Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 3

Samiirra Kan Jiraatan Eenyufa’i?

Samiirra Kan Jiraatan Eenyufa’i?

1. Amantiin aadaarratti hundaaʼe tulluutti kan fakkeeffame akkamitti?

AFRIIKAA keessatti amantiiwwan aadaarratti hundaaʼan tulluutti fakkeeffamaa turaniiru. Fiixee tullichaarra kan jiru, Waaqayyo isa humna hafuuraa hundarra caalu qabudha. Maddiiwwansaatiinimmoo waaqayyolii isaa gadi taʼan ykn hafuurota Waaqayyoon tajaajilantu argama. Isaan birammoo abbootii durii, warra maatiiwwansaanii lafarratti argaman yaadataniifi dammaqinaan nageenyasaanii eegantu jira. Sanaa gadittimmoo, humnoota hafuuraa xixinnoo kan akka ayyaana heduu, qaallummaafi moraatu jira.

2. Mammaaksi Afriikaa tokko amantiin aadaarratti hundaaʼe, amantii kaanirratti dhiibbaa akka geessisu kan argisiisu akkamitti?

2 Amantiiwwan aadaarratti hundaaʼan akkasii, amantiiwwan Afriikaa keessatti argaman kaanirratti dhiibbaa guddaa geessisaniiru. Mammaaksi Afriikaa tokko dhimma kana, “Amantii tokko (Kiristiyaanummaa ykn Islaamummaa) hordofuun keenya, waaqayyolii biyya keenyaa akka hin waaqeffanne nu hin dhowwu” jechuudhaan ibseera.

3. Qaamota samiirra jiraatan ilaalchisee dhugaasaa eessaa barachuu dandeenya?

3 Amantiiwwan Afriikaa aadaarratti hundaaʼan tokko tokko hammam dhugaadha? Macaafni Qulqulluun, waaʼee qaamota samiirra jiraatanii dhugaasaa nutti hima.

Waaqa Dhugaa Kan Taʼe Yihowaa

4. Amantiiwwan gurguddaan Afriikaatti argaman maalirratti walii galu?

4 Gareewwan amantii gurguddaan Afriikaa keessatti argaman sadii, Waaqayyo akka jiruufi inni hundumaarra akka caalu ni amanu. Macaafni Qulqulluun, “[Waaqayyo] waaqayyolii irratti Waaqayyoo dha, gooftaa gooftotaa, Waaqayyo isa guddaa, isa aango-qabeessa, isa sodaatamaa dhas” jedha. (Keessa Deebii 10:17) Musliimonnis Waaqni hundarra caalu tokko akka jiru ni amanu. Piroofeesar Jeefrii Paarindar, amantii aadaarratti hundaaʼeefi Afriikaatti argamu ilaalchisee akkas jedhaniiru: “Namoonni Afriikaa hedduun, Waaqa hundumaa caalu isa abbaa waaqayyoliifi abbaa namootaa, akkasumas uumaa uumama cufaa taʼetti ni amanu.”

5. Maqaawwan Waaqayyoof kennaman tokko tokko kamfaʼi?

5 Waaqayyotti amanuun hamma kana kan babalʼate taʼus, namoonni hedduun eenyummaasaa sirriitti hin beekan. Nama tokko beekuuf tarkaanfiin inni jalqabaa maqaasaa beekuudha. Maqaa Waaqayyoo ilaalchisee amantiiwwan garaagaraa gidduu ilaalcha addaddaatu jira. Waaqayyo, Saba Kiristiyaanaa keessatti yeroo baayʼee maqaa Waaqa jedhuun kan waamamu siʼa taʼu, hiiknisaa “Jabaa” jechuudha. Musiliimota birattimmoo Allaah jedhama. Namoota amantiiwwan aadaarratti hundaaʼan hordofan kaan birattimmoo maqaan Isa Hundumaa Gararraa Jiru ibsuuf itti hojjetamu afaan garaagaraa keessatti addaddadha. Joon Biitiin, kitaabasaanii isa Konseeptis oov Good iin Afriikaa jedhamurratti, maqaafi maqaa ulfinaa Afriikaa keessatti Waaqayyoof kenname 500 ol galmeessaniiru. Fakkeenyaaf, afaan Yoruubaatiin (Naayijeeriyaa) maqaan Waaqayyoo Oloduumaaree kan jedhamu siʼa taʼu, afaan Kikuuyyuutiin (Keeniyaa) Ingaayi jedhama; warra Zuuluu birattimmoo (Afriikaa Kibbaa) Nikuluunkuluu jedhama.

