FULBAANA 14, 2023 | ODUU HAAREFFAME: FULBAANA 22, 2023
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLEETTOTA KEENYATTI YAKKAMTOOTA AKKA TAʼAN ISAANITTI MURTAAʼE | Obboleettonni Sadii Kadhannaadhaan Jabina Argataniiru
Fulbaana 21, 2023, Manni Murtii Godinaa Ziyeeyaa inni Naannoo Amuuritti argamu obboleettota keenya Maargaaritaa Moosiyeenkoo, Gaaliinaa Yaatisikii fi Yeeleenaa Yaatsaak yakkamtoota akka taʼan murteesse. Hidhaan daangaa waggaa sadii, waggaa lamaa akkasumas waggaa lamaa fi jiʼa jaʼa akkuma toora maqaa isaanitti isaanitti murtaaʼeera. Kanaafuu yeroo kanatti mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.
Ibsa Gabaabaa
Muuxannoon obboleettota keenyaa Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼuu fi amalawwan qorumsa nu mudatu kam iyyuu moʼuuf nu gargaaru horachuuf akka nu gargaaru nu yaadachiisa.—1 Yohaannis 5:14.
Chaartii Yeroo
Bitootessa 21, 2019
Manni Maargaaritaa fi Konistaantiin ni sakattaʼame
Onkoloolessa 13, 2020
Manni Yeleenaa fi Gaaliinaa ni sakattaʼame
Sadaasa 22, 2021
Himanni yakkaa ni dhihaate.
Guraandhala 15, 2022
Imala akka hin goone dhorkaman
Ebla 24, 2023
Himanni yakkaa mana murtiitti ilaalamuu eegale