Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 2

Dhuguma ‘Waaqayyotti Dhihaachuu’ ni Dandeessaa?

Dhuguma ‘Waaqayyotti Dhihaachuu’ ni Dandeessaa?

1, 2. (a) Namoota hedduudhaaf wanti kan hin dandaʼamne fakkaatu maali dha? Kitaabni Qulqulluun garuu maal nuu mirkaneessa? (b) Abrahaam michuu eenyuu taʼuu dandaʼeera? Maaliif?

 UUMAAN samii fi lafaa, “Inni michuu koo ti” jedhee waaʼee kee utuu dubbatee maaltu sitti dhagaʼama? Namoonni hedduun, ‘kun wanta taʼuu hin dandeenye dha’ jedhanii yaadu. Namoonni michuu Yihowaa taʼuu hin dandaʼan jedhu. Kitaabni Qulqulluun garuu, Waaqayyotti dhihaachuu akka dandeenyu nuu mirkaneessa.

2 Abrahaam inni bara duriitti jiraate, namoota michuu Yihowaa taʼan keessaa tokko dha. Yihowaan Abrahaamiin “Michuu koo” jedhee waameera. (Isaayyaas 41:8) Eeyyee, Yihowaan Abrahaamiin akka michuu isaatti ilaaleera. Abrahaam michuu Yihowaa taʼuu kan dandaʼe, ‘Yihowaatti waan amaneef’ ture. (Yaaqoob 2:23) Yeroo harʼaattis Yihowaan, namoota isa tajaajilanitti michoomuu fi “jaalala isaa” isaanitti argisiisuu barbaada. (Keessa Deebii 10:15) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan nu gorsa. (Yaaqoob 4:8) Caqasni kun affeerrii fi abdii kan of keessatti qabate dha.

3. Yihowaan affeerrii akkamii nuu dhiheesseera? Waadaa akkamii hoo nuu galeera?

3 Yihowaan akka isatti dhihaannu nu affeereera. Michoota isaa nu godhachuuf qophaaʼaa dha, akkasumas fedhii qaba. Kana malees, isatti dhihaachuuf tarkaanfii yoo fudhanne, innis akka nutti dhihaatu waadaa nuu galeera. Kanaafuu, “Yihowaa wajjin michummaa cimaa” qabaachuu ni dandeenya; kun mirga guddaa dha. (Faarfannaa 25:14) Yaanni as irratti “michummaa cimaa” jedhamee ibsame hiriyaa nutti dhihaatuu fi wanta iccitii taʼe itti himannu kan argisiisudha.

4. Michuu jechuun nama akkamii ti? Yihowaan hoo namoota isatti dhihaataniif michuu akkasii taʼuu isaa kan argisiise karaa kamiini?

4 Michuu iccitii kee itti himachuu dandeessu qabdaa? Michuun akkasii, akka siif yaadu beekamaa dha. Namni kun siif amanamaa taʼuu isaa waan mirkaneesseef isa ni amanta. Wanta si gammachiise yeroo itti himtu gammachuun kee ni dabala. Gadda kee yommuu isatti himtuu fi yommuu si dhaggeeffatu gaddi kee sii salphata. Eenyu iyyuu miira kee akka hin hubanne yeroo sitti dhagaʼamutti illee inni miira kee siif hubata. Yommuu Waaqayyotti dhihaattus, inni Michuu gaarii bakka guddaa sii kennu, waaʼee kee yaaduu fi guutummaatti miira kee siif hubatu sii taʼa. (Faarfannaa 103:14; 1 Pheexiros 5:7) Namoota isaaf amanamoo taʼaniif innis amanamaa akka taʼe waan beektuuf, garaa guutuudhaan isatti amanamta. (Faarfannaa 18:25) Michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandeenyu garuu, inni haala isaa waan nuu mijeesseefi.

