Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA TOKKO

Waaqayyo Eenyu?

Waaqayyo Eenyu?

1, 2. Namoonni yeroo baayʼee gaaffilee akkamii gaafatu?

IJOOLLEEN gaaffii hedduu gaafatu. Waan tokko yoo isaaniif ibsitan, yeroo baayʼee ‘Maaliif?’ jedhanii gaafatu. Deebii kennuufii yommuu yaaltan, ammas ‘Garuu maaliifi?’ jedhanii gaafatu.

2 Ijoollees taane maanguddoota, hundi keenya gaaffii hedduu qabna. Wanta nyaannu ykn wanta uffannu ykn wanta bitnu ilaalchisee gaaffii qabaachuu dandeenya. Yookiin waaʼee jireenyaa fi yeroo gara fuulduraa gaaffilee guguddaa qabna taʼa. Haa taʼu malee, gaaffilee kanaaf deebiiwwan quubsaa yoo dhabne, carraaqqii deebii argachuuf goonu ni dhiisna taʼa.

3. Namoonni hedduun gaaffilee isaaniitiif deebii argachuu akka hin dandeenye kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi?

3 Kitaabni Qulqulluun gaaffilee guguddaa gaafannuuf deebii ni kennaa? Namoonni tokko tokko deebii akka kennu kan amanan taʼanis, Kitaabni Qulqulluu hubachuuf ulfaataa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Deebii kennuu kan dandaʼan barsiisota ykn geggeessitoota amantii qofa dha jedhanii yaadu. Warri kaan immoo deebii isaa akka hin beekne amanuun isaan qaanessa. Ati hoo maal jetta?

4, 5. Gaaffilee guguddaa akkamii qabda? Deebii argachuuf carraaquu kee itti fufuu kan qabdu hoo maaliifi?

4 Gaaffilee kanneen akka armaan gadii jiraniif deebii argachuu ni barbaadda taʼa: Kanan uumame maaliifi? Yeroon duʼu maalan taʼa? Waaqayyo Waaqa akkamii ti? Yesuus inni Barsiisaa beekamaa taʼe, “Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa isiniif ni banama” jedheera. (Maatewos 7:7) Kanaaf, deebii quubsaa hamma argatutti abdii kutachuu hin qabdu.

5 Eeyyee, ‘barbaaduu kee yoo itti fufte’ Kitaaba Qulqulluu keessaa deebii ni argatta. (Fakkeenya 2:1-5) Deebiiwwan kunneenis hubachuuf ulfaatoo miti. Wanti barattu yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa, gara fuulduraatti immoo abdii dinqisiisaa siif argamsiisa. Mee amma gaaffii namoota hedduu burjaajessu tokko irratti haa mariʼannu.

WAAQAYYO NUU YAADA MOO GARA JABEESSA DHA?

6. Namoonni tokko tokko Waaqayyo rakkina isaan irra gaʼuuf dhimma akka hin qabne kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi?

6 Namoonni tokko tokko Waaqayyo akka nuuf hin yaadne isaanitti dhagaʼama. Waaqayyo nuu yaada utuu taʼee, haalli addunyaa isa amma jiru irraa baayʼee adda taʼa ture jedhanii yaadu. Yeroo ammaatti iddoowwan hedduutti waraanni, jibbii fi gadadoon jira. Namoonni ni dhukkubsatu, ni dhiphatu, akkasumas ni duʼu. Kanaaf, namoonni tokko tokko, ‘Waaqayyo nuu yaada taanaan, dhiphina kana hunda maaliif hin hambisu?’ jedhanii gaafatu.

7. (a) Geggeessitoonni amantii Waaqayyo gara jabeessa akka taʼe namoota kan barsiisan akkamitti? (b) Wantoota hamaa uumamaniif kan komatamu Waaqayyo akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

7 Geggeessitoonni amantii yeroo tokko tokko namoonni Waaqayyo gara jabeessa akka taʼetti akka yaadan godhu. Wanti nama gaddisiisu tokko yeroo uumamu, fedha Waaqayyoo akka taʼe dubbatu. Waaqayyo wanti sun akka taʼu akka barbaade dubbatu. Yeroo akkana jedhanitti kan itti gaafatamu Waaqayyo akka taʼe dubbachuu isaanii ti. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo matumaa hammeenya akka hin raawwanne barsiisa. Yaaqoob 1:13, Waaqayyo nama tokko illee wantoota hamaadhaan akka hin qorre dubbata. Caqasichi akkana jedha: “Namni tokko yommuu qoramu, ‘Waaqayyotu na qoraa jira’ hin jedhin. Sababiin isaas Waaqayyo wantoota hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; inni ofuma isaatiis nama tokko illee hin qoru.” Kanaaf, Waaqayyo wantoonni hamaan akka hin uumamne kan hin dhowwine ta’us, wanti hamaan akka uumamu matumaa hin godhu. (Iyoob 34:10-12 dubbisi.) Fakkeenya tokko haa ilaallu.

