Dhimma ijoo ta'etti seeni

ADOOLESSA 17, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

Waxabajjii 2024 Kitaabonni Qulqulluu Jaʼa Baʼaniiru 2024

Waxabajjii 2024 Kitaabonni Qulqulluu Jaʼa Baʼaniiru 2024

Guwadalup Kiriiʼol

Waxabajjii 9, 2024, miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Jeefrii Wiinder kitaabni Maatewosii fi Maarqos afaan Guwadalup Kiriiʼoliin akka baʼe beeksise. Kun haasaa xumuraa Walgaʼii Addaa 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu Baaye-Maahalt, Guwadalupitti godhame irratti kan ibsame ture. Namoonni 8,602 taʼan walgaʼicha irratti argamaniiru. Dabalataan immoo namoonni 5,588 viidiyoo konfiransiidhaan hordofaniiru. Namoonni walgaʼicha irratti argaman Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos isa maxxanfame argataniiru. Kitaabota haaraa kana lamaan jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun dandaʼamee ture.

Guwadalup keessa namoota 300,000 ol Faransaayitti immoo namoonni 200,000 taʼan afaan Guwadalup Kiriiʼol dubbatu. Yeroo harʼaa obboloonnii fi obboleettonni afaan Guwadalup Kiriiʼol dubbatan gara 3,300 taʼan gumiiwwan 42 Guwaadalup jiran keessatti, 80 kan taʼan immoo tuuta Faransaayi jiran 2 keessatti tajaajilaa jiru.

Armeeniyaa

Waxabajjii 28, 2024, Obboleessi Jeefrii Jaaksan inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffame afaan Armeeniyaatiin akka baʼe beeksise. a Beeksisni kun kan himame Walgaʼii Naannoo 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu guyyaa jalqabaa Armeeniyaatti naannoo Yereevaanitti dhihoo jiru tokkotti geggeeffame irratti ture. Namoonni 6,155 walgaʼicha irratti argamaniiru. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan Armeeniyaa inni haareffame kun jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun dandaʼamee ture. Bifa maxxansaatiin immoo 2024 keessa dhiheenyatti baʼa.

Kitaabni Qulqulluun afaan Armeniyaatiin yeroo jalqabaatiif hiikamee kan baʼe Dh.K. booda jaarraa shanaffaatti ture. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa guutuun isaa afaan Armeeniyaatiin jalqaba kan baʼe bara 2010 ture. Yeroo harʼaa, namoonni miliyoona sadii afaan Armeeniyaa dubbatan Armeeniyaa keessa kan jiraatan yommuu taʼu kana keessaa obboloonnii fi obboleettonni 10,550 taʼan gumiiwwan 117 keessatti tajaajilaa jiru. Dabalataan immoo obboloonnii fi obboleettonni 5,200 gumii fi tuuta afaan Armeeniyaa dubbatan Awurooppaa fi Yuunaayitid Isteetis jiraatan keessatti tajaajilaa jiru.

Faantee

Waxabajjii 28, 2024, Obboleessi Fireemaan Abii, inni miseensa Waajjira Damee Gaanaa taʼe kitaabni Maatewos afaan Faanteedhaan akka baʼe beeksise. Beeksisni kun kan himame Walgaʼii Naannoo 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu Galma Walgaʼii Guddaa Sekoondii Taakoraadi, Gaanaa keessatti godhame irratti ture. Obboloonnii fi obboleettonni 1,230 walgaʼicha irratti argamaniiru. Dabalataan immoo namoonni 2,022 viidiyoo konfiransiidhaan hordofaniiru. Namoonni walgaʼicha irratti argaman Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos isa maxxanfame argataniiru. Kitaaba haaraa kana jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun dandaʼamee ture.

Namoonni afaan Faantee dubbatan tilmaamaan miliyoona jaʼa taʼu. Gumiin afaan Faantee jalqabaa kan hundeeffame Fulbaana 1935 bakka yeroo harʼaa Sekoondi Taakoradii jedhamu keessatti dha. Yeroo harʼaa obbolootaa fi obboleettota afaan Faantee dubbatan 9,700 gumii 158 Gaanaa jiran keessatti tajaajilaa jiru.

Ayiislaandiik

Waxabajjii 28, 2024, Obboleessi Deevid Ispileen inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa guutuun isaa afaan Aayislaandiikiin akka baʼe beeksise. Beeksisni kun kan himame Walgaʼii Addaa 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu guyyaa jalqabaa Reeykijaaviik, Aayislaanditti geggeeffame irratti ture. Namoonni 1,312 walgaʼicha irratti argamaniiru. Namoonni walgaʼicha irratti argaman Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maxxanfame argataniiru. Kitaaba haaraa kana jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun dandaʼamee ture.

Bara 2019, obboloonnii fi obboleettonni keenya Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii Hiika Addunyaa Haaraa afaan Aayislaandiikiin argatanii turan. Obboloonnii fi obboleettonni 395 afaan Aayislaandiik dubbatan fi gumii shan keessatti tajaajilan, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guutuu isaa argachuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru; kun jiraattota odoolichaa 390,000 taʼaniif lallabuuf isaan gargaara.

Nyanigeelaa

Waxabajjii 28, 2024, miseensa Waajjira Damee Angoolaa kan taʼe Yohaannis Dii Jaager kitaabni Maatewos, Luqaasii fi Hojii Ergamootaa afaan Nyanigeelaatiin akka baʼe beeksise. Beeksisni kun kan himame Walgaʼii Naannoo 2024 ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu Manaanguwee, Angoolaatti geggeeffame irratti ture. Namoonni 450 walgaʼicha irratti argamaniiru. Namoonni walgaʼicha irratti argaman Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos isa maxxanfame argataniiru. Kitaabota haaraa kana sadan jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun dandaʼamee ture.

Angoolaatti namoonni afaan Nyanigeelaa dubbatan tilmaamaan miliyoona tokko taʼu. Gumiin afaan Nyanigeelaa jalqabaa bara 2011​tti hundeeffame. Yeroo harʼaa obboloonnii fi obboleettonni 260 gumii saddeetii fi tuuta afaanicha dubbatan akkasumas Angoolaa fi Naamiibiyaa jiru keessatti tajaajilu.

Nyigaberee

Waxabajjii 30, 2024, miseensa Waajjira Damee Giddu Galeessa Ameerikaa kan taʼe Obboleessi Kaarlos Maartineez Kitaaba Qulqulluu—Wangeela Maatewos afaan Nyigabereetiin akka baʼe sagantaa dursee waraabamee fi karaa Galma Walgaʼii Kostaa Rikaa fi Paanaamaa jiran hedduu keessatti darbe irratti beeksise. Namoonni 2,032 walgaʼii kana irratti argaman beeksisicha booda kitaaba Maatewos isa maxxanfame argataniiru. Kitaaba haaraa kana jw.org fi appilikeeshinii JW Library irraa yeruma sana buufachuun dandaʼamee ture.

Namoonni afaan Nyigaberee dubbatan tilmaamaan 216,000 yommuu taʼan baayʼinaan kan jiraatan Kostaa Rikaa fi Paanaamaa keessadha. Obboloonnii fi obboleettonni keenya biyyoota kana keessa jiraatanii fi afaanicha dubbatan 877, gumii 26 fi tuuta 2 keessatti tajaajilaa jiru.

a Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffamee fi Lixa Armeeniyaatti baʼe, afaan Armeeniyaa isa Bahatti dubbatamuu fi hawaasni diyaaspooraa hedduun dubbatu irraa adda dha.