamaan warra kami dha?

12 Kitaabni Qulqulluun, Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan erga muudame utuu baayʼee hin turin Seexana irratti waraana akka bane dubbata. (Mulʼata 12:7-10 dubbisi.) Lakkoofsa 10 irratti taʼeewwan iddoo guddaa qaban lama ibsamaniiru. Mootummaan Waaqayyoo inni Yesuus Kiristoos Mootii isaa taʼe, bulchuu jalqabe; Seexannis samii irraa gara lafaatti gad darbatame. Akkuma gara fuulduraatti barannu, taʼeewwan kun raawwatamaniiru.

13. Yommuu Seexanni gad darbatame samii irratti maaltu taʼe?

13 Kitaabni Qulqulluun, Seexannii fi jinniiwwan isaa samii irraa erga gad darbatamanii booda gammachuu maleekota amanamootti dhagaʼamee ture ibsa. “Isin samiiwwanii fi warri isaan keessa jiraattan gammadaa!” jedha. (Mulʼata 12:12) Amma samii irra kan jiran hundi fedhii Waaqayyoo kan raawwatan waan taʼaniif, samii irra guutummaatti nagaa fi tokkummaan jira.

Seexannii fi jinniiwwan isaa gara lafaatti erga gad darbatamanii booda, lafa irratti dhiphinni baayʼateera. Dhiphinni kun dhiheenyatti ni hafa

14. Seexanni samii irraa gad darbatamuu isaatiin lafa irratti maaltu taʼaa jira?

14 Jireenyi lafa irraa garuu kana irraa baayʼee adda dha. ‘Diyaabilos yeroo gabaabaa akka qabu beekee aarii guddaadhaan waan gad buʼeef’ wantoonni nama suukanneessan namoota irra ni gaʼu. (Mulʼata 12:12) Seexanni baayʼee aareera. Samii irraa gad darbatameera; dhiheenyatti akka balleeffamus beeka. Guutummaa lafaa irratti rakkinni, gadadoo fi dhiphinni akka uumamu gochuuf wanta isaaf dandaʼame hunda raawwata.

15. Fedhiin Waaqayyo lafaaf qabu maali dha?

15 Taʼus, fedhiin Waaqayyo lafaaf qabu hin jijjiiramne. Amma iyyuu ilmaan namootaa mudaa kan hin qabne taʼanii bara baraaf lafa jannata taate irra akka jiraatan barbaada. (Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899) Mootummaan Waaqayyoo kana raawwachuu kan dandaʼu akkamitti ree?

16, 17. Daaniʼel 2:44 waaʼee Mootummaa Waaqayyoo maal nu hubachiisa?

16 Raajiin Daaniʼel 2:44 irra jiru akkana jedha: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne, isa moʼichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” Raajiin kun waaʼee Mootummaa Waaqayyoo maal nu barsiisa?

17 Tokkoffaa, Mootummaan Waaqayyoo “bara mootota sanaatti” bulchuu akka jalqabu nu hubachiisa. Kana jechuun, yeroo Mootummichi bulchuu jalqabu mootummoonni kaanis lafa irra ni jiraatu jechuu dha. Lammaffaa, Mootummaan Waaqayyoo bara baraaf akka jiraatuu fi bulchiinsa kan biraatiin akka bakka hin buufamne nu hubachiisa. Sadaffaa, Mootummaa Waaqayyoo fi bulchitoota addunyaa kana gidduu waraanni ni jiraata. Mootummaan Waaqayyoo isaan injifatee qofaa isaa guutummaa lafaa bulcha. Yeroo kanatti ilmaan namootaa bulchiinsa hanga ammaatti bulchaa ture hunda irra caalu argatu.

18. Waraanni dhumaa, Mootummaa Waaqayyoo fi bulchiinsa addunyaa kanaa gidduutti geggeeffamu maal jedhama?

18 Mootummaan Waaqayyoo lafa bulchuu kan jalqabu akkamitti? Waraana isa dhumaa, jechuunis waraana Armaagedoon dura jinniiwwan, ‘mootota guutummaa lafaa irra jiran gowwoomsuudhaan gara waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuutti walitti isaan qabu.’ Eeyyee, bulchiinsi ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal waraana.—Mulʼata 16:14, 16; Ibsa Dabalataa 10 ilaali.

19, 20. Mootummaan Waaqayyoo lafa akka bulchu kan barbaadnu maaliifi?

