AMAJJII 13, 2022
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME | Amanannaan Yihowaarratti Qabu Obboleessi Keenya Yestigneev Amanamaa Akka Taʼu Isa Gargaareera
Hagayya 1, 2022tti Manni Murtii Naannoo Noovgoorood ol iyyannoo obboleessi keenya Kiriil Yestigneev dhiheesse fudhachuu dideera. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa hin galu.
Caamsaa 12, 2022, Manni Murtii Naannoo Leeniinskii Magaalaa Niizyiinii Noovgoorood Kiriil yakkamaadha jechuudhaan hidhaa daangaa waggaa sadii itti murteesse.
Chaartii Yeroo
Onkoloolessa 8, 2021
Himanni yakkaa isa irratti dhihaachuu jalqabe. Yaada abbaa murtiitiif kenne irratti Kiriil walgaʼii amantii utuu hin taʼin walgaʼii bashannanaa irra akka turan ibseera
Hagayya 24, 2021
Abbootiin taayitaa Kiriil akka hin imalle dhorkaa isa irratti godhan
Fulbaana 2, 2020
Galma walgaʼii waan kireeffateef Kiriil sochiiwwan finxaaleyyii maallaqaan deggereera jedhamee himanni yakkaa isa irratti baname
Adoolessa 11, 2019
Galma walgaʼii sana yeroo kireeffatanitti kan mallatteesse Kiriil waan taʼeef abbootiin taayitaa isa irratti xiyyeeffataniiru; manni isaas sakattaʼameera
Waxabajjii 4, 2019
Walgaʼii sanaa wajjin haala wal qabateen namoota eenyummaan isaanii hin ibsamne irratti qorannaan yakkaa geggeeffamu eegale
Ebla 2019
Kiriilii fi Dhugaa Baatonni magaalaa Niizyiinii Noovgoorood jiraatan hedduun bashannanaaf galma walgaʼii kireeffatanii turan
Ibsa Gabaabaa
Obboleessi keenya Kiriilii fi haati manaa isaa, akkasumas obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa fi Kiraayimiyaa keessatti ariʼatamni isaan irra gaʼaa jiran hundi ija jabina argisiisuu isaanii akka itti fufan dhagaʼuun keenya amanannaan Yihowaa irratti qabnu akka guddatu godheera.—Filiphisiyus 1:13, 14.