AMAJJII 5, 2021
AZARBAAJAAN
Azarbaajaanitti Koreen Mirga Namummaa UN Murtoo Dhugaa Baatota Yihowaa Deggeru Murteesse
Muddee 15, 2020, Koreen Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii murtoo guguddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Azarbaajaan jiran deggeru lama murteesse. Dhimmi isaa himata Raahimaa Huseeynoovaa fi Azarbaajaan, akkasumas Saalaaddiin Maammadoov, Raashaad Niiftaaliyeev, Sadaagaat Abbaasoovaa fi Azarbaajaan gidduu ture kan ilaallatu dha. Koreen kun himata lamaan irratti iyyuu Mootummaan mirga Dhugaa Baatota Yihowaa akka sarbe murteesseera, fuuldurattis rakkinni akkasii akka hin uumamneef Azarbaajaan seera ishii akka fooyyessitu gaafateera.
Himanni Raahimaa Huseeynoovaa fi Azarbaajaan gidduu ture, obboleettii Raahimaa Huseeynoovaan waaʼee amantii ishii namootatti waan himteef poolisoonni Baakuu Muddee 2014 ishii hidhuu isaanii kan ilaallatu dha. Sana booda manni murtii koonyaa, Maanaatsii Azarbaajaan 1,500 ykn doolaara Ameerikaa 882 ishii adabe; sababiin isaas yeroo sanatti amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa Baakuutti seeraan hin galmoofne ture. a Murtoo kana irratti ol iyyannoon kan dhihaate taʼus, Manni Murtii Baakuu murtoo godhame jijjiiruu dide. Obboleettii Huseeynoovaan dhimma kana mana murtii addunyaatti dhiheessuuf murteessite.
Koreen Mirga Namummaa UN, Mootummaan Azarbaajaan Waliigaltee Mirga Namummaa fi Mirga Siyaasaa Addunyaa (CCPR) Lakkoofsa 18 (1) akka cabse murteesseera. Koreen kun Azarbaajaan kiisii gaʼaa akka kaffaltu gaafateera. Kan nama gammachiisu, dabalataanis Koreen kun ibsa barreeffamaan baase irratti Azarbaajaan, “seera, dambii fi hojimaata biyya ishii fooyyessuu dabalatee, mirgawwan seera [CCPR] keeyyata 18 jalatti ibsaman guutummaatti hojii irra akka oolan gochuudhaan, fuulduratti miidhaan akkasii akka hin geenye dhorkuuf tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuuf dirqamni akka irra jiru ibseera.”
Himanni Saalaaddiin Maammadoov, Raashaad Niiftaaliyeev, Sadaagaat Abbaasoovaa fi Azarbaajaan gidduu ture, obbolootaa fi obboleettota Gaanjaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf mana obboleessa Saalaaddiin Maammadoovitti walitti qabaman kan ilaallatu dha. Onkoloolessa 2014, poolisoonni walgaʼii xinnoo tokko weeraranii manicha sakattaʼuudhaan Kitaabota Qulqulluu fi miʼoota kan biroo fudhatan. Obboleessi Maammadoov, obboleessi Raashaad Niiftaaliyeevii fi obboleettiin teenya Sadaagaat Abbaasoovaan buufata poolisiitti geeffamanii saʼaatii jaʼaa oliif hidhaman. Guyyaa lama booda Mana Murtii Koonyaa Niizaamii isa magaalaa Gaanjaa jirutti waamaman. Manni murtichaa namoonni walgaʼicha irratti argaman akka waldaa amantiitti Gaanjaatti waan hin galmoofneef walgaʼichi seeraa ala akka taʼe murteesse. Kanaafuu, tokkoon tokkoon Dhugaa Baatota kanatti Maanaatsii Azarbaajaan 2,000 ykn doolaara Ameerikaa 1,176 akka adabaman itti murteesse. Obboloonnii fi obboleettonni Mana Murtii Ol Iyyannoo Gaanjaatti ol iyyannoo dhiheeffatan. Kan nama gaddisiisu garuu manni murtichaa murtoo dabarfamee ture hin jijjiirre. Achiis Koree Mirga Namummaa UNitti ol iyyannoo dhiheeffatan.
Koreen kun Azarbaajaan seera CCPR hedduu akka cabsitee fi Dhugaa Baatota sadan kiisuu akka qabdu hubate. Hunda caalaa immoo, yaada Koreen kun barreeffamaan baase irratti, “Manni Murtii Koonyaa hawwaasicha keessatti, mana dhuunfaatti walgaʼii amantii isaanii geggeessuuf Mootummaa biratti galmaaʼuun sababa itti barbaachise akka hin dubbanne” ibseera. Ibsi kun obboloonni keenya Azarbaajaan keessa jiraatan seeraan galmaaʼuun utuu isaan hin barbaachisin, walitti qabamanii waaqeffachuuf mirga akka qaban mirkaneesseera.
Koreen kun akkuma himata Raahimaa Huseeynoovaa ilaalchisee godhe, Azarbaajaan mirgawwan seera CCPR jalatti mirkanaaʼanii wajjin wal simsiisuuf “seera, dambii fi hojimaata ishii” irratti fooyyaʼiinsa akka gootu gaafateera.
Kan nama gammachiisu, haalli Azarbaajaan fooyyaʼaa kan jiru yoo taʼu, waggoota dhihoodhaa asitti qondaaltonni mirga waaqeffannaa obboloota keenyaa sarbaa hin jiran. Murtoon kun lamaan Azarbaajaanitti misiraachichi caalaatti seera duratti fudhatama akka argatu akka godhan ni abdanna.—Filiphisiyus 1:7.
a Sadaasa 2018, Azarbaajaan Dhugaa Baatonni Yihowaa Baakuutti guutummaatti seeraan akka galmaaʼan gooteetti