Yihowaan Haala Nuu Mijeesseera

5. Yihowaan isatti dhihaachuu akka dandeenyuuf qophii akkamii nuu godhe?

5 Cubbamoota waan taaneef, gargaarsa yoo arganne malee matumaa Waaqayyotti dhihaachuu hin dandeenyu. (Faarfannaa 5:4) Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo utuma nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera” jedhee barreesseera. (Roomaa 5:8) Eeyyee Yihowaan, Yesuus ‘lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee akka kennu’ qophii godheera. (Maatewos 20:28) Aarsaa furii kanatti amanuun keenya, Waaqayyotti dhihaachuuf nu gargaara. Waaqayyo “dursee waan nu jaallateef,” michoota isaa akka taanu haala nuu mijeesseera.—1 Yohaannis 4:19.

6, 7. (a) Yihowaan Waaqa dhokataa fi beekamuu hin dandeenye akka hin taane akkamitti beekna? (b) Yihowaan eenyummaa isaa kan ibse karaawwan kamiini?

6 Yihowaan wanta kan biraas godheera: Eenyummaa isaa nuu ibseera. Michummaan kam iyyuu, eenyummaa nama tokkoo akka gaariitti beekuu, akkasumas amalawwan isaa fi daandiiwwan isaatiif bakka guddaa kennuu irratti hundaaʼa. Kanaaf, Yihowaan Waaqa dhokataa fi beekamuu hin dandeenye utuu taʼee, matumaa isatti dhihaachuu hin dandeenyu turre. Inni garuu eenyummaa isaa dhoksuu mannaa, akka isa beeknu barbaada. (Isaayyaas 45:19) Kana malees, namoota akka ilaalcha addunyaatti bakka guddaa hin qabne dabalatee, hundi keenya wanta inni eenyummaa isaa ilaalchisee ibse beekuu dandeenya.—Maatewos 11:25.

Yihowaan karaa uumama isaa fi karaa Dubbii isaa waaʼee isaa nuu ibseera

7 Yihowaan eenyummaa isaa kan nuu ibse akkamitti? Wantoonni inni uume, waaʼee amalawwan isaa tokko tokkoo jechuunis, guddina humna isaa, balʼina ogummaa isaa fi baayʼina jaalala isaa nuu ibsu. (Roomaa 1:20) Haa taʼu malee, Yihowaan eenyummaa isaa kan nuu ibse karaa uumamawwan isaa qofa miti. Waaqa yaada isaa namaaf ibsuudhaan beekamu waan taʼeef, Kitaaba Qulqulluu keessattis eenyummaa isaa nuu ibseera.

Yihowaan Dubbii Isaa Keessatti Waaʼee Isaa Nuu Ibseera

8. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akka nu jaallatu argisiisa kan jennu maaliifi?

8 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akka nu jaallatu argisiisa. Dubbii isaa kana keessatti jechoota hubachuu dandeenyuun waaʼee isaa kan nuu ibse yeroo taʼu, kunis akka nu jaallatu qofa utuu hin taʼin, akka isa beeknuu fi akka isa jaallannu kan barbaadu taʼuu isaas nuu mirkaneessa. Wanti Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisnu, isatti dhihaachuuf nu gargaara. (Faarfannaa 1:1-3) Mee karaawwan gaggaarii Yihowaan Dubbii isaa keessatti waaʼee isaa itti ibse tokko tokko haa ilaallu.

9. Caqasoonni kallattiidhaan waaʼee amalawwan Waaqayyoo dubbatan tokko tokko kam faʼi?

9 Kitaabni Qulqulluun, caqasoota kallattiidhaan waaʼee amalawwan Waaqayyoo dubbatan hedduu qabateera. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu. “Yihowaan haqa ni jaallata.” (Faarfannaa 37:28) Waaqayyo “humni isaa guddaa dha.” (Iyyoob 37:23) ‘‘Ani amanamaadha’ jedha Yihowaan.’ (Ermiyaas 3:12) “Inni garaan isaa ogeessa.” (Iyyoob 9:4) Inni “Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee” taʼe dha. (Baʼuu 34:6) “Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha.” (Faarfannaa 86:5) Akkuma boqonnaa darbe irratti ilaalle immoo, amalawwan isaa keessaa inni tokko hunda irra kan caalu dha: “Waaqayyo jaalala.” (1 Yohaannis 4:8) Amalawwan gaggaarii kana irratti xiinxaluun kee, Waaqa isa homtinuu itti hin qixxaanne kanatti dhihaachuuf si hin kakaasuu?