6, 7. Maqaan Waaqayyoo eenyudha? Kana akkamitti beekna?

6 Waaqayyo waaʼee maqaasaa maal jedheera? Waaqayyo, Museen Israaʼeloota biyya Gibxiitii akka baasu yommuu isa ajaju Museen, “Ani saba Israaʼel bira dhaqee, ‘Waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?” jedhee isa gaafate.—Baʼuu 3:13.

7 Waaqayyos akkas jedhee deebiseef: “Bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan nan yaadatama; . . . Saba Israaʼeliin, ‘Waaqayyo gooftaan [“Yihowaan,” NW] inni kan abboota keessanii . . . isinitti na ergeera’ jedhi!” (Baʼuu 3:15) Hiiktonni Macaafa Qulqulluu tokko tokko maqaa kana, maqaawwan ulfinaa kan akka “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhanitti kan jijjiiran taʼus, maqaan Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessatti al 7,000 ol argama ture.

8. Yihowaan Waaqa akkamiiti? Isa biratti fudhatama argachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

8 Yihowaan Waaqa akkamiiti? Inni hafuura siʼa taʼu, Waaqa hundumaa dandaʼuufi ulfina guddaa qabudha. Aangoo guddaa kan qabuufi qaama eenyuyyuu isaan qixxaachuu hin dandeenyedha. (Keessa Deebii 6:4; Isaayaas 44:6) Yihowaan Museedhaan, “Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha” jedheera. Kana jechuun, Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaanne, isa qofa waaqeffachuu qabna jechuudha. Inni wanta kamiyyuu ykn eenyuuniyyuu akka waaqeffannu hin barbaadu.—Baʼuu 20:3-5.

Mootii Mootummaa Waaqayyoo Kan Taʼe Yesus Kiristos

9. Yesus Yihowaa wajjin qixxee miti kan jennu maaliifi?

9 Yeroo ammaatti namoonni eenyummaa Yesus ilaalchisee yaada addaddaa hedduu qabu. Namoonni Saba Kiristiyaanaa keessatti argaman hedduun, Yesus kutaa Sillaasee isa “Qulqulluu” akka taʼe amanu. Macaafni Qulqulluun garuu, qaamni sadan Waaqa tokkichaa jedhamu akka jiru hin barsiisu. Yesus Yihowaa wajjin qixxee akka taʼes hin barsiisu. Yesusiyyuu, “Abbaan na caala” jedheera.—Yohannis 14:28.

10. Yesus gara lafaa dhufuusaa dura eessa ture?

10 Macaafni Qulqulluun, Yesus nama taʼee lafarra jiraachuusaa dura, uumama hafuuraa humna guddaa qabu taʼee samiirra jiraachaa akka ture barsiisa. Yihowaan akkuma Addaamiifi Hewwaaniin lafarratti uume, samiirrattis qaamota hafuuraa uumeera. Yesus uumamawwan hafuuraa Yihowaan uume keessaa isa jalqabaati.—Yohannis 17:5; Qolosaayis 1:15.

