BOQONNAA 21
Yesuus “Ogummaa Waaqayyo Biraa . . . Dhufe” Mulʼiseera
1-3. Namoonni duraan Yesuusiin beekan barumsa isaa yommuu dhagaʼan maaltu isaanitti dhagaʼame? Waaʼee isaa maal utuu hin hubatin hafaniiru?
NAMOONNI isa dhaggeeffatan dinqisiifannaadhaan guutaman. Yesuus dargaggeessichi mana sagadaa keessatti isaan dura dhaabatee barsiisaa jira. Magaalaa isaanii keessatti waan guddateef, akkasumas waggoota hedduuf isaan gidduutti anaaxii taʼee hojjechaa waan tureef, inni isaaniif haaraa hin turre. Tarii isaan keessaa tokko tokko mana Yesuus ijaare keessa jiraachaa kan jiran ykn gindii fi waanjoo inni hojjetetti fayyadamaa kan jiran taʼuu dandaʼu. a Haa taʼu malee, barumsa anaaxiin kun barsiisuuf ilaalcha akkamii qabaatu laata?
2 Namoota isa dhaggeeffachaa turan keessaa hedduun isaanii dinqisiifannaadhaan, ‘Namni kun ogummaa kana eessaa argate?’ jedhanii gaafatan. Achiis, “Kun anaaxicha ilma Maariyaam mitii?” jedhan. (Maatewos 13:54-58; Maarqos 6:1-3) Kan nama gaddisiisu namoonni Yesuusiin beekan, ‘Anaaxiin kun namuma akka keenyaa mitii?’ jedhanii isa tuffataniiru. Ogummaadhaan kan dubbatu taʼus, ogummaan kun kan isaa akka hin taane waan hin beekneef isatti amanuu didaniiru.
3 Maarree Yesuus ogummaa kana eessaa argate? Innumti iyyuu, “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti” jedheera. (Yohaannis 7:16) Phaawulos ergamaan, Yesuus “ogummaa Waaqayyo biraa nuuf dhufe” akka taʼe dubbateera. (1 Qorontos 1:30) Kanaaf, ogummaan Yihowaa karaa Ilma isaa Yesuus mulʼateera jechuu dha. Yesuus, “Anii fi Abbaan tokko” jechuun isaa, yaanni kun hammam dhugaa akka taʼe argisiisa. (Yohaannis 10:30) Mee amma karaawwan Yesuus “ogummaa Waaqayyo biraa . . . dhufe” taʼuu isaa itti argisiise sadii haa ilaallu.
Wanta Inni Barsiise
4. (a) Yaanni ijoo ergaa Yesuus maal ture? Baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Gorsi Yesuus yeroo hunda hojii irra ooluu kan dandaʼuu fi warra dhaggeeffataniif faayidaa guddaa kan argamsiisu maaliifi?
4 Jalqaba, wanta Yesuus barsiise ilaali. Yaanni ijoo ergaa isaa, “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” ture. (Luqaas 4:43) Mootummaan kun, maqaa Yihowaa qulqulleessuu, jechuunis Bulchaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessuu, akkasumas ilmaan namootaaf eebba bara baraa fiduu irratti shoora guddaa waan taphatuuf, ergaan kun baayʼee barbaachisaa ture. Yesuus barumsa isaa keessatti, jireenya guyyaa guyyaa ilaalchisees gorsa ogummaa irratti hundaaʼe kenneera. Kanaafuu, “Gorsaa Dinqii” isa raajiidhaan dubbatame taʼuu isaa argisiiseera. (Isaayyaas 9:6) Yesuus “Gorsaa Dinqii” taʼuu kan dandaʼe maaliifi? Waaʼee Dubbii Waaqayyoo fi fedha isaa beekumsa guddaa qaba, uumama ilmaan namootaa sirriitti beeka, akkasumas jaalala guddaa isaaniif qaba. Kanaaf, gorsi isaa yeroo hunda hojii irra ooluu kan dandaʼuu fi namoota isa dhaggeeffataniif faayidaa guddaa kan argamsiisu ture. Yesuus, “dubbii jireenya bara baraa” dubbateera. Eeyyee, namoonni gorsa isaa hojii irra oolchan hundi fayyina ni argatu.—Yohaannis 6:68.
5. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti dhimmawwan akkamii irratti gorsa kenne?