8, 9. Rakkoowwan nu mudataniif Waaqayyoon komachuun sirrii kan hin taane maaliifi? Fakkeenya kenni.

8 Dargaggeessi tokko, warra isaa wajjin jiraata haa jennu. Abbaan isaa baayʼee isa jaallata; akkamitti murtoo gaarii gochuu akka dandaʼus isa barsiiseera. Dargaggeessi kun garuu abbaa isaa irratti kaʼee manaa baʼe. Achiis, wantoota hamaa raawwachuu kan jalqabe siʼa taʼu, rakkina irra buʼe. Abbaan kun ilmi isaa manaa akka hin baane waan isa hin dhowwineef, wanta uumameef isa komattaa? Akka isa hin komanne beekamaa dha! (Luqaas 15:11-13) Akkuma abbaa kanaa, Waaqayyos yeroo namoonni isa irratti kaʼuu fi wanta hamaa raawwachuuf filatan isaan hin dhowwine. Kanaaf, wanti nama gaddisiisu tokko yommuu uumamu, wanti sun akka taʼu kan godhe Waaqayyo akka hin taane yaadachuu qabna. Waaqayyoon komachuun sirrii miti.

9 Waaqayyo sababii gaʼaa hanga ammaatti wanti hamaan akka uumamu itti heyyame qaba. Kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu Boqonnaa 11 irratti ni baratta. Haa taʼu malee, Waaqayyo akka nu jaallatuu fi rakkoowwan nu mudataniif matumaa akka inni hin komatamne mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Rakkoowwan kana furuu kan dandaʼu iyyuu Isa qofa dha.—Isaayaas 33:2.

10. Waaqayyo miidhaa namoonni hamoon geessisan hunda akka hambisu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

10 Waaqayyo qulqulluu dha. (Isaayaas 6:3) Wanti inni raawwatu hundi qulqulluu fi gaarii dha. Kanaaf isa amanuu dandeenya. Namoonni garuu akkas miti. Yeroo baayʼee dogoggora ni raawwatu. Kana malees, bulchaan baayʼee amanamaa taʼe tokko illee, humna miidhaa namoonni hamoon geessisan hunda hambisuuf isa dandeessisu hin qabu. Namni humna, humna Waaqayyoo wajjin wal gitu qabu hin jiru. Waaqayyo miidhaa namoonni hamoon geessisan hunda hambisuu ni dandaʼa; gara fuulduraattis ni hambisa. Hammina hunda bara baraaf ni balleessa.—Faarfannaa 37:9-11 dubbisi.

WAAQAYYO YEROO NAMOONNI DHIPHATAN MAALTU ISATTI DHAGAʼAMA?

11. Waaqayyo dhiphina si irra gaʼu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

11 Waaqayyo wanta addunyaa keessatti taʼaa jiruu fi wanta si irra gaʼaa jiru yeroo argu maaltu isatti dhagaʼama? Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo “Waan dhugaa taʼe in jaallata” jedha. (Faarfannaa 37:28) Kanaaf, waaʼeen wanta dogoggoraa fi sirrii taʼee baayʼee isa yaaddessa. Namoonni yeroo dhiphatan arguu ni jibba. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo lafti hamminaan guutamtee yeroo argetti, ‘guutummaa garaa isaatiin akka gadde’ dubbata. (Uumama 6:5, 6) Waaqayyo ammas hin geddaramne. (Miilkiyaas 3:6) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhugumaan akka siif yaadu dubbata.—1 Pheexiros 5:7 dubbisi.

Michuu nama tokkoo taʼuu yoo barbaadde, maqaa kee isatti himta. Waaqayyo karaa Kitaaba Qulqulluu maqaa isaa nutti himeera

12, 13. (a) Namoota kan jaallannuu fi kan isaaniif yaadnu maaliifi? Rakkina addunyaa keessa jiru ilaalchisee hoo maaltu nutti dhagaʼama? (b) Waaqayyo dhiphinaa fi jalʼina haqaa hunda akka balleessu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