11. Yesus nama taʼee kan dhalate akkamitti?

11 Gara waggoota 2,000 dura Yihowaan lubbuu qaama hafuuraa qabu kanaa gadameessa durba Maariyaam jedhamtu tokkoo keessa kaaʼe. Ergamaan Gabriʼel jedhamu Maariyaamiin, “In ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi! . . . Bara baraan in moʼa, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedheen.—Luqaas 1:31, 33. *

12. Sababiin Yesus gara lafaa itti dhufe inni tokko maalidha?

12 Akka kanaan Yesus ni dhalate, ni guddate, waaʼee fedhaafi kaayyoo Yihowaas namoota barsiise. Bulchaa biyya Roomaatiin, “Dhugaadhaaf dhugaa baʼuufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe” jedheera. (Yohannis 18:37) Wanta Yesus barsiise qorachuudhaan, waaʼee fedhaafi kaayyoo Waaqayyoo dhugaasaa beekuu dandeenya. Akkamitti Waaqayyo biratti fudhatama argachuu akka dandeenyus ni baranna.

13. Sababiin Yesus gara lafaa itti dhufe inni lammaffaan maalidha?

13 Sababiin Yesus gara lafaa itti dhufe inni lammaffaanimmoo, lubbuusaa ilmaan namootaatiif aarsaa godhee kennuufidha. (Maatewos 20:28) Kana kan godhes cubbuu abbaa keenya Addaamirraa dhaallerraa walaba akka taanuufidha. Kunimmoo, jireenya barabaraa akka argannu nu gargaara. Yohannis ergamaan, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jechuudhaan barreesseera.—Yohannis 3:16.

14. (a) Yesus nama taʼee erga duʼee booda maaltu irra gaʼe? (b) Yeroo ammaatti Yesus samiirratti aangoo akkamii qaba?

14 Yesus nama taʼee erga duʼee booda, duʼaa kaʼuudhaan deebiʼee samiirratti uumama hafuuraa humna guddaa qabu taʼee jiraachuu jalqabeera. (Hojii Ergamootaa 2:32, 33) Sana booda, “warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, [“isa tajaajilaniif,” NW] gooftummaan, ulfinni, mootummaan” Yihowaa biraa ni kennameef. (Daaniʼel 7:13, 14) Yesus Mootii jabaa akka taʼu godhameera; inni Mootii bulchiinsa Yihowaa isa samiiti. Yeroo dhihoottimmoo aangoosaa kana guutummaa lafaarratti ni argisiisa.

Ergamoota Tajaajiltoota Waaqayyoo Taʼan

15. Ergamoonni kan uumaman yoomiifi eessatti?

15 Samiirra kan jiraatan Yihowaafi Yesus qofa miti. Yihowaan uumamawwan hafuuraa ergamoota jedhamanis uumeera. Gabriʼel inni Maariyaamitti dubbate isaan keessaa tokkodha. Ergamoonni, akka namootaa jireenyasaanii kan jalqaban lafarratti miti. Ergamoonni, namoonni lafarratti uumamuusaanii yeroo dheeraa dura samiirratti uumaman. (Iyoob 38:4-7) Lakkoofsi ergamootaa miliyoonaan kan lakkaaʼamudha.—Daaniʼel 7:10.

Ergamoonni amanamoon waaqeffatamuu hin barbaadan

16. Namoonni ergamoota waaqeffachuu kan hin qabne maaliifi?

16 Ergamoonni amanamoon akka isaan waaqeffannu hin barbaadan. Yohannis ergamaan, siʼa lama yommuu ergamoota waaqeffachuuf yaaletti, “Kana gochuun siif hin taʼu! . . . Waaqayyoof sagadi!” jechuudhaan isa akeekkachiisaniiru.—Mulʼata 19:10; 22:8, 9.

17. Ergamoonni, tajaajiltoota Waaqayyoo eeguu akka dandaʼan kan argisiisu maalidha? Yaanni kun kan nu jajjabeessu maaliifi?

