Yihowaadhaaf Ufina Kennaa
Buufadhu:
1. Eenyuma siin kan qixxaatu
Ol gubbaa samii keessaa?
Na jaallatteetta Yihowaa
Maaloo maalan siif deebisa?
Gara samii yommuun ʼlaalu,
Simboo keetu mulʼata.
An eenyu taanaan, Yihowaa,
Faara tolaadhaan na ʼlaalta?
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa, ati Waaqa kooti.
Wantʼ hundumtuu kan keeti.
Si jajachuun anaaf aarsaa kooti
Kunoo sii fideen jira
Na ʼrkaa fudhu adaraa.
2. Jireenya koo siif kenneera.
Si malee maalan qaba?
Dubbii afaan kootii hundaan
Ulfina kee nan lallaba.
Naaf ulfina yaa Yihowaa,
Waaqa guddaaf hojjechuun.
Kunoo baayʼee na boonseera.
Waaqa akka kee qabaachuun.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa, ati Waaqa kooti.
W antʼ hundumtuu kan keeti.
Si jajachuun anaaf aarsaa kooti
Kunoo sii fideen jira
Na ʼrkaa fudhu adaraa.
3. Sululliif galaanni guddaan
Addeessi, uurjiif aduun
Keessa koo gammachuun guutu
Jaalala kees ni dubbatu.
Ulfinniif ogummaan hundi
Kan kee taʼuu lallabu.
Maddi isaanii si bira,
Kanaaf kabajni siif mala!
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa ati Waaqa kooti.
Wantʼ hundumtuu kan keeti.
Si jajachuun anaaf aarsaa kooti
Kunoo sii fideen jira,
Na ʼrkaa fudhu adaraa.
(Dabalataanis Far. 96:1-10; 148:3, 7 ilaali.)