DAMMAQINAAN EEGAA!
Armaagedoon Israaʼelitti Jalqabaa?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Kitaabni Qulqulluun Armaagedoon waraana naannoo tokkotti geggeeffamu utuu hin taʼin, waraana addunyaa maraa mootummoota ilmaan namootaa hundaa fi Waaqayyo gidduutti geggeeffamu akka taʼe dubbata.
“Jechoota geggeessaa hafuura jinniiwwaniitiin dubbataman siʼa taʼan, . . . isaan gara waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti godhamutti walitti isaan qabuuf, gara mootota guutummaa lafaatti baʼu. . . . Isaanis gara bakka Afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.”—Mulʼata 16:14, 16.
Jechi “Armaagedoon” jedhu jecha Afaan Ibrootaa Har Magidoon jedhu irraa kan fudhatame yeroo taʼu, hiikni isaa “Gaara Megidoo” jechuudha. Megidoon magaalaa Israaʼel durii keessa turte dha. Kanaan kan kaʼes, namoonni tokko tokko waraanni Armaagedoon Israaʼel keessatti geggeeffama jedhanii yaadu. Haa taʼu malee, naannoon Megidoos taʼe naannoo kan biraan Baha Giddu Galeessatti argamu kamiyyuu “mootota guutummaa lafaa” fi raayyaa waraanaa isaanii qabachuu hin dandaʼu.
Kitaabni Mulʼataa “mallattoowwaniin” ykn fakkeenyaan barreeffame. (Mulʼata 1:1) Armaagedoon kallattiidhaan iddoo tokko kan argisiisu utuu hin taʼin, haala guutummaa addunyaarratti raawwatamuu fi mootummoonni yeroo dhumaatiif bulchiinsa Waaqayyoo mormuudhaan walitti qabamuu isaanii argisiisudha.—Mulʼata 19:11-16, 19-21.