Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 29, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—Suuraawwan Addunyaa Maraa Walitti Qabaman

Obboloonni Keenya Addunyaa Mara Jiran Qaamaan Wal Irraa Fagaatanis, Dinqisiifannaa Walfakkaatu Qabu

Kabaja Ayyaana Yaadannoo 2020—Suuraawwan Addunyaa Maraa Walitti Qabaman

Ebla 7, 2020 yommuu aduun lixxutti, obboloonnii fi obboleettonni keenya addunyaa maratti argaman, Ayyaana Yaadannoo seena qabeessa taʼe kabajaniiru. Dhibee daddarbaan baayʼeen isaanii qaamaan akka walitti hin qabamne kan dhorke taʼus, hundi isaanii ajaja Yesuus, “kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jechuudhaan kenne raawwachuuf murteessanii turan. (Luqaas 22:19) Guutummaan obbolummaa, jechuunis warri kophaa jiraatan, hiriyoonni gaaʼelaa, maatiiwwan ijoollee qabanii fi maanguddoonni keenya jaallatamoon, Yihowaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos dinqisiifachuu irratti tokko taʼaniiru.

Suuraawwan armaan gadii obboloonnii fi obboleettonni keenya addunyaa mara irra jiran Ayyaana Yaadannoo 2020 kabajuuf yommuu qophaaʼanii fi yommuu kabajan argisiisan ilaalaa.