17 Ergamoonni, bara duriitti bartoota Yesus mana hidhaatii kan baasan taʼus, yeroo ammaatti saba Waaqayyoo warra lafarra jiranitti hin mulʼatan. (Hojii Ergamootaa 5:18, 19) Haataʼu malee, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yihowaa kan waaqeffannu yoo taʼe, ergamoonni Waaqayyoo warri ijaan hin argamneefi humna guddaa qaban akka nu eegan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas” jedha. (Faarfannaa 34:7; 91:11) Yaanni kun kan nu jajjabeessu maaliifi? Qaamonni hafuuraa hamoon humna guddaa qabaniifi nu balleessuu barbaadan waan jiraniifidha!

Seexana Isa Diina Waaqayyoo Taʼe

18. (a) Ergamaan tokko Waaqayyorratti kan kaʼe maaliifi? (b) Ergamaa Waaqayyorratti kaʼe kanaaf maqaawwan akkamiitu kenname?

18 Waaqayyoof amanamoo kan taʼan ergamoota hunda miti. Isaan keessaa tokko tokko isarratti kaʼaniiru. Akkasumas diinota Waaqayyoofi diinota namootaa of godhaniiru. Kun kan taʼe akkamitti? Ergamoonni Yihowaan uume hundi jalqabarratti qajeelotaafi gaggaarii turan. Haataʼu malee, ergamoota mudaa hin qabne kana keessaa inni tokko namoonni akka isa waaqeffatan kan barbaade siʼa taʼu, fedhiisaa kanas hojiirra oolcheera. Uumama hafuuraa kanaaf maqaan Seexana jedhamu kan kenname siʼa taʼu, hiiknisaa “Mormituu” Waaqayyoo jechuudha. Ergamaan kun waaʼee Yihowaa soba hamaa waan dubbateef, Diiyaabilos jechuunis “Maqaa balleessituu” jedhamees waamameera.

19. Seexanni Iyoobirratti rakkina kan geessise yoomiifi akkamitti?

19 Seexanni, ilmaan namootaa isaa wajjin Waaqayyorratti akka kaʼan dhiibbaa isaanirratti godha. Tajaajilaa Waaqayyoo isa amanamaa kan taʼe Iyoobiin maal akka godhe ilaali. Iyoob baayʼee sooressa ture. Hoolota 7,000, gaalota 3,000, loon 1,000fi harroota dhaltuu 500 qaba ture. Ijoollee kudhaniifi hojjettoota hedduus qaba ture. Jalqabarratti Seexanni horiiwwaniifi hojjettoota Iyoob ajjeese. Itti aansuudhaan, “qilleensi jabaan tokko” mana ijoolleen Iyoob kurnan keessa turan akka rukutu gochuudhaan isaan ajjeese. Achiis Seexanni Iyoobiin, “faana miilla isaatii hamma gubbee mataa isaatiitti iita madaaʼuun” rukute.—Iyoob 1:3-19; 2:7.

20. (a) Iyoob amanamaa taʼuusaatiin kan kiisame akkamitti? (b) Iyoob Waaqayyoof amanamaa taʼus, Seexanni namoota hedduu maal gochuu dandaʼeera?

20 Iyoob rakkinni cimaan akkasii irra gaʼus, Waaqayyoof amanamaa taʼeera. Kanaaf, Yihowaan kan isa fayyise taʼuusaarrayyuu, “qabeenya isaa iddootti in deebiseef; wanti inni qaba tures dachaa lama hamma taʼutti itti in dabalameef.” (Iyoob 42:10) Seexanni amanamummaa Iyoob laaffisuu kan hin dandeenye taʼus, namoota hedduu Waaqayyorraa jalʼisuudhaan milkaaʼina argateera. Macaafni Qulqulluun, ‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira’ jedha.—1 Yohannis 5:19.

21. (a) Seexanni waaqeffatamuu akka barbaadu kan argisiise akkamitti? (b) Yesus Seexana waaqeffachuu kan dide maaliifi?

