BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Gargaarsa Yeroo Balaa Bara 2023—“Jaalala Yihowaa . . . Jireenya Keenya Keessatti Argineerra”
AMAJJII 26, 2024
Kitaabni Qulqulluun, ‘sabni saba irratti akka kaʼuu’ fi “dhuma sirna kanaa” keessatti balaan uumamaa akka gaʼu raajii dubbateera. (Maatewos 24:3, 7) Waggaa tajaajilaa 2023tti a raajiin dubbatame kun yommuu raawwatamu argineerra. Walitti buʼiinsa loltoota meeshaa hidhatanii fi balaawwan uumamaa gara biyyoota 100 irratti miidhaa kan geessisan taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma Waaqa isaanii jaalala akka qaban argisiisaniiru. Akkamitti?
Waggaa tajaajilaa 2023tti, obboloonni keenya 200 ol taʼan balaa uumamaa ykn nam tolchee taʼeen miidhaan isaan irra gaʼeera. Walumaa galatti, jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa inni seera qabeessa taʼe, buusii maallaqaa addunyaa maratti godhamu irraa gargaarsa yeroo balaatiif doolaara b miliyoona kudhanii ol baaseera. Kun maallaqa dhuunfaa obboloonnii fi obboleettonni fedhiidhaan naannoo isaanitti buusii godhan utuu hin dabalatinidha. Buusiin gootan balaawwan uumamaa hedduu obboloota keenya irra miidhaa geessisan gargaaruuf oole keessaa lamaan isaa qofa ilaalla.
“Dhugumaan Jaalalli Dhugaan Jira”
Naannoowwan Naayijeeriyaa tokko tokko yeroo hundumaa waqtiilee wajjin wal qabatee lolaa cimaan isaan mudata. Haa taʼu malee, lolaa cimaan Onkoloolessa 2022 gaʼe biyyattii irra miidhaa waggaa kudhan keessatti mudate caalaa miidhaa guddaa geesseera. Midhaan hektaara 676,000 ol taʼe mancaaseera, namoonni miliyoona lamaa ol taʼanis qeʼee isaanii irraa akka buqqaʼan godheera. Waajjirri damee Naayijeeriyaa hojii gargaarsaa kennuu fi obboloota jajjabeessuuf yeruma sana Koreewwan Gargaarsa Yeroo Balaa hundeesseera.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Babalʼistoonni 7,505 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru
Manneen 860 miidhamaniiru ykn diigamaniiru
Galmawwan Walgaʼii 90 fi Galma Walgaʼii Guguddaa tokko keessa lolaan guuteera
Maallaqa Buusii Godhametti Fayyadamuu
Hojii gargaarsaatiif doolaara 250,000 ol baasneerra; wantoonni bitaman kan armaan gadii dabalatu:
Nyaatawwan akka ruuzii, boloqqee fi nuudilii jiran
Miʼawwan manaa akka firaashii fi agoobara
Manneen miidhaman suphuu ykn deebisanii ijaaruu
Obboloonni keenya maallaqni buusiidhaan argame sirriitti faayidaa irra ooluu isaa akkamitti mirkaneeffatu? Karaan inni tokko, tokkoon tokkoo gamoo suphamuu qabu murteessuuf of eeggannoodhaan qoruudhaani. Gamoon sun guutummaatti ijaaramuu kan qabu yoo taʼe, diizaayinii salphaa naannoo sanatti baramaa taʼetti fayyadamanii ijaaru.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya gargaarsa isaanii godhameef baayʼee galateeffatu. Obboleettiin tokko akkana jetteetti: “Lolaan bakka qonnaa keenya hunda balleesseera; mana keenyas waan dhabneef, jireenyi keenya jeeqameera. Obboloonnii fi obboleettonni keenya guyyuma sana nu gargaaruu fi bakka balaan hin jirre nu qubachiisuuf waan dhufaniif ni tasgabboofne. Yeroo waajjira damee irraa nyaanni nuuf ergamummoo boqonnaa guddaa arganne. Jireenya keenya keessatti Yohaannis 13:34, 35 yommuu raawwatamu ijuma keenyaan yommuu arginu waan jennu wallaalle. . . . Jaalalli dhugaan dhugumaan jira. Anii fi guutummaan maatii keenyaa, obboloota yeroo gargaarsi nu barbaachisutti nu gargaaruu dhufan garaadhaa isaan galateeffachuu barbaanna.”
