ADOOLESSA 28, 2022
RAASHIYAA
Michoota Amanamoo Taʼan Irraa Deggersa Argateera
Manni Murtii Koonyaa Okitiyaabirskii inni Noovoosiibiiriski dhiheenyatti dhimma obboleessa keenya Aleeksaandar Sereyodkiin wajjin wal qabate irratti murtoo dabarsa. Abbaan alangaa murtoo akka isa irratti murtaaʼu barbaadu ilaalchisee hanga ammaatti homaa hin dubbanne.
Chaartii Yeroo
Ebla 19, 2019
Himanni yakkaa isa irratti baname
Ebla 21, 2019
Manaa akka hin baane dhorkame
Caamsaa 8, 2019
Maqaan isaa galmee namoonni shororkeessitoota taʼan irratti galmeeffamanitti dabalame
Bitootessa 2, 2022
Himanni yakkaa isa irratti baname qoratamuu jalqabe
Ibsa Gabaabaa
Obboloonnii fi obboleettonni keenya Yihowaan akka jajamuuf, “wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu” isaanii itti fufuun isaanii baayʼee nu gammachiisa.—1 Tasalonqee 5:11.