10, 11. (a) Yihowaan amalawwan isaa caalaatti akka hubannu nu gargaaruuf Dubbii isaa keessatti maal nuu galmeessiseera? (b) Seenaan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan humna isaatti akkamitti akka fayyadame hubachuuf nu gargaaru isa kami?

10 Yihowaan amalawwan isaa nutti himuu qofa utuu hin taʼin, seenaawwan dhugaa amalawwan isaa kana akkamitti hojiidhaan akka argisiise ibsan jaalalaan kakaʼee Dubbii isaa keessatti nuu galmeessiseera. Seenaawwan kana irratti xiinxaluun keenya amalawwan Yihowaa caalaatti hubachuuf nu gargaara. Kun immoo isatti dhihaachuuf gargaara. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

Kitaabni Qulqulluun Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaara

11 Waaqayyo ‘humni isaa sodaachisaa’ taʼuu isaa dubbisuun waan tokko dha. (Isaayyaas 40:26) Israaʼelota, akkamitti Galaana Diimaa keessa akka ceesisee fi waggoota 40f lafa onaa keessatti akkamitti akka isaan kunuunse dubbisuun immoo waan gara biraa dha. Galaanichi yommuu gargar hiramu yaadaan ilaaluu dandeessa. Sabni tarii lakkoofsi isaa 3,000,000 taʼu bishaan bitaa fi mirgaan akka girgiddaa guddaatti dhaabate gidduu lafa gogaa irra yommuu deeman yaadaan ilaali. (Baʼuu 14:21; 15:8) Waaqayyo lafa onaa keessatti eegumsa akka isaaniif godhe ragaawwan argisiisan ilaaluu dandeessa. Kattaa keessaa bishaan isaaniif yaaseera. Nyaata firii adii fakkaatu isaaniif roobseera. (Baʼuu 16:31; Lakkoofsa 20:11) Yeroo kanatti Yihowaan humna akka qabu qofa utuu hin taʼin, humna isaa kana saba isaa gargaaruuf akka itti fayyadamus argisiiseera. Yihowaan Waaqa humna qabeessa “iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya, yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa [argannu]” akka taʼe ibsameera; kadhannaan keenya qaama akkasii bira akka dhaqu beekuun nama hin jajjabeessuu?—Faarfannaa 46:1.

12. Yihowaan wantoota hubachuu dandeenyutti fayyadamee waaʼee isaa kan nuu ibse akkamitti?

12 Yihowaan inni hafuura taʼe, akka isa beeknu nu gargaaruuf wanta kana caalus godheera. Nama waan taaneef, arguu kan dandeenyu wanta ijaan argamuu dandaʼu qofa dha; kanaafuu wantoota addunyaa hafuuraa keessa jiran arguu hin dandeenyu. Waaqayyo waaʼee ofii isaa akkaataa uumamawwan hafuuraatti dubbatuun utuu nutti dubbateera taʼee, nama erga dhalatee jalqabee iji isaa hin argine tokkoof halluu ija keenyaa fi gogaa keenyaa dabalatee bifti keenya maal akka fakkaatu ibsuuf yaaluu wajjin wal fakkaata ture. Haa taʼu malee, Yihowaan wantoota hubachuu dandeenyutti fayyadamee waaʼee isaa nuu ibseera. Yeroo tokko tokko wantoota beeknutti of fakkeessee waaʼee isaa ibseera. Kutaa qaama namaa tokko tokko akka qabutti illee of ibseera. a

