BOQONNAA 55
Dubbiin Yesuus Namoota Hedduu Suukanneesse
-
FOON ISAA NYAACHUU FI DHIIGA ISAA DHUGUU
-
NAMOONNI HEDDUUN GUFATANII ISA DUUKAA BUʼUU DHIISAN
Yesuus mana sagadaa Qifirnaahomitti argamutti inni nyaata isa dhugaa samii irraa dhufe taʼuu isaa barsiisaa jira. Yaada kana kan dubbate wanta namoota baha Galaana Galiilaatii dhufanii fi daabboo akkasumas qurxummii isaanii dhihaate nyaatanii turanitti akka taʼe haala isaa irraa hubachuu dandeenya.
Yesuus itti fufuudhaan, “Abbootiin keessan lafa onaa keessatti mannaa kan nyaatan taʼus duʼaniiru” jedhe. Achiis akkana jedhe: “Nyaanni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni nyaata kana irraa sooratu hundi bara baraaf ni jiraata; nyaanni ani kennu sun immoo foon koo isa ani ilmaan namootaa jireenya akka argataniif kennu dha.”—Yohaannis 6:48-51.
Yesuus Dh.K.B. bara 30 waqtii arfaasaatti, Waaqayyo addunyaa kana waan jaallateef, Ilma isaa fayyisaa godhee akka kenne Niqodimoositti himee ture. Aarsaa inni dhiheessutti amanuudhaan foon isaa nyaachuun barbaachisaa akka taʼe addeesse. Kun karaa itti jireenyi bara baraa argamu dha.
Namoonni garuu wanta Yesuus dubbate ni morman. “Namichi kun foon isaa akka nyaannu akkamitti nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii gaafatan. (Yohaannis 6:52) Yesuus yaada kana kan dubbate fakkeenyaan taʼuu isaa akka hubatan barbaade. Wanti inni itti aansuudhaan dubbate hiika yaada inni dubbatee ibsa.
“Foon Ilma namaa yoo nyaattanii fi dhiiga isaa yoo dhugdan malee, ofii keessaniin jireenya hin qabdan. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi jireenya bara baraa qaba; . . . sababiin isaas foon koo nyaata dhugaa ti; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi anaa wajjin tokkummaa qabaata.”—Yohaannis 6:53-56.
Yaadni kun Yihudoota isa dhaggeeffachaa jiran hammam aarsuu akka dandaʼu mee yaadi! Yesuus foon namaa nyaachuu ykn seera Waaqayyoo isa dhiiga nyaachuu dhorku cabsuu jajjabeessaa akka jirutti yaadanii taʼuu dandaʼa. (Uumama 9:4; Lewwoota 17:10, 11) Yesuus garuu waaʼee foon nyaachuu ykn dhiiga dhuguu dubbachaa hin jiru. Warri jireenya bara baraa argachuu barbaadan hundi, aarsaa inni qaama isaa isa mudaa hin qabne kennuu fi dhiiga isaa dhangalaasuudhaan dhiheessu irratti amantii qabaachuu akka qaban dubbachuu isaa ti. Taʼus, barattoonni hedduun illee barumsa kana hin hubanne. Isaan keessaa tokko tokko, “Dubbiin kun kan nama suukanneessu dha; eenyutu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhan.—Yohaannis 6:60.
Yesuus barattoonni tokko tokko gungumaa akka jiran waan beekeef, akkana isaaniin jedhe: “Kun isin gufachiisaa? Yoos, Ilmi namaa bakka dura turetti utuu ol baʼuu yoo argitan maal jettu ree? . . . Dubbiin ani isinitti dubbadhe hafuura, akkasumas jireenya. Haa taʼu malee isin keessas kan hin amanne tokko tokko jiru.” Kanaaf, barattoonni hedduun isa dhiisanii deeman; sana boodas isa duukaa hin buune.—Yohaannis 6:61-64.
Yesuus ergamoota 12 niin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate. Pheexirosis akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabda. Nuti ati Ilma Waaqayyoo Isa Qulqulluu akka taate amanneerra; beekneerras.” (Yohaannis 6:67-69) Pheexirosii fi ergamoonni kaan dhimma kana ilaalchisee wanta Yesuus barsiise sirriitti hubachuu baatanis, amanamummaa nama dinqisiisu argisiisan!
Yesuus deebii Pheexirositti ni gammade. Achiis, “Ani kudha lamaan keessan iyyuu filadheera mitii? Isin keessaa inni tokko garuu maqaa kan balleessu dha” jechuudhaan wanta hubate dubbate. (Yohaannis 6:70) Yesuus kan dubbachaa jiru waaʼee Yihudaa Asqorotuu ti. Yeroo kanatti Yesuus, Yihudaan hawwii isaa isa sirrii hin taane hordofuu akka jalqabe hubateera.
Pheexirosii fi ergamoonni kaan garuu isa duukaa buʼuu fi hojii lubbuu baraaraa inni hojjechaa jiru irratti hirmaachuu isaanii akka hin dhiisne beekuun isaa akka isa gammachiisu beekamaa dha.