SADAASA 17, 2023 | ODUU HAAREFFAME: MUDDEE 8, 2023
HINDII
ODUU HAAREFFAME—Lakkoofsi Namoota Hindiitti Boombii Dhukaʼeen Duʼanii Gara Saddeetitti Ol Guddateera
Sanbadduraa, Muddee 2, 2023, obboleessi keenya umuriinsaa waggaa 76 taʼe miidhaa dhoʼiinsa Keeriilaa, Hindiitti gaʼe isarraan geessiseen kan kaʼe duʼeera. Obboleessi kun jaarsa gumii fi qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajilaa ture. Kamisa Muddee 7 guyyaa shan boodammoo, haati manasaa ishiin qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajilaa turtes miidhaa dhoʼinsi gaʼe ishiirraan geessiseen duuteetti. Walumaagalatti gocha hamaa kanaan kan kaʼe obboloonnii fi obboleettonni keenya saddeet duʼaniiru.
Dilbata, Onkoloolessa 29, 2023, boombiin walgaʼiin naannoo Keeriilaa, Hindiitti utuu geggeeffamaa jiruu dhukaʼee ture. Kan nama gaddisiisu, namoota sadii akka duʼan kanaan dura gabaafame malees, obboleessi tokkoo fi obboleettonni lama balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru. Isaan keessaa lama haadhaa fi obboleessa intala umurii waggaa 12 kanaan dura akka duute gabaafameti. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni 11 amma iyyuu mana yaalaa ciisanii jiru.
Jajjabina guddaa obbolootaa fi obboleettota balaa kanaan miidhaman barbaachisu kennuuf, waajjirri damee Hiindii Sadaasa 4, 2023 walgaʼii addaa akka qindeeffamu qophii gochuuf heyyama argateera. Obboloonnii fi obboleettonni gumiiwwan 21 keessatti argamanii fi yeroo dhukaasni sun uumametti walgaʼii naannoo sana irra turan walgaʼii addaa kana irratti akka hirmaatan affeeramanii turan. Sagantichi Galma Walgaʼii naannoo sanaatti kan geggeeffame yommuu taʼu, namoonni gara 200 taʼan argamaniiru. Dabalataan immoo karaa viidiyoo konfiransii namoonni 1,300 taʼan walgaʼicha kan hordofan yommuu taʼu, warra mana yaalaa ciisanii jiraniifis sagantichi waraabamee kennameera. Jaarsi gumii waajjira damee keessa jiru tokko Faarfannaa 23:1 caqasuudhaan, Yihowaa tokkoon tokkoo tajaajiltoota isaatiif dhuunfaatti akka yaadu yommuu ibsu akkana jedheera: “Caqasa kana irratti, faarfatichi Yihowaa tikseedha ykn tiksee baayʼee gaariidha hin jenne. Faarfatichi Yihowaa ‘tiksee koo’ jedhee waameera. Yihowaan dhuunfaatti tokkoon tokkoo keenyaaf akka yaadu beekuun guddaa nama jajjabeessa!”
Obboleessi yeroo dhukaʼiinsa sanaatti bakka sana ture, amma illee hirriba rafuun akka isa rakkise dhugaa isaa dubbateera. Taʼus obboloota amma iyyuu mana yaalaa ciisan gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheesseera. Akkana jedheera: “Amantii isaanii fi ilaalcha gaarii isaan qaban arguun koo wanta na yaaddessu akkan irraanfadhu na gargaareera. Miidhaa isaan irra gaʼee fi dhukkubbii isaanitti dhagaʼamu keessatti illee, hedduun isaanii gammachuudhaan faarfannaa Mootummichaa faarfachaa turan.” Obboleessi kan biraan immoo akkana jedheera: “Obboloonni keenya jaallatamoon kun sochii isaanii duriitti deebiʼuun yeroo dheeraa isaanitti fudhachuu dandaʼa. Taʼus, waldaan obbolummaa keenya jaalala guddaa isaanitti argisiisuu isaa akka itti fufu beeka. Waaqni keenya inni nuuf yaadu harka isaa isa humna guddaa qabuun harka tokkoon tokkoon isaanii akka qabu amanannaa qaba. Kun immoo baayʼee nama jajjabeessa!”
Maatii addunyaa maratti tokkummaa qabu waan taaneef, Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya Hindii ‘garaan isaanii cabe fayyisuu fi madaa isaanii isaaniif hidhuu’ isaa akka itti fufu beekuun keenya baayʼee kan nu jajjabeessu taʼuu isaa irra iyyuu nu tasgabbeessa.—Faarfannaa 147:3.