5 Lallabni Gaaraa barumsi Yesuus ogummaa guddaa kan qabu taʼuu isaatiif fakkeenya gaarii taʼa. Lallabni Maatewos 5:3–7:27 irratti galmeeffame kun daqiiqaa 20 qofa kan fudhate taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, gorsi kun kan yeroon itti hin darbine dha, jechuunis akkuma yeroo dubbatame sanaa harʼas faayidaa guddaa qaba. Yesuus, lallaba isaa kana irratti hariiroo warra kaanii wajjin qabnu akkamitti akka fooyyessinu (5:23-26, 38-42; 7:1-5, 12), naamusa qulqulluu qabaannee itti fufuu akkamitti akka dandeenyu (5:27-32), akkasumas akkamitti jireenya kaayyoo qabu jiraachuu akka dandeenyu (6:19-24; 7:24-27) dabalatee dhimmawwan hedduu irratti gorsa kenneera. Haa taʼu malee, Yesuus ogummaan maal akka taʼe dhaggeeffattoota isaatti himuu qofa utuu hin taʼin, ragaa dhiheessuudhaanis karaa isaan amansiisuun isaaniif ibseera.
6-8. (a) Yesuus gorsa gaarii yaaddoo irraa akka fagaannu nu gargaaru akkamii kenne? (b) Gorsi Yesuus ogummaa ol gubbaadhaa dhufe akka qabate wanti argisiisu maali dha?
6 Fakkeenyaaf, wantoota jireenyaaf barbaachisaniif yaaddaʼuu ilaalchisee gorsa Yesuus Maatewos boqonnaa 6 irratti kenne ilaali. “Waaʼee jireenya keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa” jedheera. (Lakkoofsa 25) Nyaannii fi uffanni wantoota buʼuuraa nu barbaachisan waan taʼaniif, wantoota kana argachuuf yaaddaʼuun waanuma jirudha. Taʼus, Yesuus waaʼee wantoota kanaa “yaaddaʼuu keessan dhiisaa” nuun jedheera. b Maaliifi?
7 Yesuus kana ilaalchisee sababii amansiisaa akkamii akka dhiheesse ilaali. Yihowaan jireenyaa fi dhagna erga nuu kennee, nyaata jireenya keenya tursuu fi wanta dhagna keenyatti uffannu nuu kennuu hin dandaʼuu? (Lakkoofsa 25) Waaqayyo simbirrootaaf nyaata kan kennuu fi abaaboowwan bareechee kan itti uwwisu erga taʼee, namoota isa waaqeffatan caalaatti hin kunuunsuu ree? (Lakkoofsa 26, 28-30) Yaaddaʼuun faayidaa tokko illee hin qabu. Xinnuma illee jireenya keenya nuu dheeressuu hin dandaʼu. c (Lakkoofsa 27) Maarree yaaddaʼuu dhiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus, waaqeffannaa Waaqayyoof dhiheessinuuf dursa kennuudhaan akka taʼe nu gorseera. Namoonni akkas godhan, Abbaan isaanii inni samii wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu akka isaaniif ‘dabalu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. (Lakkoofsa 33) Dhuma irrattis Yesuus, waaʼee guyyaa harʼaa qofa akka yaannu nutti himuudhaan gorsa gaarii nuu kenneera. Yaaddoo guyyaa borii, maaliif isa guyyaa harʼaatti daballa? (Lakkoofsa 34) Kana malees, wantoota matumaa raawwatamuu hin dandeenyeef maaliif dhiphanna? Gorsa ogummaa irratti hundaaʼe akkasii hojii irra oolchuun keenya, gadda hedduu addunyaa isa dhiphinaan guutame keessatti nu mudatu irraa walaba nu gochuu dandaʼa.
8 Gorsi Yesuus kenne, akkuma gara waggaa 2,000 dura hojii irra oolaa ture, harʼas hojii irra ooluu kan dandaʼu dha. Maarree kun Yesuus ogummaa ol gubbaadhaa dhufe akka qabu hin argisiisuu? Gorsi, namoonni gorsitoota gaariidha jedhaman kennan illee, yeroon itti darbuu fi haareffamuu ykn yaada biraadhaan bakka buufamuu dandaʼa. Barumsi Yesuus garuu yoom iyyuu yeroon itti hin darbu. Haa taʼu malee, Gorsaa Dinqiin kun ‘dubbii Waaqayyoo’ waan dubbatuuf, kun taʼuun isaa nu dinqisiisuu hin qabu.—Yohaannis 3:34.