13. Isaayyaas 40:11 Yihowaa akkamitti ibsa? Kunoo maaltu akka sitti dhagaʼamu godha?

13 Isaayyaas 40:11 irratti Yihowaan akkamitti akka ibsame qalbeeffadhu: “Inni akkuma tikseetti bushaayee isaa ni kunuunsa. Hoolota xobbaallaa irree isaatiin walitti ni qaba, qoma isaattis isaan ni baata.” As irratti Yihowaan, tiksee ilmoolee hoolaa “irree isaatiin” ol fuudhutti fakkeeffameera. Kun, Waaqayyo warra humna hin qabne dabalatee saba isaa hunda eeguu fi deggeruu akka dandaʼu argisiisa. Isaaf amanamoo yoo taane inni matumaa waan nu hin gatneef, irree isaa isa cimaa jalatti eegumsa akka argannu hin shakkinu. (Roomaa 8:38, 39) Tikseen Guddichi ilmoolee hoolaa “qoma isaatti” baata. Yaanni qoma isaatti jedhu, haala tikseen tokko uffata irraan uffatu dachaasee ilmoo hoolaa reefuu dhalatte ittiin baatu argisiisa. Yaanni kun, Yihowaan bakka guddaa akka nuu kennuu fi gaarummaadhaan akka nu kunuunsu nuu mirkaneessa. Waaqa akkasiitti dhihaachuuf fedhii akka qabaannu beekamaa dha.

‘Ilmi Isa Mulʼisuu Barbaada’

14. Yihowaan karaa Yesuus waaʼee isaa akka gaariitti nuu ibseera kan jennu maaliifi?

14 Yihowaan Ilma isaa Yesuusitti fayyadamee Dubbii isaa keessatti waaʼee isaa akka gaariitti nuu ibseera. Eenyu iyyuu Yesuus caalaa ilaalchaa fi miira Waaqayyoo akka gaariitti calaqqisuu ykn waaʼee isaa akka gaariitti ibsuu hin dandaʼu. Kana malees Ilmi angafaa kun, maleekonnis taʼan uumamni cufti inni ijaan argamu uumamuu isaa yeroo dheeraa dura Abbaa isaa wajjin ture. (Qolosaayis 1:15) Yesuus eenyu iyyuu caalaa Yihowaa beeka. Kanaan kan kaʼes akkas jechuu dandaʼeera: “Abbaa malee Ilmi eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru; akkasumas Ilmaa fi nama Ilmi isatti mulʼisuu barbaadu qofa malee Abbaan eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru.” (Luqaas 10:22) Yesuus nama taʼee yommuu lafa irra jiraatetti karaawwan guguddaa lamaan waaʼee Abbaa isaa ibseera.

15, 16. Yesuus karaawwan lamaan kamiin waaʼee Abbaa isaa ibse?

15 Tokkoffaa, barumsi Yesuus Abbaa isaa beekuuf nu gargaara. Yesuus karaa garaa keenya tuquu dandaʼuun waaʼee Yihowaa ibseera. Fakkeenyaaf Yesuus, Waaqayyo cubbamoota yaada garaa geddaratan akka simatu ibsuuf, Yihowaa abbaa ilma isaa isa badee deebiʼeef dhiifama gochuudhaan yeroo fagoodhaa isa argu fiigee hammatee isa dhungatetti fakkeesseera. (Luqaas 15:11-24) Yesuus, Yihowaan namoota dhuunfaatti waan jaallatuuf Waaqa namoota garaa qajeelaa qaban gara isaatti ‘harkisu’ akka taʼes ibseera. (Yohaannis 6:44) Yihowaan dimbiixiin xinnoon tokko yommuu lafa irra buutu illee beeka. Yesuus, “Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu” jedheera. (Maatewos 10:29, 31) Waaqa kunuunsa namaa godhu kanatti dhihaachuu akka barbaannu beekamaa dha.

16 Lammaffaa, fakkeenyi Yesuus Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe ibsa. Yesuus guutummaatti amala Abbaa isaa waan calaqqiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jechuu dandaʼeera. (Yohaannis 14:9) Kanaaf, Yesuus miira akkamii akka argisiisee fi warra kaan akkamitti akka qabe Wangeelota irraa yommuu dubbisnu, Abbaa isaa argaa jirra jechuun ni dandaʼama. Yihowaan kana caalaa karaa ifa taʼeen amalawwan isaa nuu ibsuu hin dandaʼu. Akkas kan jennu maaliif?