21 Seexanni akka isa waaqeffannu barbaada. Fedhiinsaa kun gara waggaa 2,000 dura yommuu Yesusiin qoretti ifa taʼeera. Macaafni Qulqulluun, “Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa [Yesusiin] baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee, ‘Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna’ jedheen” jedha. Yesusis, “Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera” jechuudhaan deebiseef. (Maatewos 4:8-10) Yesus seera Yihowaa akka gaariitti waan beekuuf, wanta Seexanni barbaade hin goone.

Hafuurota Hamoo

22. Hafuuronni hamoon namootarra maal geessisaniiru?

22 Ergamoonni kaanis Seexanaa wajjin Waaqayyorratti kaʼaniiru. Ergamoonni hamoon kun diinota ilmaan namootaati. Ergamoonni kun gara jabeeyyiifi kan namaaf hin hilledha. Kanaan dura namoota tokko tokko duudaafi jaamaa godhaniiru. (Maatewos 9:32, 33; 12:22) Warra kaanimmoo akka dhukkubsataniifi akka maraatan godhaniiru. (Maatewos 17:15, 18; Maarqos 5:2-5) Ijoolleellee rakkina guddaadhaaf saaxilaniiru.—Luqaas 9:42.

23. (a) Hafuuronni hamoon namoonni maal akka godhan barbaadu? (b) Seexanniifi hafuuronni hamoon namoonni maal akka godhan isaan gowwoomsu?

23 Akkuma Seexanaa, hafuuronni hamoon kunis waaqeffatamuu barbaadu. Waaqeffannaan Yihowaadhaaf qofa dhihaachuu akka qabu kan beekan taʼus, waaqeffannaa namoonni isaaniif dhiheessan diduu mannaa, waaqeffannaa akkasii argachuu kajeelu, akkasumas ni babalʼisu. Seexanniifi hafuuronni hamoon, namoota gowwoomsuu, sobuufi sodaachisuudhaan akka isaan waaqeffatan godhaniiru. Dhugaadha, namoonni hedduun Seexanaafi hafuurota hamoo waaqeffachaa akka jiran hin hubatan. Amantiinsaanii Seexanaaf ulfina akka kennu yommuu hubatan baayʼee naʼu. Macaafni Qulqulluun, “Warri saba Waaqayyoo hin taʼin waan qalmaaf dhiʼeessan hafuurota hamootaaf dhiʼeessu malee, Waaqayyoof miti” jedha.—1 Qorontos 10:20.

24. Malli Seexanni namoota gowwoomsuuf itti fayyadamu inni tokko maalidha?

24 Karaan Seexanniifi hafuuronni hamoon namoonni akka isaan waaqeffatan itti gowwoomsan inni tokko, warra duʼan ilaalchisee soba babalʼisuudha. Mee waaʼee kanaa Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu haa ilaallu.

^ key. 11 Qurʼaanni, Suuraah 19⁠rratti (Mariyam) akkaataa Yesus dinqiidhaan itti dhalate yommuu ibsu akkas jedha: “Hafuura Keenya bifa nama guddaatiin gara [Mariyam] ergine. Isheenis yommuu isa argitu akkas jette: ‘Inni Araara Qabeessi sirraa na haa oolchu! Yoo Gooftaa sodaatte, na dhiisii karaakee adeemi.’ Innis, ‘Ani ergamaa Gooftaa keetiiti; ilma qulqulluus sii kennuu dhufeera’ jedhee deebiseef. Isheenis, ‘Anoo durba dhiirri tuqee hin beeknedha; akkamittan mucaa godhadharee?’ jettee deebisteef. Innis, ‘Kun fedha Gooftaa keetiiti. Kun Isaaf ulfaataa miti. Gooftaan, “Inni mallattoo ilmaan namootaafi eebba Nurraa argame taʼa. Kun seera Keenyadha” jedheera’ jedhee deebiseef.”