Akkaataa Itti Barsiise
9. Loltoonni tokko tokko waaʼee barumsa Yesuus maal jedhan? Wanti isaan dubbatan kan arbeeffame miti kan jennu hoo maaliifi?
9 Karaan inni lammaffaan Yesuus ogummaa Waaqayyoo itti mulʼise immoo akkaataa itti barsiise dha. Yeroo tokko loltoonni akka isa qaban ergaman; isaan garuu “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku” jechuudhaan utuu isa hin qabin deebiʼaniiru. (Yohaannis 7:45, 46) Kana kan dubbatan arbeessuuf jedhanii miti. Yesuus inni “kan olii” taʼe, namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalaa beekumsaa fi muuxannoo isa irraa argachuu dandeenyu qaba. (Yohaannis 8:23) Haala namni kan biraan barsiisuu hin dandeenyeen barsiiseera. Mee malawwan Barsiisaan ogeessi kun itti fayyadame lama qofa ilaali.
“Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan”
10, 11. (a) Fakkeenyi Yesuus itti fayyadame kan nu ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Seenaawwanii fi fakkeenyonni, Yesuus barsiisuu irratti buʼa qabeessa taʼuu isaa argisiisan kamfaʼi?
10 Karaa buʼa qabeessa taʼeen fakkeenyatti fayyadameera. Kitaabni Qulqulluun, “Yesuus wantoota kana hunda fakkeenyaan namoota sanatti dubbate. Eeyyee, fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbatu ture” jedha. (Maatewos 13:34) Dandeettiin Yesuus wantoota guyyaa guyyaadhaan arginutti fayyadamee dhugaa dinqisiisaa barsiisuuf qabu kan nama ajaaʼibsiisu dha. Qonnaan bultoota sanyii facaasan, dubartii bukoo bukeessitu, ijoollee bakka gabaatti taphatan, namoota qurxummii qabuuf saaphana isaanii bishaanitti darbatanii fi tiksitoota hoolaa badan barbaadan akka fakkeenyaatti fayyadamee barsiiseera; wantoonni kun immoo wantoota dhaggeeffattoonni isaa yeroo baayʼee arganidha. Barumsi barbaachisaa taʼe tokko wanta namoonni beekanii wajjin wal qabsiifamee ibsamuun isaa, akka hin irraanfatamne godha.—Maatewos 11:16-19; 13:3-8, 33, 47-50; 18:12-14.
11 Yesuus yeroo baayʼee barumsawwan barbaachisoo taʼan barsiisuuf, fakkeenyota ykn seenaawwan gaggabaabootti fayyadameera. Seenaawwan yeroo baayʼee hubachuu fi yaadachuuf salphaa waan taʼaniif, malli Yesuus itti fayyadame barumsi isaa akka hin irraanfatamne godhaniiru. Yesuus waaʼee Abbaa isaa yommuu ibsu, fakkeenyota ifa taʼanii fi salphaatti hin irraanfatamnetti fayyadameera. Fakkeenyaaf seenaan waaʼee ilma badee argamee ibsu, namni dhugaa dhiise tokko garaadhaa yaada yoo geddarate Yihowaan akka isaaf gadduu fi akka ofitti isa deebisu ibsa. Maarree namni ergaa seenaa kanaa hubachuun isa rakkisu jiraa?—Luqaas 15:11-32.
12. (a) Yesuus barumsa isaa keessatti gaaffiiwwanitti kan fayyadame akkamitti? (b) Yesuus namoota aangoo isaa irratti gaaffii kaasan kan cal jechisiise akkamitti?
12 Gaaffiiwwanitti akka gaariitti fayyadameera. Yesuus dhaggeeffattoonni isaa gad fageenyaan akka yaadan, miira wanta tokko gochuuf isaan kakaase akka qoran ykn murtoo mataa isaanii akka godhan gargaaruuf gaaffiiwwanitti fayyadameera. (Maatewos 12:24-30; 17:24-27; 22:41-46) Geggeessitoonni amantii, Waaqayyo aangoo isaaf kennuu fi dhiisuu isaa yeroo isa gaafatanitti Yesuus, “Cuuphaan Yohaannis samii irraa moo nama biraa dhufe?” jedhee isaan gaafate. Isaanis gaaffii kanaan naʼanii, “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha? Garuu ijuma jabaannee, ‘Nama biraa ti’ jennuu laata?” waliin jedhan. “Taʼus, namoonni sun hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif namoota sana sodaatan.” Kanaaf, “Hin beeknu” jedhanii deebisaniif. (Maarqos 11:27-33; Maatewos 21:23-27) Yesuus gaaffii salphaa taʼe kanatti fayyadamee, waan dubbatan isaan dhabsiiseera; akkasumas hamminni garaa isaanii akka ifa baʼu godheera.