17. Yihowaan inni Waaqa akkamii akka taʼe akka hubannu nu gargaaruuf maal akka godhe fakkeenyaan ibsi.

17 Fakkeenyaaf, gaarummaan maal akka taʼe ibsuuf yaalaa jirta haa jennu. Amala kana jechaan ibsuu dandeessa taʼa. Haa taʼu malee, nama gocha gaarummaa raawwachaa jiru tokkotti quba qabdee, “Gaarummaa jechuun kana dha” utuu jettee, jechi “gaarummaa” jedhu salphaatti hubatama. Yihowaanis amala isaa akka hubannu nu gargaaruuf, mala kanaa wajjin wal fakkaatutti fayyadameera. Waaqa akkamii akka taʼe jechaan nuu ibsuu malees, Ilmi isaa fakkeenya akka nuu taʼu godheera. Yesuus, amalawwan Waaqayyoo gochaan argisiiseera. Yihowaan seenaawwan Wangeelaa waaʼee Yesuus ibsanitti fayyadamee, “Ani Waaqa akkasii ti” nuun jechaa jira jechuun ni dandaʼama. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu, Yesuus yeroo lafa irra turetti nama akkamii akka ture ibsu?

18. Yesuus humna, haqaa fi ogummaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

18 Yesuus amalawwan Waaqayyoo warra guguddaa arfan sirriitti argisiiseera. Fakkeenyaaf, dhukkuba, beelaa fi duʼa irratti illee humna akka qabu argisiiseera. Haa taʼu malee, namoota ofittoo karaa sirrii hin taaneen aangoo isaaniitti fayyadaman irraa haala adda taʼeen, Yesuus humna dinqii raawwachuuf qabu faayidaa isaatiif ykn warra kaan miidhuuf itti hin fayyadamne. (Maatewos 4:2-4) Haqa ni jaallata. Daldaltoonni sassattoota taʼan yommuu sabicha saaman yeroo argetti garaan isaa aarii qajeelinaatiin guutamee ture. (Maatewos 21:12, 13) Hiyyeessonnii fi warri cunqurfaman ‘boqonnaa akka argatan’ gargaaruudhaan, karaa loogii irraa walaba taʼeen isaan qabeera. (Maatewos 11:4, 5, 28-30) Yesuus inni ‘Solomoon irra caalu’ barumsi isaa ogummaa guddaadhaan kan guutame ture. (Maatewos 12:42) Haa taʼu malee, Yesuus ogummaa isaa warra kaanitti argisiifachuuf matumaa yaalee hin beeku. Barumsi isaa ifa, salphaa fi hojii irra kan oolu waan taʼeef, namoota bakki guddaan hin kennamneef illee kan tuqu ture.

19, 20. (a) Yesuus jaalala argisiisuudhaan fakkeenya guddaa kan taʼe akkamitti? (b) Waaʼee Yesuus yeroo dubbisnuu fi irratti xiinxallu maal dagachuu hin qabnu?

19 Yesuus jaalala argisiisuudhaan fakkeenya guddaa taʼa. Rakkina warra kaanii akka kan ofiitti ilaaluu fi gara laafina argisiisuu dabalatee tajaajila isaa irratti karaa hedduutiin jaalala argisiiseera. Yeroo rakkina warra kaanii arge hundatti isaaniif gadda ture. Gaddi itti dhagaʼame kun immoo isaan gargaaruuf tarkaanfii akka fudhatu isa kakaaseera. (Maatewos 14:14) Yesuus warra dhukkubsatan fayyisuu fi warra beelaʼan sooruu malees, karaa caalaatti barbaachisaa taʼe kan biraatiinis gara laafina argisiiseera. Namoonni, dhugaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa ilmaan namootaatiif eebba bara baraa argamsiisu akka beekan, akka fudhatanii fi akka jaallatan gargaareera. (Maarqos 6:34; Luqaas 4:43) Hunda caalaa immoo, Yesuus fedhii isaatiin warra kaaniif lubbuu isaa dabarsee kennuudhaan, jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiiseera.—Yohaannis 15:13.

20 Namoonni umurii fi akkaataa guddinaa adda addaa qaban nama gara laafessa taʼee fi namaaf gaddu kanatti dhihaachuun isaanii nama hin ajaaʼibsiisu. (Maarqos 10:13-16) Haa taʼu malee, waaʼee jireenya Yesuus yommuu dubbisnuu fi irratti xiinxallu hundatti, amalli Abbaa isaa Ilma isaa kana irratti akka mulʼate dagachuu hin qabnu.—Ibroota 1:3.

Kitaabni Kun Kan Nu Gargaaruu Akkamitti?

