ADOOLESSA 8, 2022
RAASHIYAA
Kadhannaa Irraa Jabina Argachuu
Manni Murtii Koonyaa Piyervoomooskii inni magaalaa Iizyefiskiitti argamu himata obboloota keenya Sargee Aashiikmiin, Maaksiim Darandiyaʼeevii fi Aleeksaandar Kuutiin irratti dhiheenyatti murtoo ni dabarsa. Hanga ammaatti abbaan alangaa wanta obboloota keenya irratti akka murteeffamu barbaadu hin beeksisne.
Chaartii Yeroo
Ebla 14, 2021
Namoota Tajaajila Nageenyaa Federaalaa irraa ergamaniin, yoo xinnaate manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 12 sakattaʼamaniiru. Saʼaatii torbaaf Sargee irratti qorannaan geggeeffameera. Maaksiimii fi Aleeksaandar qabamanii hidhamaniiru
Ebla 15, 2021
Maaksiimii fi Aleeksaandar mana hidhaa hamma murtiin kennamutti itti tursiisanitti ergamaniiru
Ebla 29, 2021
Aleeksaandar mana hidhaa hamma murtiin kennamutti itti tursiisan keessaa gadhiifame
Caamsaa 14, 2021
Aleeksaandar manaa akka hin baane dhorkame
Adoolessa 9, 2021
Maaksiim mana hidhaa hamma murtiin kennamutti itti tursiisan keessaa kan gadhiifame taʼus, manaa akka hin baane dhorkame
Bitootessa 14, 2022
Himanni yakkaa isa irratti dhihaachuu jalqabe
Ibsa Gabaabaa
Obboloonni keenya Yihowaa isa, “Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin” jechuudhaan waadaa galetti, amanamuudhaan jalʼina haqaa isaan mudatu dandamachaa jiru.—Isaayyaas 43:5.