Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 15, 2020
PORTO RIIKOO

Kirkirri Lafaa Cimaan Porto Riikoo Miidhe

Kirkirri Lafaa Cimaan Porto Riikoo Miidhe

Gaafa Amajjii 7, 2020 kirkirri lafaa reektar iskeelii 6.4 taʼu Porto Riikoo kan rukute siʼa taʼu, sanatti aansuudhaan kirkirri lafaa xixiqqaan dhibbaan lakkaaʼamu biyyattii rukuteera. Amajjii 11 ganama kirkirri lafaa reektar iskeelii 5.9 taʼu odoola sana rukuteera.

Ibsaan jiraachuu baatus gumiin Kaastaaneer Laarzitti argamu yommuu walgaʼii godhatu

Namoonni naannoo kirkirri kun itti uumame jiraatan hedduun ibsaa kan hin qabne siʼa taʼu, waan sodaataniif manaa baʼanii ala jiraatu. Waajjirri damee Yunaayitid Isteetis obboloota keenya keessaa kan madaaʼe ykn kan duʼe akka hin jirre mirkaneesseera. Haa taʼu malee obboloonni 248 taʼan qaʼee isaaniitii buqqaʼaniiru. Dabalataanis manni babalʼistoota 8 kan diigame siʼa taʼu, manneen 70⁠ni immoo miidhamaniiru. Galmawwan Walgaʼii kudhanis miidhamaniiru. Koreen Gargaarsa Balaa Uumamaa daawwattoota ol aanaa aanaa naannoo sanaa wajjin taʼuudhaan hojii gargaarsaa qindeessaa, akkasumas babalʼistoota hubaman tiksaa jira.

Haalawwan rakkisoo taʼan kun yoo jiraatanis obboloonni keenya sochiiwwan hafuuraa isaanii itti fufaniiru. Waajjira damee Yunaayitid Isteetis keessatti qindeessaa Kutaa Sabqunnamtii kan taʼe obboleessi keenya Roobarti Hendiriiksi akkana jedheera: “Balaan akkanaa Porto Riikoo keessatti baramaa miti, kanaafuu kirkirri lafaa kun obbolootaa fi obboleettota keenya irratti dhiphina geessiseera. Haa taʼu malee, ilaalcha gaarii isaan qaban irraa jajjabina guddaa arganneerra. Ibsaa fi bishaan qabaachuu baatanis hamma isaaniif dandaʼametti walgaʼii godhachuu fi tajaajila irratti hirmaachuu isaanii itti fufaniiru. Jaarsoliin warra gargaarsi barbaachisu hundumaa gargaaruu fi jajjabeessuudhaan hojii guddaa hojjechaa jiru.”

Obboloonni hedduun kirkirri lafaa kan biraan akka isaan hin miine sodaatanii manaa baʼanii ala jiraachaa jiru

Obboloonni keenya balaa uumamaa akkanaa wajjin waldhaansoo utuma godhanii wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa qabaachuun isaanii nu jajjabeesseera. Yihowaan nagaa sammuu isaaniif kennuu isaa akka itti fufu ni kadhanna.—Faarfannaa 119:165.