19 Mootummaan Waaqayyoo kan nu barbaachisu maaliifi? Yoo xinnaate sababa sadii caqasuu dandeenya. Tokkoffaa, cubbamoota waan taaneef ni dhukkubsanna, ni duunas. Taʼus Kitaabni Qulqulluun Mootummaa Waaqayyoo jalatti bara baraaf akka jiraannu ibsa. Yohaannis 3:16 akkana jedha: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.”

20 Sababii lammaffaan Mootummaan Waaqayyoo itti nu barbaachisu, namoota hamoodhaan marfamne kan jirru taʼuu keenya dha. Namoonni baayʼeen ni sobu, ni hatu, akkasumas jireenya gadhiisii jiraatu. Nuti akka isaan hin jiraanne gochuu hin dandeenyu; Waaqayyo garuu akkana gochuu ni dandaʼa. Namoonni wanta hamaa raawwachuu isaanii itti fufan waraana Armaagedoonitti ni balleeffamu. (Faarfannaa 37:10 dubbisi.) Sababii sadaffaan Mootummaan Waaqayyoo itti nu barbaachisu immoo, bulchiinsi ilmaan namootaa dadhabaa, gara jabeessaa fi malaanmaltummaadhaan kan guutame taʼuu isaa ti. Namoonni Waaqayyoof akka ajajaman gargaaruu hin barbaadan. Kitaabni Qulqulluun, “yeroon inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan miidhus jira” jedha.—Lallaba 8:9.

21. Mootummichi fedhiin Waaqayyoo lafa irratti akka raawwatamu kan godhu akkamitti?

21 Armaagedoon booda Mootummaan Waaqayyoo fedhiin Waaqayyoo lafa irratti akka raawwatamu godha. Fakkeenyaaf, Seexanaa fi jinniiwwan isaa ni balleessa. (Mulʼata 20:1-3) Dhuma irratti namni tokko iyyuu hin dhukkubsatu ykn hin duʼu. Furichi namoonni amanamoo taʼan hundi Jannata keessa bara baraaf akka jiraatan isaan dandeessisa. (Mulʼata 22:1-3) Mootummichi Maqaa Waaqayyoo ni qulqulleessa. Kun maal jechuu dha? Yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchu namoonni hundi maqaa Yihowaatiif ulfina kennu jechuu dha.—Ibsa Dabalataa 21 ilaali.

YESUUS MOOTII KAN TAʼE YOOMI?

22. Yesuus yeroo lafa ture ykn akkuma gara samii deemeen Mootii akka hin taane akkamitti beekuu dandeenya?

22 Yesuus barattoonni isaa, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. Kanaaf Mootummaan kun kan dhufu gara fuulduraatti akka taʼe beekamaa ture. Yihowaan jalqaba bulchiinsa isaa erga hundeessee booda, Yesuusiin Mootii godha. Yesuus akkuma gara samiitti deebiʼeen Mootii taʼee muudamee? Lakki, yeroo murtaaʼeef eeguu qaba ture. Pheexirosii fi Phaawulos Yesuus duʼaa kaʼee yeroo muraasa booda, raajiin Faarfannaa 110:1 irra jiru Yesuus irratti raawwii isaa akka argate yeroo ibsanitti yaada kana ifa godhaniiru. Raajii kana irratti Yihowaan, “Mirga koo taaʼi, hamma ani diinota kee ejjeta miilla kee siif godhutti” jedheera. (Hojii Ergamootaa 2:32-35; Ibroota 10:12, 13) Yesuus hamma Yihowaan Mootii isa godhutti yeroo hammamtiif eeguu qaba?

Mootummaan Waaqayyoo fedhiin Waaqayyoo lafa irratti akka raawwatamu godha

23. (a) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchuu kan jalqabe yoomi? (b) Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii baranna?

23 Gareen Kiristiyaanotaa garaa qajeelaa qaban barri 1914 dhufuu isaa waggoota hedduu dura, waggaan kun waggaa raajii Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo guddaa qabu taʼuu isaa hubatanii turan. Wantoonni bara 1914 booda addunyaa irratti taʼan, kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessaniiru. Yesuus Mootii taʼee bulchuu kan jalqabe waggaa sanatti ture. (Faarfannaa 110:2) Yeroo muraasa booda immoo Seexanni gara lafaatti kan gad darbatame siʼa taʼu, amma ‘yeroo gabaabaa qaba.’ (Mulʼata 12:12) Boqonnaa itti aanu irratti ragaawwan dabalataa yeroo kana keessa jiraachaa akka jirru argisiisan ilaalla. Akkasumas dhiheenyatti Mootummaan Waaqayyoo fedhiin Waaqayyoo lafa irratti akka raawwatamu akka godhu baranna.—Ibsa Dabalataa 22 ilaali.