HAGAYYA 5, 2024
FILIPPIINSI
Obomboleettiin Gaamii Naannoo Filippiinsi Hedduutti Lolaa Uume
Xumura jiʼa Adoolessaa 2024, Obomboleettiin Gaamii a jedhamu baha galaana Paasifiik irratti uumamee ture. Obomboleettiin hamaan kun Filippiinsiin rukutuu baatus, bokkaa cimaan akka roobu godheera, naannoo hedduutti miidhaa cimaa fideera, lolaa cimaa uumeera, magaalaa guddittii Maanilaa fi naannoo ishiitti sigigaachuu lafaa geessiseera. Tilmaaman namoonni gara miliyoona 4.8 taʼan miidhamaniiru. Namoonni 600,000 ol taʼan qeʼeesaaniirraa buqqaʼaniiru, yoo xinnaate namoonni 39 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼe ykn kan miidhame hin jiru
Babalʼistoonni 155 naannoo sanaa akka baʼan kan godhame taʼus amma mana isaaniitti deebiʼaniiru
Manneen 2 guutummaatti badaniiru
Manneen 11 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 42 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galma Walgaʼii 11 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii Gargaarsaa
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 6 hundeeffamanii hojjechaa jiru
Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin naannoo sanaa obboloota lolaadhaan miidhaman irra gaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa barbaachisu gochaa jiru
Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf gargaarsa gochuudhaan ‘tasgabbii waan kennuuf’ ni galateeffanna akkasumas namoota miidhaan irra gaʼe hundaaf kadhachuu keenya itti fufna.—Isaayaas 33:6.
a Obomboleettiin kun Filippiinsitti Super Typhoon Carina jedhamee waamama.