‘Nagaa Akka Lagaa Yaaʼu’
Buufadhu:
1. Rakkina hedduudhaan marfamneerra,
Shakkiif yaaddoodhaan burjaajofneerra,
Hundi keenyayyuu ni dhiphanna,
Yoo kadhanne nagaa arganna.
(BUUSAA)
Ni yaaʼa akkuma lagaa
Nageenyi ni dagaaga
Ni yaaʼa ʼkka lagaa,
Barabaraaf ni jiraata, Waaqni nuu laata
Boqonnaa guddaa arganna, abdiis ni qabaanna.
2. Waan keessa kootii dhangalaasee
Yihowaatti himadhee yoom na qaanesse
Nagaaf boqonnaa naaf kenna inni.
Yoomuu na jaallata Waaqni.
(BUUSAA)
Ni yaaʼa akkuma lagaa
Nageenyi ni dagaaga
Ni yaaʼa ʼkka lagaa,
Barabaraaf ni jiraata, Waaqni nuu laata
Boqonnaa guddaa arganna, abdiis ni qabaanna.
(BUUSAA)
Ni yaaʼa akkuma lagaa
Nageenyi ni dagaaga
Ni yaaʼa ʼkka lagaa,
Barabaraaf ni jiraata, Waaqni nuu laata
Boqonnaa guddaa arganna, abdiis ni qabaanna.