13-15. Seenaan waaʼee nama Samaariyaa dubbatu, ogummaa Yesuus kan argisiisu akkamitti?
13 Yeroo tokko tokko Yesuus yommuu barsiisu gaaffiiwwan miira namaa kakaasan fakkeenyaa wajjin fayyadama ture. Namni seera beeku tokko jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu akka qabu yommuu isa gaafatetti, Yesuus Seera Musee isa Waaqayyoo fi nama akka jaallannu ajaju caqaseef. Namichis qajeelaa taʼuu isaa argisiisuu waan barbaadeef, “Nama isa kam?” jedhee gaafate. Yesuus seenaa tokko itti himuudhaan gaaffii isaatiif deebii kenne. Namni Yihudii tokko kophaa isaa karaa deemaa utuu jiruu saamtonni isa reebanii duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. Yihudoonni lama, jechuunis lubni tokkoo fi gosti Lewwii tokko achiin darbaa turan. Garuu lamaanuu irraa goranii darban. Sana booda namni Samaariyaa tokko ni dhufe. Namni kun garuu waan isaaf gaddeef, madaa isaatti qoricha godhee erga hidheefii booda gara mana keessummoonni keessa buufatanitti isa geesse. Dhuma irrattis Yesuus, “Egaa, namoota sadan kana keessaa, namicha saamtota harka buʼe kana akka ofii isaatti akka jaallatu kan argisiise isa kam sitti fakkaata?” jedhee namicha gaafachuudhaan seenaa kana xumure. Namichis, “Isa namichatti gara laafina argisiise sana dha” jedhee deebise.—Luqaas 10:25-37.
14 Seenaan kun ogummaa Yesuus qabu kan argisiisu akkamitti? Bara sanatti Yihudoonni jechi as irratti “nama” jedhame warra aadaa isaanii hordofan qofa akka argisiisutti yaadu turan; kun immoo warra Samaariyaa akka hin dabalanne beekamaa dha. (Yohaannis 4:9) Seenaa Yesuus dubbate kana irratti, kan miidhame nama Samaariyaa, kan isa gargaare immoo nama Yihudii utuu taʼee, seenaan kun Yihudoonni jibba warra sanyii isaanii hin taaneef qaban akka dhiisan gochuu dandaʼa turee? Yesuus kana tilmaama keessa galchuudhaan, seenaan kun namichi Samaariyaa sun nama Yihudii sana gara laafinaan akka kunuunse akka ibsu godheera. Namichi seera beeku sun yaada nama akka ofii keetti jaalladhu jedhu akka hubatu isa gargaaruuf gaaffii Yesuus dhuma seenaa sanaa irratti gaafate qalbeeffadhu. Gaaffiin namichi kun gaafachuu barbaade, ‘Namni ani jaallachuu qabu eenyu?’ kan jedhu ture. Yesuus garuu, “Namoota sadan kana keessaa, namicha saamtota harka buʼe kana akka ofii isaatti akka jaallatu kan argisiise isa kam sitti fakkaata?” jedhee gaafate. Kanaaf, Yesuus nama miidhamee fi gargaarsi godhameef irratti utuu hin taʼin, nama Samaariyaa isa gaarummaa argisiise irratti xiyyeeffate. Namni gaariin tokko, warri kaan sanyiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe dursa fudhatee jaalala isaanitti argisiisa. Yesuus, yaada kana karaa buʼa qabeessa taʼeen dabarsuuf mala gaariitti fayyadameera.
15 Maarree, namoonni “akkaataa inni itti barsiise” dinqisiifannaadhaan dhaggeeffachuun isaanii nama ajaaʼibsiisaa? (Maatewos 7:28, 29) Yeroo tokko, “namoonni hedduun” nyaata illee utuu hin nyaatin guyyaa sadiif isa biraa turaniiru!—Maarqos 8:1, 2.
