GURAANDHALA 9, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA
Obomboleettiin Aanaa Jedhamu Kibba Baha Afrikaatti Balaa Cimaa Geessise
Amajjii 24 hanga 25, 2022tti obomboleettiin lolaa, akkasumas qilleensa cimaa qabuu fi Aanaa jedhamu Maalaawwii fi Moozaambiik irra balaa cimaa geessise. Obomboleettiin kun namoota hedduu ajjeeseera, daandii diddiigeera, akkasumas manneen waan diigeef namoonni kumaan lakkaaʼaman qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Maalaawwii
Kan nama gaddisiisu, haati manaa obboleessa tokkoo ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanee fi ijoolleen isaanii lamaan warri umuriin isaanii 3 fi 5 taʼe yeroo dooniin isaan baraaruuf dhufe garagaletti bishaaniin liqimfamuudhaan duʼaniiru
Obboleettiin 1 fi intalli waggaa 7 warri ishii Dhugaa Baatota taʼan miidhaan isaan irra gaʼeera
Babalʼistoonni gara 1,000 taʼan qeʼee isaanii irra buqqaʼaniiru
Galmawwan Walgaʼii 2 irra miidhaan salphaan gaʼeera
Manneen gara 100 taʼan irra miidhaa cimaan gaʼeera
Yoo xiqqaate manneen gara 100 taʼan diigamaniiru
Moozaambiik
Obboloonnii fi obboleettonni duʼan hin jiran
Obboloota 2 irra miidhaan gaʼeera
Babalʼistoonni 381 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru
Galmawwan Walgaʼii 3 irra miidhaan salphaan gaʼeera
Galmawwan Walgaʼii 3 irra miidhaan cimaan gaʼeera
Galmawwan Walgaʼii 3 diigamaniiru
Manneen 51 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 96 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 79 diigamaniiru
Hojii Gargaarsaa
Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa biyyoota lamaanitti iyyuu hundeeffameera
Koreen gargaarsaa kun nyaata, bishaan dhugaatii qulqulluu fi gargaarsawwan kan biroo godheera
Hojiiwwan gargaarsaa hundi qajeelfama KOOVIID-19 ilaalchisee kenname hojii irra oolchuudhaan raawwataman
Yihowaan yeroo dhiphinaa kanatti obboloota keenya akka jabeessu ni amanna.—Faarfannaa 46:1.