FAARFANNAA 103
Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan
-
1. Yihowaan nu gargaaruu yaadee
Tiksitoota muude.
Fakkeenya taʼuudhaan barsiisu;
Karaa nu qabsiisu.
(BUUSAA)
Dhiirota kennaa taʼan kana,
Guutummaatti amanna.
Hoolotasaatiif of eeggatu;
Isaan jaallachuu qabna.
-
2. Miira keenyaafis baayʼee yaadu;
Jaalalaan nu tiksu.
Yeroo miidhamnu nu fayyisu;
Jechaanis nu cimsu.
(BUUSAA)
Dhiirota kennaa taʼan kana,
Guutummaatti amanna.
Hoolotasaatiif of eeggatu;
Isaan jaallachuu qabna.
-
3. Karaa Waaqaarraa akkaʼn gorre,
Gorsasaa nuuf kennu;
Guyyaa hunda akka fedhasaa,
Akka deddeebinu.
(BUUSAA)
Dhiirota kennaa taʼan kana,
Guutummaatti amanna.
Hoolotasaatiif of eeggatu;
Isaan jaallachuu qabna.
(Dabalataan, Isa. 32:1, 2; Er. 3:15; Yoh. 21:15-17; HoE. 20:28 ilaali.)