21, 22. Yihowaa barbaaddachuun maal dabalata? Kitaabni kun, yaadawwan kana gochuuf nu gargaaran akkamii qabateera?

21 Yihowaan waaʼee isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti sirriitti ibsuudhaan, isatti akka dhihaannu akka barbaadu nuu mirkaneesseera. Taʼus, isaa wajjin michummaa akka uumnu nu hin dirqisiisu. “Yeroo inni argamutti” Yihowaa barbaaddachuun itti gaafatamummaa keenya dha. (Isaayyaas 55:6) Yihowaa barbaaddachuun, amalawwan isaa fi daandiiwwan isaa warra Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman beekuu dabalata. Kitaabni amma dubbisaa jirtu kun, kana akka gootu si gargaaruuf kan qophaaʼe dha.

22 Kitaabni kun kutaawwan waaʼee amalawwan Yihowaa warra guguddaa afur ibsanitti kan hihhirame dha: isaanis humna, haqa, ogummaa fi jaalala dha. Kutaan hundi waaʼee amala sanaa ibsa gabaabaa kennuudhaan jalqaba. Boqonnaawwan itti aanan muraasni, karaawwan adda addaa Yihowaan amala sana itti argisiise ibsu. Kutaawwan hundi boqonnaa, Yesuus akkamitti amala sana akka argisiise ibsu tokkoo fi boqonnaa akkamitti amala kana argisiisuu akka dandeenyu ibsu tokko qabu.

23, 24. (a) Saanduqni, “Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran” jedhu kaayyoo akkamii qaba? (b) Xiinxaluun caalaatti Waaqayyotti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

23 Boqonnaa kana irraa jalqabee saanduqni, “Gaaffiiwwan Xiinxaluuf Gargaaran” jedhu jira. Fakkeenyaaf,  saanduqa fuula 28 irra jiru ilaali. Caqasawwanii fi gaaffiiwwan achi irratti argaman, boqonnaa sana irra deebiʼuuf kan qophaaʼan miti. Kanaa mannaa, barumsa dabalataa mata duree sana irraa argattu irratti akka xiinxaltu si gargaaruuf kan qophaaʼani dha. Saanduqa kana irraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti? Caqasawwan kennaman hunda baasiitii sirriitti dubbisi. Achiis, gaaffiiwwan caqasicha bira jiran dubbisii deebii isaanii yaadi. Qorannoo tokko tokkos gochuu dandeessa. Gaaffiiwwan dabalataa akkana jedhan of gaafadhu: ‘Yaanni kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Warra kaan gargaaruuf akkamittan itti fayyadamuu dandaʼa?’

24 Akkasiitti xiinxaluun keenya caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaara. Akkas kan jennu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun xiinxaluun garaa keenya irratti jijjiirama akka fidu ibsa. (Faarfannaa 19:14) Wanta waaʼee Waaqayyoo baranne irratti dinqisiifannaadhaan yommuu xiinxallu, barumsi argannu garaa keenya keessa seenee ilaalcha keenya irratti dhiibbaa geessisa; miira keenya ni tuqa, achiis hojiidhaaf nu kakaasa. Jaalalli Waaqayyoof qabnu ni guddata, jaalalli kun immoo Michuu keenya isa hunda irra caalu kana gammachiisuuf nu kakaasa. (1 Yohaannis 5:3) Yihowaa wajjin michummaa akkasii uumuuf, amalawwanii fi daandiiwwan isaa beekuu qabna. Dura garuu, amala Waaqayyoo isa akka isatti dhihaannu nu kakaasu, jechuunis qulqullummaa isaa irratti haa mariʼannu.

a Fakkeenyaaf Kitaabni Qulqulluun waaʼee fuula, ija, gurra, funyaan, afaan, harkaa fi miilla Waaqayyoo ni dubbata. (Faarfannaa 18:15; 27:8; 44:3; Isaayyaas 60:13, Maatewos 4:4; 1 Pheexiros 3:12) Akkuma jechoonni Yihowaan “Qarsaa” ykn “gaachana” akka taʼe ibsan kallattiidhaan hin fudhatamne, ibsawwan kunis kallattiidhaan fudhatamuu hin qaban.—Keessa Deebii 32:4; Faarfannaa 84:11.