12 Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo bifa isaatiin akka nu uume dubbata. (Uumama 1:26) Kana jechuun, Waaqayyo amalawwan gaggaarii inni qabu akka qabaannu godhee nu uume jechuu dha. Ati namoonni balleessaa hin qabne utuu dhiphatanii yommuu argitu kan gadditu erga taʼee, Waaqayyo immoo caalaatti gadda! Kana beekuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” akka taʼe dubbata. (1 Yohaannis 4:8) Waaqayyo wanta hunda jaalalaan kakaʼee hojjeta. Jaallachuu kan dandeenye Waaqayyo jaalala waan taʼeefi dha. Mee waaʼee kanaa yaadi: Utuu humna isaa qabaattee, dhiphinaa fi jalʼina haqaa addunyaa irra jiru hunda hin balleessitu turtee? Eeyyee, namoota waan jaallattuuf akkas akka gootu beekamaa dha. Waaqayyoon ilaalchisee hoo maal jechuu dandeenya? Humna waan qabuu fi waan nu jaallatuuf, dhiphinaa fi jalʼina haqaa hunda ni balleessa. Abdiiwwan Waaqayyo kennee fi jalqaba kitaaba kanaa irratti ibsaman hundi akka raawwataman mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa! Abdiiwwan kun akka raawwataman amanuu akka dandeessuuf garuu, waaʼee Waaqayyoo caalaatti beekuun si barbaachisa.

WAAQAYYO AKKA ISA BEEKTU BARBAADA

Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Uumaa jaalala qabeessa, uumama cufa uume taʼuu isaa barsiisa

14. Maqaan Waaqayyoo eenyu? Itti fayyadamuu akka qabnu beekuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

14 Michuu nama tokkoo taʼuu yoo barbaadde, yeroo baayʼee wanti ati jalqaba isatti himtu maali dha? Maqaa kee itti himta. Waaqayyo maqaa qabaa? Dhaabbileen amantii hedduun maqaan isaa Waaqayyo ykn Gooftaa dha jedhu; taʼus isaan kun maqaa miti. Kanaa mannaa, akkuma “mootii” ykn “pireezidaantii” maqaawwan ulfinaa ti. Waaqayyo maqaan isaa Yihowaa akka taʼe nutti himeera. Faarfannaan 83:18, “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka taʼe, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru taʼuu kees haa beekan!” jedha. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan iddoowwan kumaan lakkaaʼamanitti maqaa Waaqayyootti fayyadamaniiru. Yihowaan maqaa isaa akka beektuu fi akka itti fayyadamtu barbaada. Michuu isaa taʼuu akka dandeessuuf maqaa isaa sitti himeera.

15. Maqaan Yihowaa jedhu hiikni isaa maali dha?

15 Maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhamu hiika guddaa qaba. Waaqayyo waadaa seene hunda raawwachuu fi kaayyoo isaa galmaan gaʼuu akka dandaʼu argisiisa. Wanti isa dhowwuu dandaʼu hin jiru. Maqaa kanaan waamamuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. *

16, 17. Maqaan ulfinaa (a) “Isa Hundumaa Dandeessu” (b) “Mootii bara baraa” (c) “Uumaa” jedhu hiikni isaa maali dha?

16 Akkuma sila dubbisne Faarfannaan 83:18 Yihowaa ilaalchisee, “Ati kophaa kee . . . gooftaa isa hundumaa gararraa jiru [dha]” jedha. Mulʼanni 15:3 immoo, “Yaa Waaqa keenya Yihowaa isa Hundumaa Dandeessuu, hojiiwwan kee guguddaa fi dinqisiisoo dha. Yaa Mootii bara baraa karaawwan kee qajeeloo fi dhugaa dha” jedha. Maqaan ulfinaa “isa Hundumaa Dandeessu” jedhu hiikni isaa maali dha? Yihowaan qaama uumama cufa keessa jiru kam iyyuu caalaa humna guddaa akka qabu argisiisa. Maqaan ulfinaa “Mootii bara baraa” jedhu immoo, inni yoom iyyuu kan jiraatu akka taʼe argisiisa. Faarfannaan 90:2, Yihowaan bara baraa hamma bara baraatti akka jiraatu ibsa. Kun baayʼee nama hin dinqisiisuu?

17 Uumaan Yihowaa qofa dha. Mulʼanni 4:11 akkana jedha: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.” Eeyyee, maleekotaa hanga urjoota samiitti, firiiwwan mukaatii hanga qurxummiiwwan galaana keessaatti wantoota hunda Yihowaatu uume!

MICHUU YIHOWAA TAʼUU NI DANDEESSAA?

18. Namoonni tokko tokko matumaa michuu Waaqayyoo taʼuu akka hin dandeenye kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun hoo kana ilaalchisee maal jedha?