Akkaataa Jireenyaa Isaa
16. Yesuus ogummaa Waaqayyootiin akka geggeeffamu kan ‘argisiise’ akkamitti?
16 Karaan inni sadaffaan Yesuus ogummaa Yihowaa itti mulʼise akkaataa jireenyaa isaatiini. Ogummaan, wanta hojii irra ooluu dandaʼuu fi buʼaa argamsiisuu dha. Yaaqoob inni barataa Yesuus ture, “Isin keessaa ogeessi . . . eenyu?” jedhee erga gaafatee booda, “Inni . . . amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu” jechuudhaan gaaffii gaafateef ofuma isaatii deebii kenneera. (Yaaqoob 3:13) Yesuus ogummaa Waaqayyootiin akka geggeeffamu amala isaatiin ‘argisiiseera.’ Mee Yesuus akkaataa jireenyaa isaatiinis taʼe walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabuun ilaalcha madaalamaa qabaachuu isaa kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
17. Yesuus ilaalcha madaalamaa akka qabu jireenya isaatiin kan argisiise akkamitti?
17 Namoonni ilaalcha madaalamaa hin qabne yeroo baayʼee wanta sirrii hin taane akka raawwatan hubatteettaa? Dhugaadha, ilaalcha madaalamaa qabaachuun ogummaa gaafata. Yesuus ogummaa Waaqayyoo waan qabuuf, ilaalcha madaalamaa qaba ture. Jireenya isaa keessatti waan hunda caalaa wantoota hafuuraatiif dursa kenneera. Misiraachicha lallabuu irratti guutummaatti qabamee ture. Kanaafuu, “Ani kanaafan dhufe” jechuu dandaʼeera. (Maarqos 1:38) Qabeenya argachuu irratti waan hin xiyyeeffanneef, qabeenya baayʼee hin qabu ture. (Maatewos 8:20) Taʼus monoksee hin turre. Yesuus akkuma Abbaa isaa isa “Waaqa gammadaa” taʼee gammachuu kan qabuu fi warra kaanis kan gammachiisu ture. (1 Ximotewos 1:11; 6:15) Cidha inni affeerame irratti yeroo namoonni sirban, shubbisanii fi gammadan, gammachuu dhabee achi taaʼaa hin turre. Yommuu daadhiin wayinii dhumetti, bishaan gara daadhii wayinii baʼeessa taʼee fi ‘garaa namaa gammachiisutti’ jijjiireera. (Faarfannaa 104:15; Yohaannis 2:1-11) Yesuus affeerriiwwan nyaataa irratti kan argame yeroo taʼu, yeroo baayʼee carraawwan kanatti fayyadamee namoota ni barsiisa ture.—Luqaas 10:38-42; 14:1-6.
18. Yesuus akkaataa barattoota isaa itti qabeen ilaalcha madaalamaa akka qabu kan argisiise akkamitti?
18 Yesuus akkaataa namoota itti qabuunis ilaalcha madaalamaa akka qabu argisiiseera. Uumama ilmaan namootaa akka gaariitti beekuun isaa, barattoota isaatiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatu isa gargaareera. Namoonni kun mudaa akka qaban kan beeku taʼus, amala gaarii isaan qaban hubateera. Namoonni Yihowaan ofitti harkise kun namoota akkamii akka taʼan beeka. (Yohaannis 6:44) Dadhabina kan qaban taʼus, isaan amana ture. Kanas itti gaafatamummaa guddaa isaaniif kennuudhaan argisiiseera. Misiraachicha akka lallaban kan isaan ajaje yeroo taʼu, hojii kana raawwachuu akka dandaʼanis ni amana ture. (Maatewos 28:19, 20) Kitaabni Hojii Ergamootaa, duuka buutonni isaa hojii inni isaan ajaje amanamummaadhaan akka hojjetan nuu mirkaneessa. (Hojii Ergamootaa 2:41, 42; 4:33; 5:27-32) Dhuguma iyyuu Yesuus isaan amanuun isaa sirrii ture.
