SADAASA 12, 2020
FILIPPIINSI
Obomboleettiin Lama Kutaa Filippiinsi Garagaraa Rukute
Iddoo
Kibba Luuzoonii fi odoolawwan naannoo isaa jiran
Balaa
Onkoloolessa 25, 2020 Obomboleettiin Moolaavee, inni Filippiinsitti Kintaa jedhamu, bulchiinsa Albaay isa naannoo Biikoolii jiruu fi Luuzoon Filippiinsitti argamu rukuteera. Obomboleettiin humna guddaa qabu kun sana booda, odoola Luuzoon rukutuu isaa itti fufeera
Sadaasa 1, 2020 Obomboleettii cimaan Goonii, Filippiinsitti immoo Roolii jedhamu Kaataanduunis odoola kan biraa naannoo Biikoolii jiruu fi Luuzoonitti argamu rukuteera. Obomboleettii garee 5ffaatti ramadamu kun sana booda bulchiinsota kan biroo, warra duraan Obomboleettii Moolaaveetiin rukutaman miidheera
Obomboleettiiwwan lamaan kun bokkaa fi qilleensa cimaa fiduudhaan lolaa guddaan akka uumamuu fi ibsaa fi bishaan akka badu godheera. Iddoowwan kana baayʼee isaanii amma iyyuu bilbilaan ykn intarneetiidhaan wal qunnamuun hin dandaʼamu
Bokkaa cimaan kun Gaara Maayoon irra dhoqqee cimaan akka gad buʼu kan godhe siʼa taʼu, kunis manneen hedduu naannoo gaarichaa jiran irratti miidhaa geessiseera
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Babalʼistoonni dhibbaan lakkaaʼaman iddoo isaanii dhiisanii deemaniiru ykn iddoo isaaniitii baafamaniiru
Obboleettiin waggaa 89 tokko yeroo mana ishii isa guutummaatti mancaʼe keessaa baafamtu miidhaa xinnoon irra gaʼeera
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen 134 fi Galma Walgaʼii 8 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Manneen 75 fi Galma Walgaʼii 8 irra miidhaa guddaan gaʼeera
Manneen 101 fi Galmi Walgaʼii 1 guutummaatti mancaʼaniiru
Hojii gargaarsaa
Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa wajjin taʼuudhaan obboloonni nyaata, bishaan, manaa fi wantoota barbaachisoo kan biroo akka argatan gochaa jiru. Obboloonni keenya qajeelfama COVID-19 utuu hordofanii gargaarsaa fi jajjabina kennaa jiru
Obboloota keenya balaa uumamaa cimaa kanaan miidhamaniif kadhachuu keenya itti fufna. Yeroo rakkisaa kanatti Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf, “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” taʼuu isaa akka itti fufu beekna.—2 Qorontos 1:3