SAANDUQA 9D
Raajiiwwan Waaʼee Boojiʼamuu fi Haareffamuu Dubbataman
Raajiiwwan Yihudoota Baabilon durii keessatti boojiʼaman ilaalchisee dubbataman gumii Kiristiyaanaa boojuu Baabilon Guddittii jala ture irratti raawwii isaanii isa lammaffaa fi isa guddaa argataniiru. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
1. AKEEKKACHIISAWWAN |
2. BOOJIʼAMUU |
3. HAAREFFAMUU |
|
---|---|---|---|
RAAWWII JALQABAA |
Dh.K.D. Bara 607 Dura—Isaayyaas, Ermiyaasii fi Hisqiʼel saba Yihowaa kan akeekkachiisan taʼus gantummaan itti fufee ture |
Dh.K.D. Bara 607—Yerusaalem ni balleeffamte; sabni Waaqayyoo boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffaman |
Dh.K.D. Bara 537 fi Isa Booda—Namoonni amanamoo taʼan gara Yerusaalemitti deebiʼanii mana qulqullummaa deebisanii ijaaran, akkasumas waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu jalqaban |
RAAWWII ISA GUDDAA |
Dh.K.B. Jaarraa Jalqabaa—Yesuus, Phaawulosii fi Yohaannis gumicha kan akeekkachiisan taʼus gantummaan itti fufee ture |
Dh.K.B. Jaarraa Lammaffaa Irraa Jalqabee—Kiristiyaanonni dhugaan Baabilon Guddittiidhaan boojiʼaman |
Dh.K.B. Bara 1919 fi Isa Booda—Bulchiinsa Yesuus jalatti dibamtoonni amanamoo taʼan boojuun hafuuraa isaanii xumuramuu isaa fi waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuu isaa hubatan |