DAMMAQINAAN EEGAA!
Naamusni Gaariin kan Bade Maaliifi?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Lakkoofsi namoota naamusa gaarii argisiisaa jiranii baayʼee xiqqaachaa dhufeera. Dhukkubsattoonni naamusa hin qabne doktarootatti iyyu; namoonni mana nyaataatti sooratan namoota isaan keessummeessan salphisu, namoonni xiyyaaraan imalanii fi naamusa hin qabne namoota isaan keessummeessan arrabsu, ijoolleen barsiisotasaaniitti qoosu, isaan doorsisu, akkasumas miidhaa isaanirraan geessisu; kana malees, namoonni siyaasaa naamusa gaarii akka qaban kan dubbatan taʼus, tokko tokko garuu gocha qaanessaa taʼe raawwatu.
Kitaabni Qulqulluun naamusa dhugumaan gaarii taʼe ilaalchisee qajeelfama amansiisaa nuu kenna. Yeroo harʼaatti naamusni namootaa kan mancaʼe maaliif akka taʼes ni ibsa.
Naamusni gaariin kan bade maaliifi?
Addunyaa maratti naamusni gaariin, jechuunis amalli gaariinii fi fudhatama qabu badaa jira.
Qorannaan dhiheenyatti geggeeffame tokko akka argisiisetti, namoonni Ameerikaa waggoottan 22n darban keessatti hamma yeroo kanaa naamusni jiraattota Yuunaayitid Isteetis mancaʼee akka hin beekne akka amanan ibseera.
Qorannaa kan biraa namoonni 32,000 ol taʼanii fi biyyoota 28 keessa jiraatan irratti hirmaatanirratti, dhibbeentaa 65 kan taʼan naamusni namootaa garmalee akka hammaate dubbataniiru.
Kitaabni Qulqulluun amala namoonni yeroo harʼaatti argisiisaa jiran ilaalchisee raajii dubbateera.
“Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, . . . gara jabeeyyii [fi] wanta gaarii kan hin jaallanne [taʼu].”—2 Ximotewos 3:1-3.
Raajiin kun raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti akka taʼe caalaatti barachuuf mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Wanta Namoonni Yeroo Harʼaa Jiran Yaadanii fi Godhan Raajii Dubbateeraa?” jedhu dubbisi
Naamusa gaarii ilaalchisee qajeelfama amansiisaa argachuu
Addunyaa naamusni namoota hedduu caalaatti itti mancaʼaa jiru kana keessatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Kitaabni Qulqulluun naamusa gaarii ilaalchisee qajeelfama amansiisaa akka kennu hubataniiru. Gorsi Kitaabni Qulqulluun naamusa ilaalchisee kennu, “ammas taʼe bara baraaf yeroo hundumaa [amansiisaa] dha.” (Faarfannaa 111:8) Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu:
Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.”—Maatewos 7:12.
Hiikasaa: Akkuma nuuf akka godhamu barbaannutti, namootatti gaarummaa fi kabaja argisiisuu qabna.
Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Gowwoomsaa of irraa baasnee waan gatneef, tokkoon tokkoon keessan dhugaa namatti dubbadhaa.”—Efesoon 4:25.
Hiikasaa: Wanta dubbannuunis taʼe goonuun amanamoo taʼuu qabna.
Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuuf mata dureewwan armaan gadii dubbisi:
Maxxansa Masaraa Eegumsaa “Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe—Adda Baafachuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu.
Mata duree, “Wal Dandaʼuu—Kitaabni Qulqulluun Obsa Argisiisuuf kan Gargaaru Akkamitti?” jedhu.