18 Namoonni tokko tokko waaʼee amalawwan Yihowaa warra dinqisiisoo yommuu dubbisan sodaan waan isaanitti dhagaʼamuuf, ‘Waaqayyo humna guddaa kan qabu, iddoo guddaa kan qabuu fi fagoo kan jiraatu taʼee utuu jiruu waaʼee koo akkamitti yaada?’ jedhanii gaafatu. Haa taʼu malee, Waaqayyo akkas akka nutti dhagaʼamu barbaadaa? Matumaa! Yihowaan nutti dhihaachuu barbaada. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo ‘tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo akka hin taane’ dubbata. (Hojii Ergamootaa 17:27) Waaqayyo akka isatti dhihaattu kan barbaadu siʼa taʼu, ‘innis akka sitti dhihaatu’ waadaa seeneera.—Yaaqoob 4:8.

19. (a) Michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandeessu akkamitti? (b) Amalawwan Yihowaa keessaa isa kam caalaatti jaallatta?

19 Michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandeessu akkamitti? Yesuus, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jedheera. (Yohaannis 17:3) Kanaaf, barachuu kee yoo itti fufte, Yihowaa fi Yesuusiin beekuu dandeessa. Kun immoo jireenya bara baraa siif argamsiisa. Fakkeenyaaf, “Waaqayyo jaalala” taʼuu isaa baranneerra. (1 Yohaannis 4:16) Haa taʼu malee Waaqayyo amalawwan gaggaarii kan biroo hedduus qaba. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan ‘ooʼa-qabeessa, araara qabeessa, aariitti suuta-jedhaa, gaarummaan isaa fi amanamummaan isaa guddaa’ akka taʼe dubbata. (Baʼuu 34:6) Yihowaan ‘gaarii dha, namaafis cubbuu isaa in dhiisa.’ (Faarfannaa 86:5) Waaqayyo obsa qabeessaa fi amanamaa dha. (2 Pheexiros 3:9; Mulʼata 15:4) Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee isaa dubbisuu kee yeroo itti fuftu, waaʼee amalawwan isaa gaggaarii taʼanii caalaatti barata.

20-22. (a) Waaqayyoon arguu hin dandeenyu taanaan, isatti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka dhiistu gochuu yoo barbaadan maal gochuu qabda?

20 Waaqayyoon arguu hin dandeessu taanaan akkamitti isatti dhihaachuu dandeessa? (Yohaannis 1:18; 4:24; 1 Ximotewos 1:17) Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee Yihowaa yommuu dubbistu, inni qaama dhugumaan jiru taʼuu isaa hubatta. (Faarfannaa 27:4; Roomaa 1:20) Waaʼee Yihowaa yeroo barachaa deemtu, caalaatti isa jaallatta; isattis ni dhihaatta.

Abbaan ijoollee isaa ni jaallata; Abbaan keenya inni samii garuu kana caalaa nu jaallata

21 Yihowaan Abbaa keenya taʼuu isaas ni hubatta. (Maatewos 6:9) Jireenya nuu kenneera; jireenya gammachiisaa akka jiraannus ni barbaada. Kun immoo wantuma abbaan gaarii tokko ijoollee isaatiif hawwu dha. (Faarfannaa 36:9) Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun michuu Yihowaa taʼuu akka dandeessu barsiisa. (Yaaqoob 2:23) Mee yaadi. Yihowaan inni Uumaa uumama cufaa taʼe michuu isaa akka taatu barbaada!

22 Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee akka dhiistu barbaadu taʼa. Amantii kee jijjiirta jedhanii sodaatu taʼa. Taʼus, eenyu iyyuu michuu Yihowaa taʼuu irraa akka si dhowwu hin heyyamin. Inni Michuu qabaachuu dandeessu kam irra iyyuu kan caalu dha.

23, 24. (a) Gaaffii gaafachuu kan qabdu maaliifi? (b) Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii baranna?

23 Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼatu, wantoonni ati hin hubanne si mudatu. Gaaffii ykn gargaarsa gaaffachuu hin saalfatin. Yesuus akka ijoollee xixinnoo gad of qabuu akka qabnu dubbateera. (Maatewos 18:2-4) Ijoolleen gaaffii hedduu gaafatu. Waaqayyo gaaffii keetiif deebii akka argattu barbaada. Kanaaf, wanti barattu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan qori.—Hojii Ergamootaa 17:11 dubbisi.

24 Karaan waaʼee Yihowaa barachuu itti dandeenyu inni guddaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu dha. Boqonnaa itti aanu irratti, wantoota Kitaaba Qulqulluu kitaaba kaan irraa adda godhan ilaalla.

^ KEY. 15 Kitaabni Qulqulluun kee maqaa Yihowaa jedhu hin qabu taanaan ykn hiika maqichaa fi akkaataa itti dubbifamu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa yoo barbaadde Ibsa Dabalataa 1 ilaali.