Namoonni hawaasicha keessa jiranis hojii gargaarsaa keenya hubataniiru. Geggeessaan hawaasaa Sabaagreyaa, Baayalsi Isteet akkana jedhaniiru: “Addunyaa irra jaarmiyaawwan ykn waldaaleen hedduun jiru; wanta akkasii kan raawwatan garuu Dhugaa Baatota Yihowaa qofadha. . . . Jaarmiyaan [keessan] jaarmiyaalee baayʼee gaarii addunyaa irra jiran keessaa isa tokkodha.”
“Jaalala Yihowaa . . . Jireenya Keenya Keessatti Argineerra”
Guraandhala 2023, Chiiliitti balaan ibiddaa 400 ol taʼu miidhaa guddaa geessiseera. Lafti hektaara 430,000 ol taʼu, buʼuuraalee misoomaa guguddaa Chiilii wajjin barbadaaʼeera. Tilmaamaan namoonni 8,000 taʼan naannoo sana gadhiisanii akka baʼan taasifameera. Balaan uumamaa sun gaʼee utuma baayʼee hin turin, waajjirri damee hojii gargaarsaa qindeessuu eegale.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Babalʼistoonni 222 naannoo isaanii gadhiisanii akka baʼan godhameera
Manneen 20 barbadaaʼaniiru
Maallaqni Buusii Godhame Wantoota Armaan Gadii Bituuf Ooleera
Doolaarri 200,000 hojii gargaarsaatiif ooleera; wantoota armaan gadii dabalatee wantoota adda addaa bituuf ooleera:
Nyaataa fi bishaan
Bobaʼaa, miʼoota qulqullinaa fi qoricha
Manneen miidhaa guddaan irra gaʼe deebisanii ijaaruuf
Maatiin tokko mana isaanii fi daldala isaanii dabalatee, wanti qaban hundi jalaa baduun isaa baayʼee isaan naasisee ture. Kunimmoo maatichi wanta ittiin jiraatu akka dhabu godheera. Guyyoota muraasa jalqabaatti maatichi bakka manni isaanii ture ilaaluun baayʼee isaan gaddisiisee ture. Manni isaanii yeroo deebiʼee ijaaramuu jalqabu garuu suutuma suuta sodaan isaanii hirʼachaa dhufe. Obboloota jaalala guddaadhaan isaan gargaaraa jiran arguun isaanii sodaa isaanii akka dandamatan isaan gargaareera. Maatiin kun muuxannoo kanaan kakaʼanii, obboloota fedhiidhaan of dhiheessanii wajjin manni obboleessa kan biraa tokko yommuu ijaaramu gargaaraniiru.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun hojii gargaarsaa kanaan garaan isaanii tuqameera. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Yihowaan qophiin Koree Gargaarsa Yeroo Balaa akka jiraatu gochuun isaa baayʼee nama dinqisiisa. Balaan sun gaʼee guyyaa itti aanu, miʼawwan buʼuuraa bakka balaan sun itti uumame gaʼee ture. Seenaa gargaarsa yeroo balaa kutaa addunyaa kan biraatti raawwatame dubbisuun baayʼee nama jajjabeessa. Isin irra yommuu gaʼu garuu haalli isaa baayʼee addadha. Jaarmiyicha, obboloota amalawwan Yihowaa calaqqisiisaa jiran, akkasumas wanta karaa qaamaa, karaa hafuuraa fi karaa miiraa nu barbaachisu guutuun hangam akka isaan yaaddessu caalaatti dinqisiifattu. Jaalala Yihowaa isa hojiidhaan deggerame jireenya keenya keessatti argineerra.”
Sirni kun gara xumuraatti dhihaachaa yommuu deemu balaawwan uumamaa hedduu arguu keenya ittuma fufna. (Luqaas 21:10, 11) Haa taʼu malee, Kiristoos Yesuus, Mootiin keenya inni jaalala qabeessi gumii Kiristiyaanaatti fayyadamee, “hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa” nuu wajjin akka taʼu ni hubanna. (Maatewos 28:20) Yeroo fi humna keessan dabalatee, buusiin isin hojii addunyaa maraatiif karaa donate.dan124.com fi karaawwan kan biroo arjummaadhaan gootan, Mootummichaa fi Mootii isaa isa jaalala qabeessa akka deggertan argisiisa. Arjummaa argisiisuu keessan waan itti fuftaniif guddaa isin galateeffanna.