19. Yesuus ‘garraamii fi kan gad of qabu’ taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?
19 Akkuma Boqonnaa 20 irratti ilaalle, Kitaabni Qulqulluun gad of qabuu fi garraamummaa ogummaa wajjin wal qabsiisee ibsa. Yihowaan gama kanaan fakkeenya hunda irra caalu nuu taʼa. Yesuus hoo? Innis akkaataa barattoota isaa itti qabeen, akka gad of qabe beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Nama mudaa hin qabne waan taʼeef barattoota isaa irra kan caalu ture. Taʼus, isaan hin tuffanne. Gad aanoo akka taʼan ykn gaʼumsa akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu hin goone. Kanaa mannaa, humni isaanii kan daangeffame taʼuu isaa tilmaama keessa galchuudhaan, dogoggora isaanii obsaan isaaniif darbeera. (Maarqos 14:34-38; Yohaannis 16:12) Ijoolleen xixinnoon illee Yesuusii wajjin yommuu taʼan gammaduun isaanii nama hin dinqisiisuu? Ijoollee xixinnoon isaatti kan dhihaatan inni, ‘garraamii fi kan gad of qabu’ taʼuu isaa waan hubataniif akka ture beekamaa dha.—Maatewos 11:29; Maarqos 10:13-16.
20. Dubartii saboota kaan keessaa dhuftee fi intalli ishii jinniidhaan qabamtee wajjin haala wal qabateen Yesuus yaada isaatti akka hin cichine kan argisiise akkamitti?
20 Yesuus karaa barbaachisaa taʼe kan biraatiinis akka gad of qabu argisiiseera. Yommuu araara argisiisuun barbaachisaa taʼutti sababa qabeessa ykn yaada isaatti kan hin cichine ture. Fakkeenyaaf, yeroo dubartiin saboota kaan keessaa dhufte tokko intala ishii jinniidhaan qabamte akka ishiif fayyisu isa kadhatte maal akka godhe ilaali. Yesuus ishii gargaaruu akka hin dandeenye jalqaba irratti karaa adda addaa sadiin ishiidhaaf ibse: Tokkoffaa, deebii ishiif kennuu dhiisuudhaan, lammaffaa, kan ergame saboota kaaniif utuu hin taʼin, Yihudootaaf akka taʼe kallattiidhaan dubbachuudhaan, sadaffaa immoo, fakkeenya dhimma kana ifa godhu gaarummaadhaan itti himuudhaani. Dubartittiin garuu isa kadhachuu ishii ittuma fufuudhaan, amantii guddaa akka qabdu argisiisteetti. Yesuus haala adda taʼe kana tilmaama keessa galchuudhaan maal godhe? Wantuma akka hin goone dubbatee ture sana godhe. Intala dubartii sanaa fayyise. (Maatewos 15:21-28) Kun kan gad of qabu taʼuu isaa kan argisiisu mitii? Gad of qabuun immoo madda ogummaa dhugaa akka taʼe yaadadhu.
21. Amala, dubbii fi gocha Yesuus hordofuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?
21 Wangeelonni, dubbii fi gocha nama namoota hamma yoonaatti jiraatan hunda caalaa ogeessa taʼe kanaa kan nuu ibsan taʼuu isaaniitti baayʼee galateeffanna! Yesuus amala Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqise haa yaadannu. Nutis amala, dubbii fi gocha Yesuus hordofuudhaan ogummaa ol gubbaadhaa dhufu horachuu dandeenya. Boqonnaa itti aanu irratti, jireenya keenya keessatti ogummaa Waaqayyoo akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu ilaalla.
a Bara duriitti, anaaxonni mana ijaaru, akkasumas miʼa manaa fi meeshaawwan qotiisaa hojjetu turan. Jastiin Wareegamtichi inni Dh.K.B. jaarraa lammaffaa keessa jiraate, Yesuusiin ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “Inni yeroo lafa irra jiraachaa turetti anaaxii taʼuudhaan gindii fi waanjoo hojjeta ture.”
b Gochimni afaan Giriikii “yaaddaʼuu” jedhamee hiikame, “yaada hihhirame qabaachuu” jechuu dha. Akka Maatewos 6:25 irratti ibsametti, jechi kun sodaa sammuu keenya jeequu fi yaada keenya hihhiruudhaan gammachuu nu dhabsiisu argisiisa.
c Garmalee yaaddaʼuu fi dhiphinni, dhukkuba onnee fi dhukkuboota umurii namaa gabaabsan kaaniif nu saaxiluu akka dandaʼan qorannoowwan saayinsii ni argisiisu.